Online Bible

- Advertisements -


Mulʼata 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Ergaa Waldaa Efesoonitti Ergame

1 ?Gara ergamaa waldaa Efesoonitti, ?Ergaan kun kan isa harka isaa mirgaatiin urjoota torban qabee, baattuu ibsaa torban gidduu deddeebi'uu ti? jedhii caafi!*?

2 Ergichi, ?Hojii kee, wanta ati itti dadhabdu, obsaan danda'uu kees, namoota hamoota immoo calluma jettee akka ati hin dhiifne, warra ergamoota utuu hin ta'in ?Nuyi ergamoota? ofiin jedhan qortee ilaaltee sobduu ta'uu isaanii akka argites, ani beeka*.

3 Ati obsaan akka dandeessu, maqaa kootiif jettees akka baattu, kanas akka ati hin dadhabin ani beeka.

4 Garuu jaalala isa dur qabda turte sana dhiisuu kee si irratti argadheera*.

5 Ammas maal irraa akka kufte yaadadhu! Yaada garaa kee geddaradhu, hojii isa dura hojjette sanas hojjedhu! Kana yoo gochuu dhabaatte garuu, ani sitti dhufee, baattuu ibsaa keetii iddoo isaatii nan buta.

6 Utuma ta'uu iyyuu immoo waan tokko qabda; inni immoo hojii Niqolaawotaa isa ani jibbu atis in jibbita*.

7 ?Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u! Isa mo'eef muka ija isaa nyaatanii jiraatan isa jannata Waaqayyoo keessa jiruttii nyaachuu nan kennaaf? kan jedhuu dha*.


Ergaa Waldaa Simiirnaatti Ergame

8 ?Gara ergamaa waldaa Simiirnaatti, ?Ergaan kun isa duraa fi isa booddee, isa du'ee, deebi'ee jiraate biraa dhufe? jedhii caafi!*?

9 Ergichi, ?Rakkina si irra ga'e, hiyyuma kee, hamaa si irratti dubbachuu warra Yihudoota utuu hin ta'in, Yihudoota ofiin jedhaniis ani beeka. Ati garuu sooressa; warri Yihudoota ofiin jedhan sun immoo walga'ii Seexanaa ti*.

10 Dhiphina isa sitti dhufuuf jiru hin sodaatin! Kunoo Seexanni, akka isin qoramtanii ilaalamtaniif, isin keessaa kaan mana hidhaatti akka galfamtan gochuuf jedha; guyyaa kudhaniif rakkina argachuuf jirtu; du'a yoo sitti fide iyyuu, ati hamma du'aatti amanamaa ta'i! Ani immoo gonfoo ittiin jireenya argatan siifan kenna*.

11 ?Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u! ?Inni mo'u du'a isa lammaffaadhaan hin miidhamu?? kan jedhuu dha*.


Ergaa Waldaa Phergamoonitti Ergame

12 ?Gara ergamaa waldaa Phergamoonitti, ?Ergaan kun isa billaa qara-qabeessa gara lamaan qarame qabu sana biraa dhufe? jedhii caafi*!?

13 Ergichi, ?Ani iddoo ati jiraattu beeka, inni lafa teessoo Seexanaa ti. Ati garuu maqaa koo jabeessitee qabatte malee, bara Antiiphaas dhuga-baatuun koo amanamaan koos isin gidduutti iddoo Seexanni jiraatu sanatti ajjeefame iyyuu, anatti amanuu kee hin ganne*.

14 Garuu wanta muraasa si irratti argadheera; namoota warra barsiisa Bala'aamitti qabamanii jiran achii qabda. Balaaq ijoollee Israa'el dura gufuu kaa'ee, qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi'aate akka nyaatanii fi, gaalamootummaatti akka jiraatan gochuu Bala'aamtu barsiisee ture*.

15 Akkasuma immoo barsiisa warra Niqolaawotaatti qabamanii warra jiran qabda*.

16 Ammas yaada garaa kee geddaradhu! Kana yoo gochuu dhabaatte garuu, ani dafee sitti nan dhufa; jara sanas billaa afaan koo keessaa ba'uun nan lola*.

17 ?Namni gurra qabu isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u! ?Isa mo'uuf maannaa dhokataa sana keessaa nan kennaaf; dhagaa calaqqisaa maqaan haaraan irratti caafame tokkos nan kennaaf; maqichas isa fudhatu sana irraa kan hafe, namni tokko illee hin beeku?? kan jedhuu dha*.


Ergaa Waldaa Tiyaatiraatti Ergame

18 ?Gara ergamaa waldaa Tiyaatiraatti, ?Ergaan kun, kan ilma Waaqayyoo isa ija akka barbadaa ibiddaa qabuu, isa miilli isaa akka sibiila diimaa isa boolla ibiddaa keessatti baqfamee ifu ta'ee ti? jedhii caafi*!?

19 Ergichi, ?Ani hojii kee, jaalala kee, amantii kee, warra kaan gargaaruudhaaf of kennuu kee, obsaan danda'uu kee, hojiin kee inni booddee kanaa immoo isa duraa irra caaluu isaas beeka*.

20 Garuu dubartittii Izaabel jedhamtu, ishee ?Ani raajii dha? ofiin jettee barsiiftu, ishee hojjetoonni koos gaalamootummaatti akka jiraatan, qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi'aate akka nyaataniif wallaalchisaa jirtu, calluma jettee dhiisuu kee kana si irratti argadheera*.

21 Ani yaada garaa ishee akka geddarattuuf yeroo kenneefiin ture; isheen garuu gaabbitee gaalamootummaa isheettii deebi'uu hin barbaanne.

22 Kunoo ani akka isheen dhukkubsattee siree irra ciiftu nan godha, warra ishee wajjin ejjan immoo gaabbanii hojii ishee irraa yoo deebi'uu dhabaatan, rakkina guddaa keessa isaan nan buusa.

23 Ijoollee ishees dha'ichaan nan ajjeesa; kanaanis waldoonni kristiiyaanaa hundinuu, inni yaada namaa fi garaa namaa fonqolchu ana ta'uu isaa beekuuf jiru. Ani immoo tokkon tokkon keessaniif akka hojii isaatiitti kennuufan jira*.

24 ?Tiyaatiraa keessaa, warri haftan immoo, barsiisa kanatti warri hin qabamin, isa warri kaan, ?Dhoksaa Seexanaa isa gad fagoo dha? jedhanis warri hin barin, ba'aa kan biraa isin irra hin kaa'u, isiniin nan jedha.

25 Isa qabdan garuu hamma ani dhufutti jabeessaatii qabadhaa*!

26 Nama mo'uuf, isa hojii koo hamma dhumaatti eeggatee hojjetuufis, saba hin amanne baay'ee irratti aboo nan kennaaf*.

27 Inni siiqqee sibiilaatiin saba sana in tiksa, akka qodaa suphees isaan in hurreessa*.

28 Akkuma ani abbaa koo biraa aboo fudhadhes bakkalcha barii nama sanaaf nan kenna*.

29 Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u!? kan jedhuu dha.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements