Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Ergaa Phexiros 4 - Waadaa Haarawa


Qulqullaawominnaan Jiraachuu

1 Kristos fooniin rakkinna ka fudhate waan ta'eef, isin'llee akka nama meeshaa woraanaa hidhatee titti yaada kanaan jabaadha'aatii qophaayaa, foon isaatiin rakkinna naminni fudhate, hojjachuu addaan kutee jira.

2 Ammaa achitti'llee jireenna isaa ka arddiilessaa titti ka jiraatu fedhii foonii hamaa raawwachu'uun uduu hin ta'in, fedhii Waaqaa raawwachu'uun.

3 Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne akkuma raawwatan gad dhiifamaan, hawwii sagaagalaatiin, machi'iin, gammachuu haga dhabeen, haga malee dhuganii sirbbu'uu fi jibbisiisaa ka ta'e waaqeffannaa Waaqa harkaan hojjatameetiin, barri dabarssitan ni gaya.

4 Amma garuu waan kanaan aango'oo olitti isaan woliin naamusaan ol bayu'uun hirmmaachuu dhabuu keessaniin ni baaseffatan, isaan'llee ni arrabissan.

5 Garuu lubbu'uun worra jiranii fi ka du'an irratti murtteessu'uuf ka qophaaye, isaaf deebii itti ni kennan.

6 Worri du'aniif uduu hin hafin wongeelli ka lallabame'llee sababa kanaan, bifa kanaan foon isaaniitiin akka nama kamiituu isaanitti ni murtteeffama, hafuura isaaniitiin garuu bifa jireenna Waaqinni jiraatuu ni jiraatan.


Kennaawwan Waaqaa Haala Misha'aan Bulichuu

7 Eegaa muummeen waan maraa dhiyaatee jira, jabaatiinssaan dhaabattanii kadhachuu akka dandeettaniif sammuu tasgabbaaye qabaadhaa, hagatti'llee jiraadhaa.

8 Jaalalli cubbuu baayi'ee waan haguugguuf maraa olitti, ufii keessan cimissa'aatii wol jaaladhaa.

9 Guungummii malee ufii keessan keessumumma'aan wol simadhaa.

10 Kennaan Waaqaa ka bilisaa ka adda addaa amanammuma'aan bulichu'uun, isin keessaa tokkoon tokkoon akkaataa kennaa isaa ka bilisaa ka isaa kennameetiin, ka bira'aa haa tajaajilu.

11 Ka barsiisu akka waan dubbii Waaqaa barsiisuu titti haa barsiisu, ka tajaajilu'llee huminna Waaqinni isaa kennuun haa tajaajilu, bifa kanaan'llee Waaqinni karaa Yesus Kristositiin waan maraanuu ni galateeffatama, ulfinnaa fi angoon, baraa haga baraa titti'llee isaaf haa taatu, Ameen.


Yeroo Rakkinnaa Titti Jajabaachuu

12 Yaa waaheloota! Rakkinna akka ibiddaa titti nu qormmaatu keessatti yoo argamittan wonitti keessummaan hin baratamin akka waan isin qunnamee taasfttanii hin dinqisiifatinaa,

13 kana irra ulfinni Kristosii yeroo itti mulidhatutti haalaan akka gammaddan, haguma qoodamtoota rakkinna isaa taataniitiin, gammadaa.

14 Waayee maqaa Kristositiif yoo arrabisamittan Hafuurri ulfinnaa jechuun, Hafuurri Waaqaa isin irratti waan ta'uuf, gammadaa.

15 Isin keessaa eennu'llee rakkinna yoo fudhatu akka lubbuu ajjeesa'aa, akka hattu'uu, akka yakkama'aa, akka nama waayee namaa keessa aseenuu hin ta'in.

16 Kristaana ta'uu isaatiin ka rakkinni isa irra gayu yoo jiraate garuu, waayee maqaa Kristositiif Waaqa haa galateeffatu malee, hin saalfatin.

17 Murtiin yeroon itti jala qabu gayee jira, murtiin'llee ka jala qabu'llee namoota Waaqaa irraan, eegaa murtiin ka jala qabu nu'uun yoo ta'e, wongeela Waaqaatiif namoonni hin ajajaminne, muummeen isaanii maal ta'inna laata?

18 Kitaabnni Qulqulluun akkuma jedhutti, «Qulqullaawomaan fayyu'uuf ka danda'u sarddamaan yoo ta'e naminni Waaqa hin waaqeffanne attam ta'u'uuf ree?»

19 Kanaaf akka fedha Waaqaa titti namoonni rakkinna fudhatan, gara qaban maraa Waaqa amanama'aaf yaboo kennanii, waan mishaa raawwachuu irraa ufi hin qusatin.

Lean sinn:



Sanasan