Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhata Yohaannisii 11 - Waadaa Haarawa


Ragoota lamaan

1 Kanaan duubatti ulee akka bikkiinssaaf tajaajililuu ka ooyya'aa tokko naaf ni kenname, akkana'llee ni jedhame, «Ka'i, Mana Waaqaa ka Waaqeffanna'aatii fi furdda isaa'llee bikki, worra achitti Waaqeffatan'llee laakkayi,

2 Mana Waaqeffanna'aatiin ala ka jiru bakka duwwaa garuu dhiis, inni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef ka kenname waan ta'eef hin bikkin, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee magaalaa Qulqullittii, ji'oota afurtamii lamaaf ni dhitaniin,

3 ragaan kiyya lamaan uffata gaddaa uffatanii guyyaa kuma tokkoof dhibba lamaa fi jahaatamaa raaga akka dubbataniif, huminna isaaniif ni kenna.»

4 Isaan Gooftaa arddi'ii durana ka dhaabatan mukkiin ejerssaa lamaanii fi baatuuwwan ibisa'aa lamaan,

5 eennu'llee isaan miidhu'uuf yoo barbaade ibiddi afaan isaaniitii bayee diinnota isaanii ni guba, isaan miidhu'uuf ka barbaadu marrinuu ka du'u bifa kanaan.

6 Isaan raaga ka itti dubbatan guyyoota kanniintti roobinni akka hin roobinneef samii cufu'uuf aangoo ni qaban, akkuma kana bishaanota gara dhiigaa titti jijjiiru'uu fi yeroo barbaadan yeroma kamittuu, balaa bifa kamiitiinuu arddii dhayu'uuf aangoo ni qaban.

7 Ragummaa isaanii eega xumuraniin duubatti bineenssi boolla gad fago'oo keessaa bayu, isaaniin woliin wol woraanee isaan ni injifata, isaan'llee ni ajjeesa.

8 Reeffi isaanii waamiinssa fakkeennumma'aatiin Sodoom yookiin Gibxi ka jedhamttu bakka yaa'ii magaalaa ol aanttu'utti ni irkifama, magaalattiin tun'llee ta Gooftaan isaanii itti fannifame.

9 Worra adda addaatiif gosoota, afaan adda addaa dubbattootaatii fi ummattoonni, guyyaa sadihii fi wolakka'aaf reeffa isaanii ni laalan, reeffi isaanii akka hin awwaalaminneef'llee ni dhoogan.

10 Nabiyyoonni lamaan kunniin namoota arddi'ii sarddamisiisanii waan turaniif, namoonni arddii irra jiraatan marrinuu du'a nabiyyootaatiin ni gammadan, gammachu'uun'llee aayyaana ni qopheessan, kennaa'llee wol ni jijjiiran.

11 Garuu guyyaa sadihii fi wolakkaan eega dabrreen duubatti hafuurri jireenna kennu Waaqaa keessaa bayee gara reeffotaa titti ni aseene, miila isaaniitiin'llee ni dhaabatan, namoonni isaan argan'llee haalaan ni sodaatan.

12 Kanaan duubatti nabiyyoonni lamaan, «Garana gara olii ni bayaa!» qoonqqa jedhu ol aanaa sami'ii ni dhagayan, uduma diinonni isaanii isaan laalan'llee, duumessa keessa gara sami'ii ol ni bayan.

13 Saa'aatima sanitti sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, harka kudhan keessaa harki tokkoon magaalatti'ii'llee ni diigame, sababa sochii arddi'iitiin'llee namoonni kuma torbaa ni du'an, du'a irraa ka haalaan'llee haalaan ni sodaatan, Waaqa sami'ii'llee ni kabajatan.

14 Uunisha'aan Lammaffaa dabrre jira, kunoo uunisha'aan sadaffaa dadafaan ni dhufa.


Xurumbbaa Ilaali'ii Ka Torbaffaa

15 Maleyikkaan torbaffaa'llee xurumbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, sami'itti'llee, «Mootummaan biyya lafaa ka Masihicha Waaqa Gooftaa keennaa taatee jirtti, inni baraa haga baraa titti ni mootoma» ka jedhan qooniqqi ol aanttonni ni dhagayaman.

16 Waaqa duranatti teessoowwan isaanii irra ka taa'an jaarsotiin diddamii arffan'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, Waaqaaf ni sagadan,

17 akkana'llee ni jedhan, «Ka jirttuu fi ka duraan turtte, Maraa ka dandeettu yaa Waaqa Gooftaa! aangoo kee guddaa harka kee keessa waan taasfittee fi waan mootomteef, si ni galateeffanna.

18 Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ni dallanan, dheekamssuun kee'llee ni dhufe, worri du'an yeroon murtii itti argatan'llee ni gaye, tajaajilttoota keetiif nabiyyoota keetii fi, qulqullaawota maqaa kee ka kabajaniif, maandhotaa fi hangafootaaf'llee, yeroo ati gatii isaanii itti kennitu ni gaye. arddii worra balleessan yeroon itti balleesitu, ni gaye.»

19 Samii ka jiru Manni Waaqaa ka waaqeffanna'aa'llee ni baname, taabonni isaa ka waada'aa'llee Mana Waaqeffanna'aa keessatti ni mulidhate. Bakakkaa, qoonqqa manddiisu'uu, sochii arddi'iitii fi baradaan ol aanaan'llee ni ta'e.

Lean sinn:



Sanasan