2 Ergaa Phexiros 1 - Waadaa Haarawa1 Tajaajilaa Yesus Kristositii fi ergamitticha ka ta'e, Simoon Phexirosiin irraa, Waaqa keennaa fi qoricha kennaa Yesus Kristosiin irraa karaa qulqullaawoma argamuutiin, akkuma amantii nu'u arigannee ka jiru amantii kabajame worra argattaniif, 2 Kennaa Waaqaa ka bilisaatii fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin beeku'uun, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa baayi'atu. Waamichaa Waaqaatii fi Filannoo 3 Ulfinnaa fi mishummaa isaatiin ka nu waame, isa beekuu keennaan humnniti isaa ka Waaqumma'aatiin jireennaa fi Waaqa Waaqeffachu'uuf waan nu barbaachisu maraa, nuuf kennee jira. 4 Ulfinnaa fi ulfinna arjjooma isaatiin gatii ka qabuu fi haalaan ol aanaa ka ta'e, abddii isaa arigannee jirra, karaa kanniiniitiin'llee isin sababa hawwii hama'aatiin balleessaa biyya lafaa kana irra jiru jalaa baatanii, qoodamtoota amala Waaqumma'aa taatanii jirttan. 5 Sababa kanaan wonittoonni itti aananii jiran akka isinii dabalamaniif hisadhaa, amantii irrattii mishummaa, mishummaa irratti'llee beekkomissa, 6 beekkomissa irratti mataa ufii toowachuu, mataa ufii toowachuu irratti'llee obissaan dhaabachuu, obissaan dhaabachuu irratti'llee, Waaqa waaqeffachuu, 7 Waaqa waaqeffachuu irratti obboleeyyumma'aan wol jaalachuu, obboleeyyumma'aan wol jaalachuu irratti'llee jaalala dabalaa. 8 Wonittoota kanniin baayi'innaan uduu qabaattanii, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin beeku'uuf ka hin fayyadinne firi dhabeeyyii akka hin taaneef, isin ni eegan. 9 Wonittoota kanniin ka hin qabnne garuu waan fago'oo argu'uuf ka hin dandeenne jaama'a, cubuuwwan isaan ka dabrran irraa'llee qulqullaawomuu isaa dagatee jira. 10 Kanaaf yaa obboleeyyan! Waamamuu keessan fi filatamuu keessan mirkanneessu'uuf caala'atti worra hawwitan ta'aa, kana yoo raawwattan gonkumaa hin gufattan. 11 Bifa kanaan gara Mootummaa bara baraa ka taatee, gara Gooftaa keennaatii fi gara Mootummaa qoricha keenna Yesus Kristosii galu'uuf, mirgi guutuun isiniif ni kennama. 12 Wonittoota kanniin uduu isaan beekittanii fi dhugaa qabattaniin'llee jabaattanii uduma jiraattanii'llee, waayee keessaniif isaan yaadachisiisuu shilla hin jedhu. 13 Jireenna kanaan haga yeroo ittiin jiraadhuu titti isin yeroo maraa kakaasuun, sirrii ta'eeti natti mulidhata. 14 Gooftaan keenna Yesus Kristos akkuma naaf ibisetti dadafaan biyya lafaa kana irraa du'aan akka hin fooyaminne, ni beeka. 15 Ani amma ka dammaquuf du'aan isin irraa eega fooyameen duubatti'llee, wonittoota kanniin yeroo maraa yaadachu'uu akka danddeettaniif. Waayee Ulfinna Kristosii Ragoota Ijaan Argan 16 Waayee huminna Gooftaa keenna Yesus Kristositii fi waayee deebi'ee dhufiinssa isaa'llee yeroo isinitti himnnetti, mataa keennaa gaachena isaa ija teennaan arginee ka ragaa baannu malee, mammaaka daba ka namaatiin karoorffame horddofinneetii miti. 17 «Isatti ka gammadu Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kana!» qooniqqi jedhu, Ulfinna ol aanaa irraa yeroo dhufetti, Waaqa Abbaa irraa ulfinnaa fi ol aanttummaa fudhatee jira. 18 Isaan woliin gaara Qulqulluu ta'e irratti yeroo turretti qooniqqa sami'ii dhufe kana, nu'u mataan keennaa dhageennee jirra. 19 Kun marrinuu nabiyyoonni ka dubbatan dhugaa ta'uu isaa caala'atti nuuf ni mirkaneessan, kanaaf ibisaa bakka dukkanaa titti argamuuf xiyyeeffannaa akkuma kennitaniif, waan nabiyyoonni dubbataniif'llee xiyyeeffannaa kennaa, kana'llee ka raawwattan haga laftti bariituttii fi urijjiin bariisa'aa onnee teessan keessatti haga mulidhatutti. 20 Waan maraan duranatti hubachuu ka qabddan Kitaaba Qulqulluu keessatti ka argamu raaginni kum'llee, naminni kum'llee yaada mataa isaatiin hiiku'uuf ka hin danddeenne ta'uu isaati. 21 Raaginni kumi'llee fedha namaatiin gonkumaa hin dhufinne, garuu raaginni Hafuura Qulqullu'uun namoonni eemaraman, Waaqa irraa fudhatanii ka dubbatan. |