Online Bible

- Advertisements -


ፊልጵስዩስ 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Kristos Namaaf Fakkeenya Ta'ee, Gad Of Deebisuu Isaa Fi Ol Qabamuu Isaa

1 Egaa karaa Kristos wal gorsuun, jaalala isaatiin wal jajjabeessuun, karaa hafuura qulqulluu tokkummaa qabaachuun, gara-laafinaan namaaf yaaduun nuuf kennameera*.

2 Ammas isin warra yaada garaa tokkoo ta'uudhaan, jaalala tokko qabaachuudhaan, yaada walitti dabalattanii tokko ta'uudhaan, yaada tokkotti waliif galuudhaan gammachuu koo fiixaan anaaf baasaa*!

3 Gad of deebisuudhaan warra kaan of irra caalchisaa lakkaa'aa malee, yaada ofittummaatiin yookiis of dhiibuudhaan waan tokko illee hin hojjetinaa*!

4 Isin keessaa adduma addaan waan warra kaanitti tolus immoo haa ilaalu malee, waan isatti tolu duwwaa hin ilaalin*!

5 Yaada garaa isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa*!

6 Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne*.

7 Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta'ee argame*.

8 Inni gad of deebisee, hamma du'aatti, hamma fannifamee du'utti iyyuu abboomamaa ta'e*.

9 Kanaafis Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf*.

10 Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe*.

11 Arrabni hundinuus, ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka ta'e beeksisuuf jiru*.


Biyya Lafaa Keessatti Ibsuu Isaanii

12 Kanaafis yaa michoota ko! Yeroo hundumaa akkuma abboomamtan, yeroon isin bira jiru duwwaa utuu hin ta'in, caalaadhumatti yommuun isin bira hin jirre akkasuma godhaa! Hojii fayyina keessanii wajjin waliif galu sodaadhaa fi rom'aan itti fufaa hojjedhaa*!

13 Waaqayyo akka akeeka isaa isa gaariitti hojjechuudhaaf fedha akka qabaattaniif, akka hojjettaniifis isin gidduutti in hojjeta*.

14 Waan hundumaas guungummii fi morkii malee godhaa!

15 Ijoollee Waaqayyoo warra waan ittiin komataman hin qabne, warra mudaa, haxxummaas hin qabne akka taataniif, isinis dhaloota micciiramaadhaa fi karaa irraa kaate gidduutti biyya lafaa irratti akka ibsaa in ibsitu*.

16 Guyyaa Kristos firdiidhaaf dhufutti akkasumaan waanan hin fiiginiif, akkasumaan waanan hin dadhabiniif, akkan ittiin of jajutti, dubbii jireenyaa jabeessaa qabadhaa*!

17 Dhiigni koo amantii keessan isa aarsaa qalmaa ta'ee dhi'aatu irratti akka dhibaayuutti yoo lolaafame iyyuu, ani nan gammada, gammachuu koos isinii wajjin nan hirmaadha*.

18 Isinis immoo akkasuma gammaduun, gammachuu keessanis anaa wajjin hirmaachuun isin irra jira*.


Ximotewosin, Ephafrodixosinis Erguu Isaa

19 Yesus gooftaan jennaan, ani waa'ee keessan dhaga'ee garaan koo akka gammaduuf, dafee Ximotewosin gara keessanitti erguuf nan abdadha*.

20 Ani nama akka kootti garaa qulqulluudhaan waa'ee keessaniif yaadu isa malee hin qabu*.

21 Warri kaan hundinuu waan Yesus Kristositti tolu utuu hin ta'in, waan ofii isaaniitti toluuf in dhimmu*.

22 Ximotewos nama dhimma baase ta'uu isaa garuu, akka ilmi abbaa isaaf hojjetutti anaaf hojjetee, anaa wajjinis hojii wangeelaa hojjechaa akka ture isinis in beektu.

23 Dubbiin koo attam akka ta'u akkuman bareen immoo isa gara keessanitti erguuf nan abdadha.

24 Ofii kootiis immoo utuun hin turin gara keessan akkan dhufu goofticha nan amanadha*.

25 Ani Ephafrodixosin obboleessa koo, hojiitti, wal'aansoo keessattis hidhata koo, isa isin wanta anaaf barbaachisetti hojjetaa akka ta'uuf ergamaa godhattan sana, deebisee gara keessanitti erguun barbaachisaa anatti fakkaate*.

26 Inni hunduma keessan yaadaa, waan isin dhukkubsachuu isaa dhageessaniifis garaan isaa dhiphachaa ture.

27 Inni illee dhuguma dhukkubsatee du'ee oole; Waaqayyo garuu isa maareera; isa duwwaas utuu hin ta'in, ani gadda irratti gadda akkan hin dabalanneef anaafis araara godhe.

28 Ergasii immoo isin isa arguutti akka gammaddaniif, gaddi koos akka salphatuuf, caalaatti ariifadhee isa gara keessanitti ergeera.

29 Egaa maqaa gooftaatti gammachuu guutuudhaan isa simaa, namoota akkasiifis ulfina kennaa*!

30 Inni sababii hojii Kristosiif du'atti dhi'aate, isa isin anaaf akka hojjetuuf ergitan raawwachuufis jireenya isaa fittee irraan ga'e.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements