Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -



Gara Worra Filiphisiiyusii 4 - WAADAA LAMMATAA


Gorsa Dhumaa

1 Kanaafuu worri ani yaaduu fi jaaladhu badhaasaa fi gammachu'uuf kallacha kiyya worri taatan, obboleeyyan tiyya! Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.

2 Jaalatamtoota tiyya, yaada tokkoon Goofta'aan akka wolii galaniif, Eewodiyaanii fi Sinxiikee hin gorsa.

3 Atillee akkasuma hujii kiyyaaf ka na woliin dhuga'aan qabamte! Akka isaan gargaartu si kadhadha; maqaan isaanii kitaaba jireennaa keessatti worra barreeffaman Qaleminxoosii fi akkasuma na woliin worra hojjatan, kuuwwanillee waan Oduu Nagayaatiif na woliin dadhabaniiran.

4 Hennaa maraa Goofta'aan gammadaa'a. Ammallee deebi'ee jedhaa gammadaa'a!

5 Gara-laafinni keessan nama maraa biratti haa beekkamuu. Gooftaan dhiyo'o.

6 Waa maraanuu Rabbiin kadhatu'uu fi waan kaawwaniitiifillee galata woliin, Rabbiin biratti kadhata keessan beessifadhaa'a malee, waan tokkoofillee hin dhiphatinaa'a.

7 Nageenni Rabbii ka hubannaa sammuu nama maraatii ol ta'e, yaadaa fi onnee keessan Karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin eega.

8 Waan hafeen obboleeyyan tiyya, waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a.

9 Waan narraa barattanii fi waan narraa fudhattan waan dhageettanii fi argitan kanniin maraa raawwadhaa'a. Waandhi nagayaa isin woliin ta'aa.


Phaawulos Gargaarsa Isaanii Galateeffate

10 Haata'uu ammoo hennaa kanaan maayessa waan kiyya deebitanii yaaduu waan jalqabdaniif, Goofta'aan guddisee gammada. Hennaa dhabdan malee yaaduullee hin yaaddan.

11 Kana yoo jedhu waan hanqinnaa jechuu kiyyaa miti. «Wonti qabu na gaya» jechuu waan baradheeruuf.

12 Salphinnallee hin beeka. Baayi'achuullee hin beeka; waan kamiifillee hennaa kamillee waan maraanuu guddisee beelayu'uu fi quufu'uun, qabaachu'uu fi dhabuullee baradheera.

13 Hunna Kiristoos naa kennuun maraa danda'a.

14 Ta'ullee hennaa rakkoo kiyyaa na woliin waan qoodamtaniif mishaa gootaniirtan.

15 Isin namoota Filiphisiyuusii, jalqaba Oduun Nagayaa hennaa himamu, Maqedooniya'aa hennaa baye, isin malee woldaa biraatitti herrega kennu'uu fi fudhachuu na woliin akka hin qoodamne isinuu hin beettan.

16 Hennaa ani Tasolonqee jiru, harka tokkoo fi lama waan na barbaachisu naa ergitanii turtan.

17 Kunillee akka eebbi baayi'atee isinii kuufamuuf malee, ani kennaa keessan barbaadeetii miti.

18 Haata'uu ammoo maraa hin qaba, naa baayi'atalle'e; kennaa keessan ciincaa urgaaya'aa fi jaalatamaa ka Rabbiin gammachiisu Afirodiixiin irraa fudhadhee, gammachu'uun guuttameera.

19 Waandhi kiyyallee akkuma durummaa ulfinna Kiristoosiitiin waan isin barbaachisu maraa isinii guuta.

20 Waaqa keennaa fi Abbaa keennaallee baraa haga baraa ulfinni haata'u! Amiin.


Dhaamsa Nagayaa

21 Woyyoota maraafuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin nagaya isaanitti naa himaa'a. Obboleeyyan na woliin jiran nagaya isinii dhaamaniiran.

22 Woyyoonni maruu, keessattuu ka gara worra mana mootii worra Rooma'aa ta'an, nagaya isinii dhaamaniiran.

23 Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ayyaana keessan woliin haata'u. Amiin!

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements