Gara Ibirootaa 1 - Waadaa HaarawaWaaqinni Karaa Ilma Isaatiin Akka Dubbate 1 Waaqinni baroota duraanii titti karaa adda addaatiin, karaa nabiyyootaatiin abbootii teennatti yeroo baayi'ee dubbatee jira ture, 2 amma garuu baroota maa'ii kanniintti waan maraa dhaaltota ka isa taasise karaa Ilma isaatiin nutti ni dubbate, biyya lafaa mara'llee ka uume isaan. 3 Inni calaqisiinssa ulfinna ifa Waaqaati, Inni amala isaatiin Waaqaan woliin dhugamaanuu sirri'i. Dubbii isaa huminna qabeessaan biyya lafaa mara irkisee qabee jira, namoota'llee cubbuu irraa eega qulqulleesseen duubatti, sami'itti mirga Waaqa Ol Aana'aatiin taa'ee jira. Ilmi Waaqaa Maleyikkoota Irra Haalaan Ka Caalu Ta'uu Isaa 4 Maqaan isaaf kenname maqaa maleyikkoota maraatii olii waan ta'eef, Ilmi Waaqaa maleyikkoota irra haalaan ka caalee jiru. 5 Waaqinni gonkumaa maleyikkoota jiddu'uu, «Ati Ilma kiyya, adha si uumadhee jira», yookiin, «Ani Abbaa isaaf ni ta'a, inni'llee ilma kiyya ni ta'a» ka jedhe, eennuun? 6 Waaqinni Ilma isaa ka hangafaa gara biyya lafaa yeroo ergetti, «Maleeyikkoonni Waaqaa marinuu haa sagadaniif» jedha. 7 Waayee maleyikkoota isaa garuu, «Maleyikkoota isaa hafuurota, tajaajilttoota isaa'llee arraba ibiddaa ni taasisa» jedha. 8 Waayee Ilma isaa garuu, Yaa Waaqa! teessoon kee bara baraa haga baraa titti ni jiraata, Mootummaa kee'llee qajeelatti ni bulchita, 9 Qulqullaawoma ni jaalatte, daba'llee ni jibbite, Sababaa kanaan'llee Waaqinni Gooftaan kee si ni filate, waahelloota kee caala'atti'llee, dhadhaa gammachuu si kennuun si ni dibe jedha. 10 Akkuma kana, «Yaa Gooftaa! Ati jalqaba arddii ni hundeeste, samiiwwan hujii harka keetiiti, 11 Isaan marrinuu ni badan, ati garuu ni jiraatta, isaan marrinuu akka uffataa titti ni moofan. 12 Akka waan marataa titti'llee isaan ni martta, isaan'llee akka uffataa titti ni jijjiiraman. Ati garuu yeroo maraa sanuma, barri kee'llee muummee hin qabu» jedha. 13 Waaqinni maleyikkoota isaa jiddu'uu, «Diinota kee aangoo keetiin jala, haga siif taasisutti, mirga kiyyaan taa'i» ka jedhe eennuun? 14 Eeegaa, maleyikkoonni marrinuu namoota fayyisan tajaajiluuf ka ergaman, tajaajilttoota Waaqaa ka ta'an hafuurotaa miti moo? |