Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Ergaa Yohaannis 4 - Waadaa Haarawa


Hafuura Dhuga'aatii fi Hafuura Sobaa

1 Yaa waaheloota! biyya lafaa irratti nabiyyoonni dharaa baay'een waan ka'aniif hafuura maraa hin amaninaa, kana irra hafuuronni ka Waaqaa ta'uu isaaniitii fi ta'uu dhabuu isaanii qoradhaa.

2 Hafuura Waaqaa addaan baafittanii ka beekittan kanaan, Yesus Kristos nama ta'ee fooniin mulidhachuu isaa hafuurri amanu marrinuu, Hafuura Waaqati.

3 Yesus Kristos nama ta'ee fooniin mulidhachuu isaa hafuurri hin amanne marrinuu Hafuura Waaqaatii miti, hafuurri kun'llee ni dhufa yoo jedhamu ka dhageettan hafuura mormmataa Kristositi, inni ammmaayyuu biyya lafaa keessa ni jira.

4 Yaa ijoolle! isin ka Waaqaati, Hafuurri isin keessa jiru biyya lafaa keessa hafuura jiru ni caala. Kanaaf nabiyyoota dharaa injifattanii jirttan.

5 Nabiyyoonni dharaa ka biyya lafaati, wonitti dubbatan'llee waan biyya lafaati. Biyyi lafaa'llee isaan ni dhagaya.

6 Nu'u ka Waaqaati, worri Waaqa beeku marrinuu nu'u ni dhagaya, worri ka Waaqaa hin ta'in garuu nu'u hin dhagayu. Hafuura dhugaaalessaa fi hafuura dharaalessaa addaan baafinne ka beekinnu'llee kanaan.


Waaqinni Jaalala

7 Yaa waahela kiyya! Jaalalli Waaqa biraa waan ta'eef ufii keenna wol haa jaalannuu, ka jaalatu marrinuu Ilma Waaqaati, Waaqa'llee ni beeka.

8 Waaqinni jaalala waan ta'eef ka nama hin jaalanne marrinuu, Waaqa hin beeku.

9 Karaa Ilma isaatiin jireenna akka argannuuf Waaqinni Ilma isaa tokko gara biyya lafaa ergeenii jira, kanaan'llee jaalalli Waaqaa nu jiddu'utti mulidhatee jira.

10 Jaalala jechuun akkana, nu'u waan Waaqa jaalanneef uduu hin ta'in, inni waan nu jaalatee fi cubbuun keenna'llee akka nuuf dhabamisiifamuuf, Ilma isaa waan nuuf ergeef.

11 Yaa waaheloota! Waaqinni haga kana eega nu jaalate, nu'llee ufii keennaa wol jaalachu'utu nu irraa mala.

12 Waaqa ka arge eennu'llee hin jiru. Nu'u ufii keennaa uduu wol jaalannee Waaqinni nu keessa ni jiraata, jaalalli isaa'llee nu keessatti muda maleessa ni ta'a.

13 Waaqinni Hafuura isaa waan nuuf kenneef isaan akka jiraannuu fi inni'llee nu keessa akka jiraatu, ni beekinna.

14 Waaqinni Abbaan Faayyisaa biyya lafaa taasisee Ilma akka ergeen arginee jirra, ragaa ni baanalle'e.

15 Yesus Ilma Waaqaa akka ta'e nama amanu keessa Waaqinni ni jiraata, inni'llee Waaqa keessa ni jiraata.

16 Kanaaf Waaqinni jaalala nu'uuf qabu ni beekinna, ni amanna'lle'e. Waaqinni jaalala. Jaalalaan ka jiraatu Waaqaan ni jiraata, Waaqinni'llee isa keessa ni jiraata.

17 Biyya lafaa kana keessa nu'u ka jiraannu, akkuma Kristos jiraatu akkuma ta'uu isaa titti, jaalalli keenna muda maleessa yoo ta'e guyyaa murti'ii titti sodaa malee isa duranatti dhiyaachu'uuf, ufitti amanamummaa guutuu ni qabaanna.

18 Jaalalli dhuga'aa muda maleessi sodaa ufi keessaa baasee gata malee, jaalalaan saalifachuun hin jiru, sodaan adabbii woliin ka wol qabate waan ta'eef, naminni sodaatu jaalalli isaa muda maleessaa miti.

19 Waaqinni durssee waan nu jaalateef, nu'llee ni jaalanna.

20 Waaqa ni jaaladha jedha'aa obboleesa isaa ka jibbu ka sobaa, obboleessa isaa ka argu ka hin jaalanne, Waaqa hin argine jaalachu'uuf hin dandda'u.

21 Kanaaf ajajinni Kristos nuuf kenne, Waaqa ka jaalatu obboleessa isaa'llee, haa jaalatu ka jedhu.

Lean sinn:



Sanasan