Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhata Yohaannisii 1 - Waadaa Haarawa

1 Muldhanni kun yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u tajaajilttoota isaa titti akka muldhisuuf ka Waaqinni Yesus Kristosiif kenne, Yesus Kristos'llee maleyikkaa isaa ergee tajaajilaa isaa Yohaannisiif, muldhata kana ni ibiseef.

2 Yohaannis'llee waayee dubbii Waaqaatii fi waayee dhugaa Yesus Kristos barsiisee, akkuma kanaa waayee waan argee mara'llee ragaa ni baye.

3 Kun marrinuu yeroon itti raawwatamu dhiyoo waan ta'eef, dubbii raagaa kana ka dubbisu ka eebbifame! Akkuma kana dubbii raagaa ka dhagayanii fi raagicha keessatti'llee waan barreeffame ka raawwatan, ka eebbifaman.


Woldayoota Amanti'ii Torban Asiya'aatiif Nagayaa Ergame

4 Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e,

5 ka nu jaalatuu fi dhiiga isaatiin cubbuu keenna irraa bilisa ka nu baase, Yesus Kristosiin irraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.

6 Waaqa fi Abbaa Yesus Kristosii akka tajaajilluuf, mootummaa qeesotaa ka nu taasise, Yesus Kristositiif ulfinnii fi huminni, bara haga baraa titti haa ta'u! Ameen.

7 Kunoo duumessa keessaan ni dhufa, namoonni isa woraanan'llee uduu hin hafin naminni marrinuu ni arigaan, ummatoonni arddi'ii marrinuu sababa isaatiin ni booyan, wonitti kun dhuga'a, Ameen.

8 Ka jiru, ka duraan turee, ka dhufu'llee, Waaqinni Gooftaan maraa danda'u, «Alfa'aa fi Omeegaan, ka jalqabaatii fi ka muumme'e'llee anaa!» jedha.


Muldhataan Muldhachuu Kristosii

9 Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,

10 guyyaa Goofta'aa titti fudhatama Hafuura keessa uduu jiru, qoonqqa xurunbbaa ilaali'ii ka fakkaatu qoonqqa ol aanaa akkana yoo jedhu ni dhagaye,

11 «Waan laala'aa jirttu kana kitaabatti bareessiitii gara woldayoota amanti'ii torbanii, jechu'uun'llee gara Efesoonii, gara gara Semrnees gara Phergamoon, gara Tiyaaxiroonii, Saardeesii, gara Filaadelfiya'aatii fi gara Loodooqiyaa ergi.»

12 Eennu akka natti dubbate beeku'uuf gara duuba kiyyaa ni garagale, yeroo garagaletti'llee baattuuwwan worqqi'ii torbban ni arge,

13 baattuuwwan jiddu'uutti'llee Ilma Namaa ka fakkaatu ni arge, inni'llee haga miila isaa ka gayu uffata dheeraa ka uffate, laphee isaa titti'llee lapheen isaa'llee woraanittillee worqqi'iitiin ka hidhate ni ture.

14 Mataan isaatii fi rifeenissi mataa isaa'llee suufa akka barada'aa fakkaatu adii ni ture, ijji isaa'llee akka arraba ibiddaa ni turan.

15 Miilli isaa'llee akka sibiila diimaa mukukula ibidda keessatti diimatee ni fakkaatan ture, qooniqqi isaa'llee akka qoonqqa fincaayaa bishaan ol aana'aa ni ture.

16 Harka isaa ka mirgaa titti urjjiiwwan torbaa qabatee jira ture, gara lamaaniinuu qara ka qabu biloofnni afaan isaatii ni baya ture, fuulli isaa guutuun ifiinssi isaa akka aduu ifuu ni ture.

17 Yeroo isa argetti'llee akka nama du'ee ta'ee miila isaa jalatti ni kufe, inni garuu harka isaa ka mirgaa narra kaayeeti akkana naan ni jedhe, «Hin sodaatin! Ka jalqabaatii fi ka muumme'ee'llee ana,

18 Ani'llee jiraata'a! du'ee ture, garuu kunnoo, bara baraaf jiraata'a, du'aa fi siiooliin irratti'llee aangoo ni qaba.

19 Eegaa ka argite, ka amma jiruu fi maa'ii ka dhufu'llee barreessi.

20 Harka kiyya ka mirgaa titti ka argite urjjiiwwan torbanii fi dhossaan baattuuwwan worqqi'ii torbanii kana, urjjiiwwan torbban maleyikkoota woldaya amaniti'ii torbaniiti, baattuuwwan torban'llee, woldaya amanti'ii torbban.»

Lean sinn:



Sanasan