2 Ergaa Phexiros 3 - Waadaa HaarawaAbddii Gooftaan Yesusii Ittiin Dhufe 1 Yaa waahellan! Kun ka isiniif barreessu ergaa lammaffa'aat, ergaa lamaanuu ka isiniif barreesse wonittoota kanniin yaadachu'uun yaada qajeelaa akka qabaattan, isin kakaasu'uuf jedheeti. 2 Kanaan durana nabiyyoonni Qulqulluuwwan dubbii dubbatanii fi karaa isin ergamittootaatiin ajaja argattan, ajaja Gooftaa keennaa fi Fayyisaa keennaa, akka yaadattaniif ni barbaada. 3 Maraan duranatti kana hubadhaa, guyyoota muumme'ee titti ka balddanii fi hawwii isaanii hamaa worri horddofan baldditoonni ni dhufan, 4 isaaniif, «Gooftaan Yesus ni dhufa jedhamee abddiin kennamee hin turee moo? Eegaa eessa jira? Abootiin keenna ta duraanii yeroo itti du'anii kaasee, wonitti marrinuu jalqaba uumamaatii jalaqabee akkuma jirutti» jedha. 5 Namoonni kunniin bara baayi'een duranatti samiin dubbii Waaqaatiin uumamuu isaa, arddiin'llee ka hojjatamitte bishaanii fi bishaaniin irraa ta'uu isaa, ta'e jedhanii ni waakkatan. 6 Biyyi lafaa ka yeroo sanitti ture'llee bishaan irra garagalee ni bade. 7 Waaqa namoonni hin waaqeffanne sami'ii fi arddiin amma jiran haga yeroo itti badanii haga guyyaa murti'ii titti, ibiddaan eeggamanii ni turan. 8 Yaa waahellan! Isin garuu Gooftaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaa, woggaan kumaa'llee akka guyyaa tokkoo ta'uu isaa, waan tokko kana hin dagatinaa. 9 Namoonni tokko tokko akka isaanitti fakkaatutti Gooftaan dubbii abddii ka dubbate raawwachuuf hin turu, garuu naminni marrinuu dhiifamaaf akka gayuu fi naminni kumi'llee akka hin badinneef barbaadee, waayee keessaniif ni obissa. 10 Guyyaan Goofta'aa garuu akka hattu'uu dimmaa ni dhufa, guyyaa sanitti samiiwwan qooniqqa ol aana'aan ni dabrran, umaan marrinuu ibiddaan gubatee ni bada. Arddi'ii wonittoonni isi'ii irra jiran marrinuu ni gubatan, 11 eegaa wonittoonni kunniin marrinuu haala kanaan ka badan yoo ta'e, eegaa isin Qulqullumma'aan Waaqa Waaqeffachu'uun jiraachuun attam isin irraa hin malle ree? 12 Eegaa dhufaatii guyyaa Waaqaa hawwiin ka eeggattanii fi dadafaan'llee akka dhufuuf worra hojjattan ta'aa, guyyaa san samiin ibiddaan gubatee ni bada, uumamittoon'llee oo'a ibiddaatiin ni baqan, 13 nu garuu akkaataa bu'ura abddii nuuf kennameetiin hujii qulqullaawomaa ka ittiin hojjannu, samii haarawaa fi arddii haarawa ni eegganna. 14 Kanaaf yaa waaheloota! Kun marrinuu guyyaa itti ta'u eeggachuu irra yoo jiraattan, Gooftaa heeyibii malee yookiin ashaa malee taatanii nagayaan akka isin argatuuf, dammaqinnaan jiraadhaa, 15 obissuun Gooftaa keenna'llee fayyinna keessaniif ta'uu isaa beekaa, ka jaalatame obboleessi keenna Phaawulos'llee haguma ogummaa isaa kennameetiin ka isiniif barreesse kanuma. 16 Inni'llee waayee kanaa ergaawwan isaa mara keessatuu bifuma kanaan barreessee jira, ergaa isaa keessatti wonittoonni hubachu'uuf nama dhiban tokko tokko ni jiran. Beekkomissi ka isaanitti dhidhate asii fi achi dhoofttonni kaanniin Kitaabban Qulqulluu bira'aa akka dabissan, wonittoota kanniin'llee ni dabissan, kana'llee ka raawwatan badii isaaniitiif. 17 Isin garuu yaa waahela! Kana durrsitanii waan beekittaniif, dogoggora hamaawwaniitiin harkifamittanii ijjannoo keessan jabaa irraa akka hin kufnneef ufi eeggadhaa, 18 kana irra Gooftaa keennaatii fi qoricha Yesus Kristosiin kennaa isaa ka bilisaatii fi isa'llee beeku'uun ol ol jedhaa, isaaf amma'llee, baraa baratti'llee ulfinni haa ta'u! Ameen. |