1 Ergaa Phexiros 2 - Waadaa HaarawaDhagaa Jiraata'aa fi Ummata Qulqulluu 1 Eegaa hammeenna mara, sobuu mara, fakkeessitummaa, hinaaffaa, hama bifa kamiituu dhabamissiisaa. 2 Daai'mman haarawa dhalatan aanan akkuma hawwan, isin'llee fayyu'uuf guddata'aa ka itti deemittan, barsiisa qulqulluu hafuuraa hawwaa. 3 Hawwu'uuf ka dandeettan'llee, «Gooftaan arjjoomaa ta'uu isaa beekittanii yoo jiraattan.» 4 Kanaaf dhagaa jiraataa gara ka ta'ee gara Gooftaa Yesusii dhiyaadhaa, dhagaan kun ka namoonni tuffatanii dhiisaniin, Waaqa biratti garuu ka filaatamee fi gatii ulffaataa ka qabu. 5 Gara Gooftaa Yesusii ka dhiyaattan'llee, akka dhagaayyii jiraattotaa mana hafuuraa taatanii ijaaramu'uuf, bifa kanaan karaa Yesus Kristositiin ciinccaa ka gammachiisu ciinccaa Waaqaa dhiyeessu'uuf, qeesota Qulqulluuwwan ni taatan. 6 Kitaaba Qulqulluu keessatti, «Kunoo! Ka filatamee fi kabajamaa ka ta'e, dhagaa cabissataa Xiyooniin ni kaaya, ka isatti amanu'llee hin saalifatu» dubbiin jedhu barreeffamee arigama. 7 Eegaa isin worra amanttaniif dhagaan kun kabajama'a, ka hin amanneef garuu, «Dhagaan worri kaabdotaa tuffaatanii gatan, dhagaa cabssata mata'aa ni ta'e.» 8 Dabalee'llee, «Kunoo! Dhagaan namoota gufachiisu, Kunoo! namoota gufachiisee dhagaan kuffisu» ni jedha. Isaan'llee dubbii isaa amanuu dhabuu isaaniitiin ni gufatan, durssanii'llee isaan kanaaf worra ramadaman. 9 Isin garuu dukkana keessaa gara ifa maalalchiisuu titt ka isin waame, hujii maalalchiisaa Waaqaa akka labissitaniif dhaloota filatame, qeesota nugusaa, Waaqinni mataa isaatiif ka isin taasise, ummata Qulqullu'u. 10 Isin duraan ummata Waaqaa hin turre, amma garuu ummata Waaqaati, duraan dhiifama hin arganne ture, amma garuu dhiifama argattanii jirttan. Tajaajilttoota Waaqaa 11 Yaa waahellan! Biyya lafaa kanatti keessummootaa fi galttoota waan taataniif lubbu'uun woliin ka wol woraanan, gubatoota hawwa foonnii irraa akka fagaattaniif, yaboo isiniin jedha. 12 Yookiin, «Hamaa raawwattoota» jedhanii yoma isin hamatan'llee, Waaqinni nu laalu'uuf guyya itti dhufutti, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne hujii keessan mishaa laalanii Waaqa akka galateeffataniif, isaan jidduu yoo jiraattanitti amala mishaa qabaadhaa. 13 Waayee Gooftaa Yesusiitiif jedha'aatii aangoon ka kennameef jaarmiyaa ummataatiif ajajamaa, aangoo qabaataa ol aanaa waan ta'eef, nugusaaf'llee ajajamaa. 14 Bulchitoota biyyaatiif'llee ajajamaa, isaan hamaa raawwattoota adabu'uuf, worra mishaa raawwatan galateeffachu'uuf, nugusa moo'ee biraa ka ergaman. 15 Waan mishaa raawwachu'uun haasaya worra gowwa'aa ka beekkomissa malee haasayamu akka caldhisiifttaniif, fedha Waaqaati. 16 Akka tajaajilttoota Waaqaa ta'aatii bilisumma'aan jiraadhaa malee, bilisummaa keessan haguuggama hammeennaa hin taasisinaa. 17 Nama maraa kabajaa, obboleeyyan maraa jaaladhaa, Waaqa sodaadhaa, nugusa kabajaa. Fakkeennummaa Rakkinna Kristosii 18 Isin tajaajilttoota nana bulchitoota keessaniif kabajaan ajajamaa, ka ajajamittan'llee mishaawwanii fi gara laafeyyii qofaaf uduu hin ta'in, hamaaleyyi'iif'le'e. 19 Naminni ka galateeffatamu akka male'een rakkinna yoo fudhatu waayee Waaqaatiif jedhee, yoo obisse. 20 Hamaa raawwattanii adabbii yoo fudhattan yoo obissitan, galata maal qabaattan? Garuu mishaa raawwattanii rakkinna yoo fudhattan yoo obissitan, Waaqa biraa galata ni argattan. 21 Ka waamamittaniif'llee kanumaaf, fakkeennummaa isaa akka horddofttaniif Kristos waayee keessaniif rakkinna fudhachu'uun, fakkeenna taatanii jirttan. 22 Inni cubbuu woyiituu hin raawwanne, afaan isaa titti'llee hamaan hin argaminne. 23 Yoo arrabissaniin deebisee nama hin arrabissine, rakkinna yoo fudhatu qulqullumma'aan Waaqa murtteessuuf mataa isaa yaboo kenne malee, hin dhaadanne. 24 Cubbuu irraa fooyaminnee qulqullumma'aan akka jiraannuuf, inni mataan isaatuu foon isaatiin cubbuu keenna fannoo irratti ni baadhate, madaa isaatiin isin fayyitanii jirttan. 25 Isin akka hoolota baddee titti asii fi achi ni jettan ture, amma garuu gara tissicha lubbuu keessaniitii fi eegaa keessan, deebitanii jirttan. |