Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Ergaa Phexiros 5 - Waadaa Haarawa


Ummata Waaqaa Bulichu'uuf Qajeelfama Kenname

1 Eegaa ani isaaniin woliin jaarssa woldaya amantii ka ta'e, rakkinna Kristosii'llee ragaa ka ta'e, akkuma kana ulfinna ufi durana mulidhatuu'llee qoodamaa ka ta'u, jidduu keessan ka jiran jaarssotii woldayaa amanti'ii ni gorssa.

2 Yabo'oon ka isinitti kenname gobbuu Waaqaa eegaa, gobbuu ka eegiddan'llee huminnaan uduu hin ta'in, bifa Waaqinni barbaaduun, fedhi'iin haa ta'u, qarshi'iif joojoru'uun uduu hin ta'in tajaajilu'uuf fedhii qabddaniin haa ta'u.

3 Akkuma kana worra itti gaafatamummaa keessan jala jiran hiyyeeyyii bitu'uun uduu hin ta'in, gobu'uuf fakkeennummaa mishaa mulidhisu'uun haa ta'u.

4 Kana yoo raawwattan Tissichi ijoon yeroo muldhatutti, gonfanni hin banne ka ulfinnaa ni fudhattan.

5 Akkuma kana isin gayeessonni! Jarsoti'iif ajajamaa, marri keessanuu mataa gad qabata akka uffataa titti uffattanii, tokko ka bira'aa haa tajaajilu, «Waaqinni ufi tuulttota ni morma, gara laafeyyi'iif garuu kennaa isaa ka bilisaa ni kenna» jedhamee, barreeffamee jiraatii.

6 Eegaa yeroo Waaqinni muriteessetti ol akka isin qabuuf, harka jabaa Waaqa jalatti mataa keessan gad qabaa.

7 Inni waayee keessaniif waan yaaduuf, yaada isin sarddamisiisu maraa isa irratti gataa.

8 Hagatti jiraadhaa, dammaqaa! diinni keessan sheexanni waan liqimssu barbaadu'uun akka leencca aaduu, naannoo keessan asii fi achi ni naannaya.

9 Biyya lafaa mara irra ka jiran obboleeyyan teessan rakkinna bifa kanaa akka fudhatan beeku'uun, amanti'iin jabaadha'aatii mormma'aanii.

10 Yeroo muraasaaf rakkinna eega fudhattaniin duubatti Kristosiin gara ulfinna bara baraa titti ka isin waame, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaa maraa, mataan isaatuu rakkinna fudhattan mara jalaa isin ni fayyisa, isin irkisa, isin jajjabeessa, isin hunddeessa'lle'e.

11 Baraa haga baraa titti'llee, ulfinnaa fi humnniti isaaf haa ta'u! Ameen.


Nagaya Muumme'ee

12 Obboleessa amanama'a jedhee ka yaadu karaa Siilaasiitiin, ergaa kana gabaaba'atti isiniif barreessee jira, isinii ka barreesseef'llee isin gorissu'uu fi kun kennaa Waaqaa ka bilisaa dhugaalessaa ta'uu isaa isinii ibisu'uuf jedheeti, kanaaf kennaa Waaqaa ka bilisaa kanaan jabaadha'aatii dhaabadhaa.

13 Akkuma keessan ta filatamitte woldeenni obboleettiin amaniti'ii ta Baabiloniin jirttu, nagaya isiniif ni dhiyeessiti, ilmi kiyya Maarqoos'llee nagaya isiniif ni dhiyeessa.

14 Jaalala kristaanumma'aatiin ufii keessanii wol dhungachu'uun, nagaya wol gaafadhaa. Ka Kristosii ka taatan mara keessaniifuu nageenni haa ta'u.

Lean sinn:



Sanasan