Gara Tiito'oo 3 - Waadaa HaarawaGocha Kristaanumma'aa 1 Namoonni marrinuu bulchitootaa fi namoota aangoo qabaniif mataa gad qabataan akka ajajaman, hujii mishaa mara hojjachu'uuf qophaayota akka ta'an, 2 eennuun irratti'llee waan hamaa akka hin dubbanneef isaan yaadachiisi, kana irra namaan woliin ka wol hin dhabinnee fi gara laafeyyii, mataa gad qabata mudaa hin qabnne, nama maratti ka mulidhisan haa ta'an, 3 nu'llee asiin durana gowwoota, ka hin ajajaminne diddoota, karaa keenna ka dogoggore seera dabartoota, kajeellaa adda addaa ka fooniitiif gammachuu foonaya'aaf ka bitamnne, dabaa fi hinaaffa'aan ka jiraannu, ka jibbamnnee fi ufii keennaa'llee ka wol jibbinu turre. 4 Garuu qoricha keenna ka ta'e mishummaan Waaqa keennaatii fi jaalalli isaa ka itti guute gara laafnni isaa yeroo muldhatetti, 5 hujii nu'u hojjanne ka qullumma'aatiin uduu hin ta'in inni mataan isaa dhiifama isaatiin nu ni fayyise, ka nu fayyise'llee miicata dhalachuu haarawaatii fi haareffama karaa Hafuura Qulqullu'uutiin argameen. 6 Waaqinni arjoomummaa isaatiin karaa Fayyisaa keenna Yesus Kristositiin, Hafuura isaa baayi'nnaan nuuf ni jisse. 7 Kana'llee ka taasise kennaa isaa ka bilisaatiin qulqullaawomnnee abddi'iin ka eeggannu, jireenna bara baraa akka dhaalluuf. 8 Kun jecha amaname. Waaqatti namoonni amanan hujii misha'aaf akka hisatan, kana maraa ciminnaan akka hubachiifttu ni barbaada, wonitti kun'llee misha'aa fi tokkoo tokkoo namaatiifuu fayyada'a. 9 Garuu mormmii gowwootaa, laakkofssa hidda dhalootaa, wolitti woca, woldhabiinssa waayee Seeraatiin ka'u irraa fagaadhu, wonittoonni kunniin ka faayiddaa hin qabnnee fi bu'aa dhabeeyyi'i. 10 Gargar bayiissa nama fidu yeroo tokko yookiin yeroo lama eega gorssiteeniin duubatti, isa irraa fagaadhu. 11 Naminni akkanaa kun daba'aa fi cubbama'a, inni'llee ka mataa isaa irratti murtteesse ta'uu beeki. Gorssa Muumme'ee 12 Arixeemaasiin yookiin Xikiqoosiin gara kee yeroo ergutti ati gara Niqoophilyoon gara kiyya dhufu'uuf ariifadhu, ani'llee ji'a gannaa achumatti dabarssu'uuf murtteessee jira. 13 Seera beekaa ka ta'e Zeenaasii fi Apholos adeemissa isaanii akka jala qaban isaan taasis, waan isaan barbaachisu maraanuu isaan gargaar. 14 Namoonni keenna'llee ammoo firii malee akka hin hafinnee fi rakkinna jireenna salphisuu akka danda'aniif, hujii mishaa hojjachuu haa baratan. 15 Ana woliin worri jiran marrinuu nagaya siif ni dhiyeessan, amanti'iin nu'u woliin qoodamtoota worra ta'an waahelloota keenna maraaf, nagaya nuuf dhiyeessi. Kennaan Waaqaa ka bilisaa isin mara woliinuu haa ta'u. |