ፊልጵስዩስ 4 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooGorsuu Isaa 1 Kanaafis yaa obboloota jaallatamoo ani arguu yaadu, gammachuu koo fi gonfoo ulfina koo michoota koos, gooftaatti jabaadhaa dhaabadhaa*! 2 Obboleetonni keenya Ewodiyaa fi Sinxiikeen maqaa gooftaatiin yaada tokkotti akka waliif galaniif lachuu isaanii nan gorsa*. 3 Atis yaa amanamaa hiriyaa ko, dubartoota kana akka gargaartu sin kadhadha; isaan kun, Klemens, warri kaan hojii irratti hidhata koo warri ta'an, warri jireenya argachuudhaaf maqaan isaanii macaafa jireenyaa keessatti caafame, dorgomee hojii wangeelaatti anaa wajjin dhama'aa turan*. 4 Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa*! 5 Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu! Gooftaan dhi'oo dha, dhi'ootti in dhufas*. 6 Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa*! 7 Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega*. 8 Ammas yaa obboloota ko, waa'ee waanuma dhugaa ta'ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa'amuu, waanuma qulqulluu ta'ee, waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti toluu, waanuma gaarii ta'ee, waanuma galata qabuu yaadaa*! 9 Wanta ana irraa bartan, ana irraa fudhattan, ana irraa dhageessan, utuun hojjedhuus waan argitan, isinis akkasuma godhaa! Waaqayyo inni nagaa kennu isinii wajjin in ta'a*. Gargaarsa Isaaniitiif Galateeffachuu Isaa 10 Isin amma anaaf dhimmuun keessan guutummaatti akka lubbuu godhatu gochuu keessaniif gooftaatti guddaa nan gammade. Duraan iyyuu dhuguma anaaf in dhimmitu turtan, garuu kana mul'isuudhaaf fucha hin arganne. 11 Kana jechuun koo waa dhabee komachuu koo miti; ani akka kamitti iyyuu of danda'ee jiraachuu bareera*. 12 Ani jireenya gad deebi'aa jiraachuu beeka, wanta barbaachisu gara irraatti qabaachuus, beeka; ani waan hundumaatti, akka kamittis, quufatti, beelattis, irraa hafaa qabaachuutti, dhabuuttis nan beeka*. 13 Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a*. 14 Haa ta'u iyyuu malee, rakkina koo hirmaachuu keessaniif gaarii gootan. 15 Ani yeroon Maqedooniyaadhaa ka'ee naanna'aa sanatti jalqaba wangeela lallabuuf ba'e, isin kophaa malee waldaan tokko illee waanan argadhutti, waanan baasuttis na gargaaruudhaaf hirmaattuu akka hin ta'in, isin warri Filiphisiiyus in beektu*. 16 Tasaloniiqeetti iyyuu gargaarsa deddeebiftanii anaaf ergitaniittu*. 17 Bu'aan isaa inni isiniif lakkaa'amu haa baay'atuuf malee, ani gargaarsicha argachuuf barbaadee miti. 18 Ammas wanti hundinuu guutummaatti na ga'eera, kan ga'u caalaas fudhadheera. Kennaan isin ergitan, akka aarsaa urgaa'aa fi qalma Waaqayyo duratti fudhatamee isa gammachiisuu ti; kennaa kana immoo Ephafrodixos harkaa fudhadhee guuttadheera*. 19 Waaqayyo koos akka badhaadhummaa isaa isa dinqisiisaatti karaa Kristos Yesus waanuma isin barbaachisu isiniif guutuuf jira*. 20 Waaqayyo abbaa keenyaaf ulfinni baraa hamma bara baraatti haa ta'uuf! Ameen*. Gara Dhumaatti Nagaa Dhaamuu Isaa 21 Warra Waaqayyoof qulqullaa'an adduma addaan, Kristos Yesusitti nagaa anaaf gaafadhaa! Obboloonni anaa wajjin jiran nagaa isiniif dhaamu. 22 Warri Waaqayyoof qulqullaa'an hundinuu, addumaan immoo warri mana mootii warra Roomaa keessa jiran nagaa isiniif dhaamu*. 23 Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa ta'u*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia