Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

2 Ergaa Yohaannis 1 - Waadaa Haarawa

1 Giifttii filatamitte fi ijoollee isi'iitiif, Ana jaarssa irraa ergaa ergame, ani dhugamaanuu isin ni jaaladha, ana qofa uduu hin ta'in worri dhugaa beekan marrinuu isin ni jaalatan,

2 dhugaan kun'llee ka nu jidduu jiruu fi ufi durana'llee, bara baraaf ka nu woliin jiraatu.

3 Waaqa Abba'aatii fi ka Ilma isaa Yesus Kristosii, kennaan isaa ka bilisaa, dhiifamaa fi nageenni'llee, dhuga'aa fi jaalalaan, nuun woliin haa ta'u.


Waayee Dhuga'aatii fi Waayee Jaalalaa

4 Ijoollee tee keessaa tokko tokko akkaataa Waaqinni Abbaan nu ajajeetiin dhugamaanuu jabaatanii dhaabatanii argachuu kiyyaan, haalaan gammadee jira.

5 Yaa giifttittii haadha worraa, ammallee yaaboo sitti haa ta'u, wonitti siif barreessu kun haarawa sitti hin fakkaatin, amma ka siif barreessu, «Ufii keennaa wol haa jaalanuu» ka jedhu, jalqabumaayyuu kaasee ajaja nu bira ture.

6 Jaalala dhuga'aa jechuun ajaja Waaqaa raawwachu'u. Ajajin kun'llee akkuma jalqaba dhageettaniin, «Jaalalaan jiraadhaa» ka jedhu.

7 Yesus Kristos nama ta'ee fooniin mulidhachuu isaa ka hin amanne dogoggorstoonni baay'een, biyya lafaa irratti ka'aanii jiran. Naminni akkanaa kun soba'aa fi mormmataa Kristositi.

8 Isin garuu gatii keessan guutuu fudhachu'uuf hisadhaa, wonitti hojjattan'llee akka isin jalaa hin banneef, ufi eeggadhaa.

9 Barsiisa Kristositiin jabaatee ka hin jiraannee fi isa irraa'llee fagaatee ka deemu, Waaqinni isa woliin hin jiru, barsiisa Kristositiin jabaatee naminni jiraatu garuu, Waaqinni Abbaanii fi Ilmi'llee isa woliin ni jiran.

10 Barnnoota kana uduu hin qabatin eennu'llee gara keessan yoo dhufe mana keessanitti isa hin simatinaa, nagaya'llee hin gaafatinaanii.

11 Nagaya'llee naminni isa gaafatu, hirmaataa hujii isaa hama'aa ni ta'a.


Nagaya Muumme'ee

12 Isinii barreessu'uuf wonitti barbaadu baayi'ee ni qaba ture, garuu waan maraa xalaya'aan isinii ibisu'uu hin barbaadu, kana irra gammachuun keenna muda maleessa akka ta'uuf gara keessan dhufee, fuulle'etti jechaaf jechaan isin dubbisu'uuf abddii ni taasisa.

13 Ta filatamitte ijoolleen obboleettii teetii, nagaya siif ni dhiyeessan.

Lean sinn:



Sanasan