ፊልጵስዩስ 3 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooWaa'ee Qajeelina Isa Dhugaa Dubbachuu Isaa 1 Kana irraa kan hafes yaa obboloota ko, gooftaatti gammadaa! Wanta ani kanaan dura isiniif caafe caalaatti isiniif cimsuudhaaf, keessa deebi'ee isiniif caafuun ana hin dhibu*. 2 Warra maqaa dhagna-qabaatiin akka sarootaa foon dhagna namaa kukkutuudhaan hamaa godhan irraa of eeggadhaa*! 3 Nuyi garuu dhagna-qabaa isa dhugaa arganneerra; isa kan foonii amanachuu dhiifnee, Kristos Yesusiin of in jajna, hafuuraanis Waaqayyoof in hojjenna*. 4 Haa ta'u iyyuu malee, ani ofii kootii isa kan foonii iyyuu amanachuudhaaf sababii qabaachuu nan danda'an ture; namni biraa isa kan foonii kana amanachuudhaaf sababii qaba yoo of se'e, ani immoo isa caalaa iyyuu sababii qaba*. 5 Dhaladhee gaafa saddeetaffaan dhagna qabadhe; sanyii Israa'el, gosa Benyaamiin keessaan dhaladhe. Abbaan koo fi haati koo Ibroota waan ta'aniifis ani Ibricha makaa hin qabnee dha; karaa seera eeguu immoo ani warra Fariisotaa keessaa tokko*. 6 Seera sanaaf hinaafuu irraa kan ka'e waldaa amantootaa ari'achaan ture; qajeelummaan seericha eeguudhaan in argama utuu ta'ee, ani isatti mudaa hin qabun ture*. 7 Amma garuu Kristosiif jedhee, wanta bu'aa anaaf qaba ture hundumaa akka waan gatameetti lakkaa'eera*. 8 Dhuguma iyyuu gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa'a; Kristosin bu'aa koo godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame ta'eera; akka kosiittis isa lakkaa'eera*. 9 Kanaanis ani kan Kristos ta'ee argameera. Egaa qajeelummaan koo isa seera eeguudhaan argamu utuu hin ta'in, isa Kristositti amanuudhaan argamuu dha; qajeelummaan kun Waaqayyo biraa in dhufa, amantii irras in dhaabata. 10 Kanaafis isa duwwaa beekuu, humna du'aa ka'uu isaas miyeeffachuu, dhiphina isaa irraa, du'a isaa irraas hirmaachuu nan barbaada*. 11 Warra du'an keessaa kaafamuu biras nan ga'a jedheen aggaama. Akeeka Bira Ga'uudhaaf Kaachuu 12 Kanas argadhee waanan guuttadheef miti; garuu Kristos kan isaa waan na godhateef, anis isa kana bira ga'ee harka koo keessa galfachuudhaaf duukaa kaachuutti nan jira*. 13 Obboloota ko, ani akka nama harka isaa keessa isa galfateetti of hin lakkaa'u. Haa ta'u iyyuu malee, waan tokko nan godha; wanta na booddeetti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha*. 14 Akeeka sana bira ga'ee gonfoo warra mo'anii argachuudhaaf nan kaadha; gonfoon warra mo'anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol nu waamee dha*. 15 Nuyi hammi karaa hafuuraa bilchaatoo taane, kanatti yaadaan tokko ta'uun nu irra jira; waa'ee waan tokkoof yaada biraa yoo qabaattan garuu, Waaqayyo isas immoo isinitti mul'isuuf jira. 16 Amma immoo kottaa isa bira geenye duwwaatti qabamnee in deddeebina*. 17 Obboloota ko, fakkeenya koo fudhachuutti waliif galaa! Akka fakkeenya nuyi isiniif kennineetti warra jiraatan ilaalaa*! 18 Waa'ee jara tokkoo kanaan dura akkuma ani si'a baay'ee isinitti hime, ammas boo'aa isinitti nan hima; isaan yaada fannifamuu Kristositti diina ta'anii in jiraatu*. 19 Dhumni isaanii badiisa, garaan isaanii waaqayyo isaanii ti; salphina isaanii ulfinatti in lakkaa'atu; yaada garaa isaaniis waan lafa irraatti in hidhu*. 20 Nuyi garuu nama biyya waaqa irraa ti; ?Gooftaan keenya fayyisaan keenya Yesus Kristos achii nuuf dhufa? jennee eegganna*. 21 Inni humna isaatiin bifa dhagna keenyaa isa gad deebi'aa diddiiree, akka dhagna isaa isa ulfina-qabeessaa gochuu in danda'a; humna kanaanis waanuma hundumaa of jala in galcha*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia