Online Bible

- Advertisements -


ፊልጵስዩስ 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Nagaa

1 Nuyi Phaawulosii fi Ximotewos hojjetoonni Kristos Yesus, gara warra karaa Kristos Yesus Waaqayyoof qulqullaa'anii mandara Filiphisiiyus jiraatan hundumaa, gara warra ilaaltotaa fi gargaartota waldaa kristiiyaanaatti kana caafuu keenya*.

2 Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristos ayyaana, nagaas isiniif haa kennu*!


Waldaa Sanaaf Kadhachuu Isaa

3 Ani Phaawulos yeroon isin yaadadhu hundumaatti Waaqayyo koo nan galateeffadha*.

4 Yeroodhuma ani kadhata kootiin hunduma keessan yaadadhutti gammachuudhaan nan kadhadha.

5 Kadhata koo keessattis guyyaa duraatii jalqabdanii hamma har'aatti hojii wangeelaa keessaa waan qabaattaniif, Waaqayyoon nan galateeffadha*.

6 Waaqayyo inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe, hamma guyyaa Kristos Yesus deebi'ee dhufutti, fiixaan akka baasu nan amanadha*.

7 Waa'ee hunduma keessanii yeroon yaadu immoo, garaan koo waan isin bira jiruuf, hidhamuu koo keessatti, wangeelaaf falmuutti, isa cimsee dhaabuuttis ayyaana anaaf kenname keessaa hundumti keessan akka qabdan yaaduun anaaf qajeelaa dha.

8 Jaalala isa garaa Kristos Yesus keessaa argamuun akkan isin yaadu Waaqayyo in beeka*.

9 Jaalalli keessan ogummaa qabaachuutti, dubbii gargar baasee hubachuuttis baay'isee itti caalaa akka adeemu nan kadhadha*;

10 isa ta'uu fi isa hin taane gargar baaftanii akka qortan, guyyaa dhufa Kristosittis makaa malee, gufuu malees akka taatan kadhachuu koo ti*.

11 Ija karaa Yesus Kristos qajeelummaa irraa argamuun guutamtanii ulfina Waaqayyoo fi galata isaatiifis ta'uuf jirtu*.


Rakkina Keessaan Wangeelli Bal'achuu Isaa

12 Obboloota ko! Wanti ana irra ga'e kun wangeela bal'isuuf ba'eessa godhee hojjechuu isaa akka beektan nan barbaada*.

13 Ani Kristosiif jedhee hidhamuun koo warra mana mootummaa warra Roomaa keessaa hundumaa, namoota warra kaan hundumaa birattis beekameera*.

14 Sababii ani mana hidhaatti galfameef obboloonni garri caalan gooftaa amanatanii, dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuudhaaf caalaa ija jabaatan.

15 Jarri tokko hinaaffaa irraa, anaan morkachuu irraas kan ka'e Kristosin in lallabu; warri kaan immoo fedha gaarii irraa kan ka'e Kristosin in lallabu.

16 Warri jaalala gaarii irraa kan ka'e kana godhan wangeelaaf akkan falmuuf as kaa'amuu koo in beeku.

17 Warri akeeka ofii isaanii duukaa bu'anii yaada jal'aadhaan Kristosin lallaban garuu, hidhamuu koo irratti rakkina kaasuu in yaadu.

18 Fakkeessuudhaanis haa ta'u, dhugaadhaanis haa ta'u, akkuma fedhe ta'ee, karaa fedhe iyyuu Kristos haa lallabamu duwwaa! Ani kanatti nan gammada; si'achis itti nan gammada*.

19 Kun kadhata keessaniin gargaarsa hafuura Yesus Kristosiinis gara hiikamuutti akka na geessu nan beeka*.

20 Karaa tokkoon illee akkan hin yeellaasifamnetti dhimmee nan eeggadha, nan abdadhas; jiraachuu kootiinis ta'e, du'uu kootiinis ta'e, kanaan dura akkuman gochaa ture, ammas guutummaa namummaa kootiin guddina Kristosiif hojjechuudhaaf ija jabina guutuun qaba*.

21 Anaaf Kristos jireenya koo ti, du'uun immoo bu'aa koo ti*.

22 Ittuma fufee lafa irra jiraachuu kootiin caalaatti hojii ija qabu nan hojjedha yoo ta'e garuu, waan ani fo'adhu hin beeku.

23 Yaadni koo waan lama irratti wal rukuta; ani biyya lafaa kana dhiisee adeemuu, Kristos bira jiraachuus nan hawwa, kunis anaaf hundumaa irra caalaa in wayya ture*.

24 Haa ta'u iyyuu malee, biyya lafaa kana irra turee jiraachuun koo isiniif caalaa barbaachisaa dha.

25 Ani isin biratti hafee, isin amantiitti akka guddattanii fi akka gammaddanitti, hunduma keessan bira bubbuluuf akkan jiru amanadheera beekeeras*.

26 Deebi'ee dhufee yommuu ani isin biratti argamu, isin karaa Kristos Yesus anaan of jajuudhaaf caalaa sababii in qabaattu*.

27 Amma garuu akka warri wangeela Kristos fudhatan jiraachuun ta'utti jiraadhaa malee, kan biraa isin hin dhibin! Hafuura tokkoon iddoo keessanii utuu hin socho'in dhaabattanii, yaada tokkoon amantii karaa wangeelaa argameef akka wal dorgomtan nan barbaada; ani yoon dhufe akkasitti isin arguu, yoon dhufuu dhabaadhes akkasitti jiraachuu keessan dhaga'uu nan fedha*.

28 Isin waanuma tokkoon illee warra isinitti ka'an sodaattanii hin raafaminaa! Jabaattanii dhaabachuun keessan Waaqayyo biraa isiniif kenname; kunis warri isinitti ka'an baduu isaanii, isin immoo fayyuu keessan in argisiisa*.

29 Kristositti amanuu keessan duwwaa utuu hin ta'in, isaaf dhiphachuu danda'uunis immoo isiniif kennameera*.

30 Kanatti dhama'uu koo akkuma kanaan dura ana irraa argitan, ammas waa'ee kootiif dhaga'aa jirtan, isinis itti dhama'uu in dandeessu*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements