1 Ergaa Phexiros 3 - Waadaa HaarawaWaayee Abbaa worraatii fi Haadha worraa 1 Akkuma kana isin haawotiin worraa! Abbootii worraa keessaniif ajajamaa, bifa kanaan tokko tokko dubbii Waaqaa titti ka hin amanne yoma ta'an'llee, dubbii isaatiin alatti amala haadha worraa isaanii qofaan qalbbiin isaanii fudhatamu'uuf ni danda'a. 2 Fudhatamuuf' ka danda'aman'llee qulqulluu ka ta'ee fi nama kabajaa ka ta'e jireenna isaanii yoo arganitti. 3 Bareedinni keessan rifeenissa mataa keessan hojjatamu'uun, worqqi'iin ufi bareechisu'uu fi uffata gatii gudda'aa uffachu'uun, faaya duubanaan muldhatuun hin ta'in. 4 Garuu bareedinni keessan Waaqa duranatti gatiin isaa haalaan ka ulffaatee fi faaya hin badinneen, gara laafnnaa fi hafuura ufi toowattiinsaatiin ka bareede, onnee keessatti dhokatee ka arigamu, keessa qaamaatiin haa ta'u. 5 Yeroo duraanii abddii isaanii Waaqa irratti ka gatan, dubarttoonni Qulqulluu ta'an ka bareedan bifa kanaan ture, abbootii worraa isaaniitiif'llee ni ajajaman turan. 6 Ka ajajaman'llee Saaraan Abrahaamiin, «Gooftaa kiyya!» jedha'aa ni ajajamittiif akka bifa turtteeti, isin'llee waan mishaa ta'e yoo raawwattanii fi wonitti sodaachisu tokko uduu isin naasisuu dhabaatee, ijoollee isi'iiti. 7 Isin'llee abbootiin worraa! Haawotii worraa teessaniin woliin hubanna'aan jiraadhaa, isin irra uumama dadhabddoota waan ta'anii fi isin woliin'llee jireenna kennaa isaa ka bilisaa waan dhaalaniif isaan kabajaa, bifa kanaan kadhannaa keessaniif wonitti gufuu ta'u hin jiraatu. Mishaa Raawwachu'uun Rakkinna Fudhachuu 8 Waan hafeen marri keessanuu ufii keessan wolii galu'uun jiraadhaa, rakkinna nama bira'aa akka mataa keessan taasisa'aatii laakkayaa, jaalala obbolumma'aatiin wol jaaladhaa, mishaawwanii fi gara laafeyyii ta'aa. 9 Eebbisaa malee hamaa bakka hama'aatiif, arraba'llee bakka arrabaatiif hin deebisinaa, isin ka waamamittan kana raawwachu'uun eebba dhaalu'uuf, 10 Kitaabnni Qulqulluun akka jedhutti, «Jireenna ka jaalatuu fi guyyoota mishaa'llee argu'uuf ka barbaadu, arrabinni isaa waan hamaa akka hin dubbanneef, hidhiin isaa'llee waan dabaa akka hin dubbanneef, haa dhooggu. 11 Waan hamaa irraa haa fagaatu, waan mishaa haa raawwatu, nagaya haa barbaadu, haa horddofuun'lle'e. 12 Ijji Goofta'aa, gara Qulqullu'uu ni laalan, gurri isaa'llee kadhannaa isaanii dhagayu'uuf banamanii jiran, hamaa raawwatoota irratti garuu, Gooftaan fuula isaa ka dallansu'uu ni mulidhisa.» 13 Waan mishaa raawwachu'uuf yoo jabaattan, miidhaa isin irraan ka gayu eennu? 14 Waan mishaa raawwachu'uun rakkinna yoma fudhattan'llee eebba ni argattan, dhaadata namootaa hin sodaatinaa, hin sarddaminalle'e. 15 Gooftaa Kristosiin onnee teessanitti ulfeeffadha'aanii, lubbuu teessaniif'llee Gooftaa godhadha'aanii, waayee abddii isin keessa jirttuutiif'llee ka isin gaafatu maraaf deebii kennu'uuf, yeroo maraa qophaayota ta'aa. 16 Deebiin keessan garuu gara laafnnaa fi kabaja'aan haa ta'u, ka Kristosii ta'uu keessaniin amala mishaa qabddan irratti hamaa namoonni dubbatan, haasaya hamaa isaaniitiin akka saalifataniif sammuu mishaa qabaadhaa. 17 Fedhii Waaqaa yoo ta'e, isinii waan hamaa raawwachu'uun rakkinna fudhachuu irra, waan mishaa raawwachu'uun rakkinna yoo fudhattan isinii woyya. 18 Kristos'llee mataan isaatuu gara Waaqaa titti akka nu dhiyeessuuf inni qulqullaawomaa ta'ee uduu jiru, qulqullaawoma ka hin qabnne nu'u sababa cubbuu keennaatiin, haala irra deebii hin qabnneen yeroo tokko rakkinna fudhachu'uun du'ee jira, inni fooniin ni du'e, hafuuraan garuu jiraataa ni ta'e. 19 Hafuuruma saniin gara lubbuuwwan mana hidhaa keessa jiranii deemee, dubbii gammachu'uu isaanitti ni hime. 20 Sunniin mana hidha'aa ka turan jinniiwwan, duri bara Nohii titti dooniin yoo qophaayu, Waaqinni obissaan isaan yeroo eega'aa jirutti, hin ajajaminnu worra jedhan. Doonii san keessatti galanii karaa bishaaniitiin ka fayyan, laakkofssi isaanii saddeeti ka ta'e namoonni muraasa qofa. 21 Bishaan kun'llee amma isin ka fayyisu fakkeenna cuupha'aati, cuuphaan kun'llee xurii qaamaa dhabamisiisuu uduu hin ta'in, sammuu qulqulluu argachu'uuf kadhannaa gara Waaqaa dhiyaatu, ka isin fayyisu'llee karaa du'aa ka'iinssa Yesus Kristositiin, 22 Inni gara sami'ii deemee mirga Waaqa Abba'aa ni jira, maleeyikkootaa fi huminnootiin ol aanttonni'llee, bitamaniifii jiran. |