Mudhata Yohaannisii 12 - Waadaa HaarawaDubarttitti'ii fi Xaraa 1 Kanaan duubatti ol aana'aa fi malakanni dinqisiisaan sami'itti ni muldhate, aduu ta uffatte, ji'a miila isi'ii jalaan ta taasfatte, urjjiiwwan kudha lamaa akka gonfataa mataa isi'ii irratti ta godhatte, dubarttiin takka ni muldhatte. 2 Isiin'llee ulffa ni turtte, dayu'uuf'llee ciniinsuun qabddeenii sarddamittee ni iyyiti turtte, 3 Akkuma kanaan'llee malikanni bira'aa sami'itti ni muldhate, mataawwan torbaa fi gaaffota kudhanii ni qaba ka ture, xaraan diimaan guddaan ni muldhate, mataawwan isaa irratti'llee gonfatawwan torbaa isaa irra'llee kaayatee jira ture, 4 Eegee isaatiin harka sadihi keessaa harka tokkoo urjjiiwwanii sami'ii harkisee gara arddi'ii isaan ni gate, dubarttiin yeroo deetutti ilma isi'ii liqimssu'uuf yaadee, xaraan gara dubarttii dayu'uuf dhiyaatee durana isi'iitiin ni dhaabate, 5 dubarttiin'llee ummata mara ulee sibiilaatiin ta bitu ilma dhiiraa ni deette, ilmi isi'ii garuu gara Waaqaatii fi gara teessoo isaa titti ni fudhatame, 6 dubarttiin'llee gara lafa gammoojji'ii titti dheessitee ni deemitte, achitti'llee guyyoota kuma tokkoof dhibba lamaaf jahaatamaa kunuunssa'aan qabamttee, bakki itti eeggamttu Waaqinni qopheesseefii jira ture. 7 Sami'itti'llee woraanni ni ka'e, Mikaa'elii fi maleyikkoonni isaa xara'aan woliin wol ni woraanan, xara'aa fi maleyikkoonni'llee deebisanii wol ni woraanan. Maleyikkoota isaa woliin'llee wol ni woraanan, 8 garuu xara'aa fi maleyikkoonni isaa'llee ni injifataman, saniin duubatti'llee sami'itti bakki isaaniif hin argaminne. 9 Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman. 10 Kanaan duubatti qooniqqi ol aanaa tokko sami'ii akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Kunoo fayyisummaan, huminni, mootummaan'llee ka Waaqa keennaa ta'ee jira! Aangoon ka Mashichaa ta'ee jira! Obboleeyyan teenna Waaqa keenna duranatti halkanii fi guyyaa ka isaan ni saaxila ture, himataan obboleeyyan teennaa gatamee jira, 11 isaan diiga Hoolichaatii fi jecha ragumma'aa ka dubbataniin isa injifataniinii jiran, lubbuu isaaniitiif'llee uduu hin sodaatiin mataa isaanii du'aaf dabarsanii kennanii jiran, 12 kanaaf samiiwwanii fi ka isaan keessa jiraatan marrinuu gammadaa! Yeroon muraafnni qoftti akka isa hafe waan beekeef daabiloos dallanissuu ol aana'aan gara keessan bu'ee jiraatii, arddi'ii fi garbi ciisaan isinii uunsha'a!» 13 Xaraan gara arddi'ii akka gadi gatame yeroo argetti, dubarttii ilma deette ni ari'een, 14 dubarttiin gara bakka lafa gammoojji'ii titti isi'iif qophaayee bararttee akka deemittuuf, koolli lamaan koola risaa ol aana'aa fakkaatu ni kennameef, achitti'llee boficha duranaa fagaattee, woggaa sadihii fi wolakka'aaf kunuunssaan qabamttee ni eeggamitti turtte. 15 Dubarttiin lola'aan akka fudhatamittuuf jedhee bofichi bishaan lagaa bishaan gayu afaan isaatii tufee gara dudda duuba isi'iitiin ni jisse. 16 Garuu ardiin dubarttii ni gargaartteen, afaan isi'ii'llee banatteeti xarichi afaan isaatii bishaan tufee jisse, ni xuuxatte. 17 Xarichi'llee dubarttii irraatti dallanee fiixaa isi'ii worra hafaniin woliin wol woraanu'uuf ni deeme, isaan'llee ajajoota Waaqaa worra eeggatanii fi Yesusiif'llee amanamumma'aan worra ragaa bayan. 18 Xaraan'llee garba ciisaa bira, cirracha irra ni dhaabate. |