1 Ergaa Yohaannis 2 - Waadaa HaarawaKristos Abukaatoo Keenna Ta'uu Isaa 1 Yaa ilma kiyya! Kana ka isiniif barreessu, cubbuu akka hin hojjanneef jedheeti. Garuu naminni kamiyyuu cubbuu yoo hojjate, Waaqa Abbaa biratti abukaatoo ni qabnna, Inni'llee Yesus Kristosii qulqullaawomicha. 2 Inni'llee cubbamoota ni dhabamisiisa, cubbuu keenna qofa uduu hin ta'in, cubbuun biyya lafaa maraa ka dhabamisiifamu isaan. 3 Ajajoota Waaqaa ka raawwannu yoo taane, isaa ka beekinnu ta'uu keenna kanaanuu ni mirkaneessina. 4 «Waaqa ni beeka» jedha'aa ajaja isaa ka hin raawwanne yoo jiraate inni sobddicha, dhugaan'llee isa keessa hin jiru. 5 Garuu dubbii Waaqaatiif ka ajajamu marrinuu jaalallitti inni Waaqaaf qabu muda maleessa, dhugaamaanuu ka isaan jiraannu ta'uun keenna'llee ka beekkamuun kanumaan, 6 Waaqaan ni jiraadha naminni jedhu, Kristos akka jiraattetti jiraachuu qaba. Ajaja Haarawa 7 Yaa waahelloota! Ajajinni isiniif barreessa'aa jiru kun jalqabumaa kaasee ka turee fi ajaja duriiti malee haarawaa miti, ajajinni durii kun'llee dubbima dhageettan. 8 Haa ta'u malee jireenna Kristositii fi keessan biratti dhugaa ta'ee ka mulidhate, ajaja haarawa isiniif ni barreessa, dukkanni dhabamisiifamee ifin dhuga'aa, amma'llee ibisa'aa ni jira. 9 Ifaan ni jiraadha jedha'aa obboleessa isaa ka jibbu inni amma'llee dukkanaan ni jira. 10 Obboleessa isaa ka jaalatu marrinuu ifa keessa ni jiraata, karaa isaatiin'llee nama wonitti gufachiisu hin jiraatu. 11 Obboleesa isaa ka jibbu garuu dukkana keessa ni jiraata, dukkanaan'llee ni dedeebi'a, dukkntti'llee ija isaa waan jaamisseeniif, gara itti deemu hin beeku. 12 Yaa ijoolle tiyya, cubbuun keessan maqaa Yesusiitiin waan isinii dhiifameef isinii ni barreessa. 13 Yaa abbootii, jalqabumaayyuu ka ture waan beekittaniiniif, isinii ni barreessa. Yaa dargaggoota, sheexana waan injiffattaniif isinii ni barreessa. 14 Yaa ijoolle, Waaqa Abbaa waan beekittaniif isinii ni barreessa. Yaa abbootii, jalqabumaayyuu ka ture waan beekitaniiniif, isiniif barreessee jira. Yaa dargaggoota, jajaboota waan taatanii fi dubbiin Waaqaa'llee onnee teessan keessa waan jiraatuuf, sheexana'llee waan injifattaniif isiniif barreessee jira. 15 Biyya lafaa yookiin waan biyya lafaa maraa hin jaalatnaa. Biyya lafaa ka jaalatu Waaqa Abbaa hin jaalatu. 16 Biyya lafaa keessa ka jiru marrinuu hawwii foonii, kajeellaa ijaa, ufi dhaaduu jireennaa marrinuu biyya lafaa irraayyi malee, Waaqa Abbaa biraayyii miti. 17 Biyyi lafaatii fi hawwiin isaa'llee ni dabrran. Fedhii Waaqaa ka raawwatu garuu, bara baraaf ni jiraata. Mormmataa Kristosii Ka Ta'e Irraa Ufi Eeggachuu 18 Yaa ijoolle! Kun yeroo muumme'eet, «Mormmataan Kristosii ni dhufa» yoo jedhamu dhageettanii jirttan, kunoo ammumaayyuu mormmatoonni Kristosii baayi'een ka'anii jiran, waayee kanaan yeroo muumme'ee ta'uu isaa ni beekinna. 19 Isaan numa jiddu'uu bayan. Haata'u malee isaan durumaanuu gara keennaa hin turre. Gara keennaa uduu ta'anii jiraataniitii, nu'uun woliin'llee jabaatanii ni jiraatan turan. Garuu marrinuu gara gosa keennaatii ta'uu dhabuun isaanii akka beekkamuuf, nu jiddu'uu fooyamanii bayanii jiran. 20 Isin garuu Krirstos Hafuura Qulqullu'uun isaan dibee jira. Kanaaf marri keessanuu waan maraa ni beekittan. 21 Isiniif ka barreessu dhugaa waan hin beekinneefii miti, isin ammoo dhugaa ni beekittan, dhugaa keessa'llee sobinni akka hin argaminne, ni beekittan. 22 Eegaa Yesus Masihicha ta'uu ka waakkatu malee, sobaan eennu ree? Inni'llee mormmataa Kristositi, Waaqa Abba'aa fi Ilmaa'llee ni waakkata. 23 Ilma ka waakkatu Waaqa Abba'aa hin fudhatu, Ilmatti ka amanu Waaqa Abba'atti ni amana. 24 Jalqabumaayyuu kaafttanii ka dhageettan onnee teessan keessatti jabaatee haa jiraatu, isin garuu jalqabumaayyuu dubbiin dhageettan onnee teessan keessatti jabaatee yoo jiraate, Ilmaa fi Waaqa Abba'aa woliin, tokkummaa ni qabaattan. 25 Kun'llee abddii Kristos nuuf kenne, jireenna bara baraati. 26 Waayee namoota isin sossobanii ka isiniif barreessee jira, 27 Kristosiin irraa hafuurri fudhattan keessa keessan waan jiraatuuf barsiisaa bira'aa isin hin barbaachisu, inni waan maraa isin ni barsiisa, ka isin barsiisu'llee dhuga'a malee sobaa miti, kanaaf Hafuurri Qulqulluun akka isin barsiisuuf, Kristosiin jiraadhaa. 28 Eegaa yaa ijoollee! Yeroo inni mulidhatutti uduu hin sodaatin ugiinssaan akka isa arginuu fi guyyaa itti dhufutti'llee isa duratti akka hin saalfanneef, isaan jiraadhaa. 29 Inni qulqullaawomaa ta'uu eega beekittan ka qulqullaawoma ka raawwatu marrinuu, Waaqa irraa ka dhalate ta'uu isaa beekaa. |