Gara Worra Filiphisiiyusii 2 - WAADAA LAMMATAAKasumma'aan Kiristoosiin Fakkaachuu 1 Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara-laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a. 2 Yaada tokkoon wolii galaa'a; jaalala tokko, qalbii tokkoo fi yaada tokko qabaadhaa'a. 3 Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookiin sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haata'uu ammoo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara-laafumma'aan haa laalu. 4 Namni martinuu waan isa fayyadu hin laalin, waan hiriyyaa isaatii ta'u malee. 5 Yaanni Kiristoosiin keessa ture sun isin keessallee akkasuma haata'u. 6 Inni adaba Rabbiitiin jiraata'aa uduu jiru, Ulfinna Rabbummaa Rabbii woliin isa qixxeessu akka waan gadi dhiisu'uutitti hin laakkofne. 7 Haata'uu ammoo, Inni akka garbichaa ta'ee, duwwaa uf godhee; gadi uf deebisee; nama fakkaatee mudhate. 8 Fakkeennaan akka namaa ta'ee, uf salphisee, haga fannifamee, du'uutittillee hin ajajame. 9 Sababa kanaaf Rabbi hagaa ol, ol ol isa aanse; maqaa maqaa maraa caalu kenneef. 10 Kunillee worra ardi'ii fi samii, worri ardii jala jiran maruu, maqaa Yesuusiitiif akka jilbiinfatan. 11 Arrabni maruu, ulfinna Rabbii Abba'aatiif, Yesuus Kiristoos Gooftaa akka ta'e, ragu'uuf. Banii Adunya'aatiif Ifa Ta'uu 12 Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a. 13 Waan fedha isaa mishaa soqu'uu fi raawwachuullee ka isin keessa kaayu Rabbiin waan ta'eef. 14 Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara-laaffeeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, hamaa uduu hin yaanne maraa godhaa'a. 15 Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhatan. 16 Kanaafuu duwwa'aaf akka hin dadhabneef ani duwwaa akka hin fiinne, guyyaa Kiristoos dhufu waan ittiin dhaadadhu naa ta'a. 17 Haata'uu ammoo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera. 18 Isinillee akkasuma gammadaa'a. Na woliinillee gammadaa'a. Tajaajila Ximootiwoosiitii Fi Ephafrodixosii 19 Haata'uu ammoo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximotewosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha. 20 Nama waan jiruu keessanii qajeellumma'aan yaadee dhiphatu, ani isa malee nama biraa eennunillee waan hin qabneef. 21 Martinuu ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii uduu hin ta'in, woma ufii waan soqaniif. 22 Haata'uu ammoo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Oduu Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan. 23 Eegasuu dubbiin tiyya maal akka ta'u hennaa beeke, dafee isa akka ergu abdii godha. 24 Anillee ammoo ariifadhee akka dhufu Gooftaa hedadheera. 25 Akkasuma Obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammoo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Afirodiixiin isinii erguun giddi'i. 26 Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera. 27 Inni dhugamaan dhibamee du'uu gaye. Haata'uu ammoo Rabbi hin fayyiseen. Gadda irratti gadda akka natti hin edaane, gaddii sunillee anaaf malee isa calla'aafii miti. 28 Eegasuu ammallee yoo isa argitaniin, akka gammaddan, anaafille gaddi akka naa salphatu guddisee ariifadhee ergaan. 29 Eegasuu maqaa Goofta'aatiin gammachuu guutu'uun simadhaa'a; worra akka isaalle'e kabajjaa'a. 30 Tajaajila isin naaf kennuu hin dandeenne guutu'uuf jedhee, hujii Kiristoosiitiif jedhee jiruu ufii uduu hin filatin du'uu gaye. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia