Online Bible

- Advertisements -


Luqaas 8 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Dubartoota Yesus Duukaa Bu'an

1 Yeroo gabaabaa booddee Yesus mandarootaa fi gandeen keessa adeemee, mootummaa Waaqayyoo labsaa misraachoo himaa ture; bartoonni isaa kudha lamaanis isaa wajjin turan*.

2 Akkasumas immoo dubartoonni hafuurota hamootaa fi dhukkuba garaa garaattii fayyifaman duukaa in bu'u turan; isaanis Maariyaam ishee Magdalaa kan jedhamtu, ishee hafuuronni hamoonni torba keessaa baafaman;

3 Yo'anaa haadha manaa Kuuzaa, isa mana eegduu Herodis ture; Susanaa, baay'eenis kan biraa turan. Isaan immoo qabeenya isaaniitiin Yesusii fi bartoota isaatiif in hojjetu turan*.


Fakkeenya Namicha Sanyii Facaasuu
( Mat 13:1-9 ; Mar 4:1-9 )

4 Namoonni yommus mandara garaa garaatii gara Yesusitti in yaa'u turan. Tuuti gobbuun yeroo walitti qabametti, Yesus fakkeenya kana itti hime;

5 ?Namichi tokko sanyii facaafachuudhaaf ba'e; utuu facaasuus kaan karaa bukkee bu'anii, achitti namni irra ejjete; simbirroonnis funaananii nyaatan.

6 Kaan immoo lafa dhagaa qabu irra bu'an; erga biqilaniis biyyoon isaa jiidha waan hin qabneef gogan.

7 Sanyii faca'e keessaa kaan qoraattii keessa bu'an; qoraattichis wajjin biqilee isaan hudhe.

8 Kaan garuu biyyoo gaarii keessa bu'an; biqilanii, guddataniis tokkon tokkon isaanii dachaa dhibba ija godhatan? jedhe. Yesus sagalee isaa ol fuudhee, ?Gurra ittiin dhaga'u kan qabu haa dhaggeeffatu!? jedheen*.


Fakkeenyi Maaliif Akka Barbaachise
( Mat 13:10-17 ; Mar 4:10-12 )

9 Ergasii bartoonni isaa, ?Hiikaan fakkeenya kanaa maali?? jedhanii Yesusin gaafatan.

10 Yesus deebisee, ?Dhoksaa mootummaa Waaqayyoo beekuun isiniif kennameera; warra kaaniif garuu, utuma ilaalanii akka hin arginetti, utuma dhaga'anii akka hin hubannetti, fakkeenyaan in kennama? isaaniin jedhe*.


Hiikaa Fakkeenya Namicha Sanyii Facaasuu
( Mat 13:18-23 ; Mar 4:13-20 )

11 ?Hiikaan fakkeenya namicha sanyii facaasuu isa kana; sanyichi dubbii Waaqayyoo ti*.

12 Karaa bukkeen, fakkeenya warra dubbii Waaqayyoo dhaga'anii, yommusumas Seexanni dhufee akka isaan amananii ittiin hin fayyineef, dubbicha garaa isaanii keessaa butatuu ti.

13 Lafti dhagaa, fakkeenya warra dubbicha dhaga'anii gammachuudhaan fudhatanii ti; garuu hidda gad fagoo waan hin qabaanneef, yeroodhaaf in amanu; yommuu qoramni dhufuttis irraa kufu.

14 Lafti qoraattii, fakkeenya warra dubbicha dhaga'anii, yaaddoon, soorumnii fi qannoon jireenyaa dacha'anii isaan huunaan, ija utuu hin godhatin hudhaatti hafanii ti.

15 Lafti gaariin, fakkeenya warra dubbicha dhaga'anii, garaa gaariidhaa fi abboomamaadhaan fudhatanii, rakkina hundumaa obsanii ija godhatanii ti? jedhe*.


Fakkeenya Ibsaa Guuboo Jalaa
( Mar 4:21-25 )

16 ?Homtinuu ibsaa qabsiisee, guuboo jala yookiis siree jala hin kaa'u; warri mana sanatti ol galan hundinuu ificha akka arganiif, baattuu ibsaa irra kaa'a malee*.

17 Waan tokko illee dhokatee utuu hin mul'atin kan hafu hin jiru, dhoksaatti kan eegames bakkeetti ba'ee utuu hin dhaga'amin kan hafu hin jiru*.

18 ?Kanaafis akka itti dhageessanitti akeekkadhaa! Isa qabuuf, itti dabalamee in kennamaaf; kan hin qabne garuu, innumti inni qaba se'u iyyuu isa duraa in fudhatama? jedhe*.


Haadha Yesusii Fi Obboloota Isaa
( Mat 12:46-50 ; Mar 3:31-35 )

19 Yommus haati Yesusii fi obboloonni isaa isa barbaacha dhufan; garuu baay'ina namaatiif isa bira ga'uu hin dandeenye.

20 Kanaaf namni tokko, ?Haati kee fi obboloonni kee ala dhaabatanii jiru, si arguu barbaadus? ittiin jedhe.

21 Yesus immoo deebisee, ?Haati koo fi obboloonni koo warra dubbii Waaqayyoo dhaga'anii fi raawwatanii dha? jedhe.


Yesus Qilleensa Jabaa Gab Gochuu Isaa
( Mat 8:23-27 ; Mar 4:35-41 )

22 Gaaf tokko Yesus bartoota isaatii wajjin bidiruu yaabbatee, ?Kottaa bishaan ciisaa kana gamatti ceena? isaaniin jedhe; achumaanis bishaanicha irra bu'an.

23 Utuu bidiruudhaan ce'aa jiranii, Yesus achuma keessa rafe. Qilleensi jabaan immoo gara bishaanichaatti gad bubbisaa dhufe; bidiruu isaaniittis bishaan itti guutuu jalqabnaan, jireenya isaaniitiif sodaatan.

24 Yommus bartoonni gara Yesusitti dhi'aatanii, dammaqsanii, ?Barsiisaa, barsiisaa, ka'i nu'oo dhumuuf? jedhan. Achumaan dammaqee, qilleensichaa fi dha'aa bishaanichaa, isa hunkuramaa ture sana, ifate; qilleensichii fi dha'aan bishaanichaa dhaabannaan, gabiin guddaan isaa ta'e.

25 Kana booddee inni bartoota isaatiin, ?Meerree amantiin keessan?? jedhe; isaan garuu naasuudhaaf dinqifachuudhaan, ?Namni kun eenyu? Innoo qilleensaa fi bishaan in abbooma; isaanis isaaf in abboomamu? waliin jedhan.


Yesus Hafuura Hamaa Baasuu Isaa
( Mat 8:28-34 ; Mar 5:1-20 )

26 Bidirichaan gara kutaa biyya Gergeessaatti ce'an; innis fuullee Galiilaa ture.

27 Yesus qarqara bishaaniitti yommuu bu'etti, kunoo namni mandara sanaa, hafuuronni hamoonni keessa turan tokko itti dhufe. Namichi yeroo dheeraadhaa jalqabee qullaa isaa in adeema, awwaalota gidduu jiraata malees, manatti hin galu ture.

28 Inni yeroo Yesusin arge caraanee, fuula isaa durattis lafa dha'ee, sagalee guddaadhaanis, ?Yaa Yesus ilma Waaqayyoo aabbaa, maal nattii qabda? Maaltus dhimma koo keessa si buuse? Sin kadhadha ana hin dhiphisin? jedhe*.

29 Kana jechuun isaas, hafuurichi hamaan namicha keessaa akka ba'uuf, Yesus waan abboomee tureef. Yeroo baay'ee hafuurichi hamaan yommuu isa qabu, funyoo sibiilaatii fi hidhaa harkaatiin isa hidhanii, eeguu utuma yaalanii, hidhaa sana ciree, humna hafuuricha hamaatiin gara lafa namni hin jirreetti in oofama ture*.

30 Yesus, ?Maqaan kee eenyu?? jedhee gaafannaan, ?Maqaan koo ?Legewoon?? jedhee deebise; sababiin isaas hafuuronni hamoonni baay'een namichatti galanii waan turaniif.

31 Hafuuronni hamoonni qileetti akka isaan hin ergine Yesusin kadhatan.

32 Dirree gaaricha sanaa irras, kunoo hoomaan booyyee bobba'anii turan; hafuuronni hamoonni booyyee sanatti galuudhaaf isa kadhannaan, haa dhaqaniif isaan dhiise.

33 Kanaafis hafuuronni hamoonni namicha keessaa ba'an, booyyota sanatti waan galaniif, hoomaan sun hundinuu hallayaa irraa harootti gad konkolaatanii, liqimfaman.

34 Warri booyyee tiksan waan ta'e yommuu argan baqatanii, warra mandara keessaa fi warra biyyaattis odeessan.

35 Sabni dhaga'anis waan ta'e ilaaluudhaaf ba'anii, gara Yesus dhufan. Achittis namicha, hafuuronni hamoonni keessaa ba'an, wayyaa uffatee qalbii isaattis deebi'ee, miilla Yesus jala taa'ee argan; yommus hundumti isaanii in sodaatan.

36 Warri duraan achi turanii, akka namichi itti fayye arganis, jaratti himan.

37 Kana booddee sabni kutaa biyya Gergeessaa hundinuu gar-malee waan sodaataniif, Yesus isaan biraa akka adeemuuf gaafatan; kana irratti inni bidiruu yaabbate achii in adeeme.

38 Yesus utuu hin adeemin, namichi inni hafuuronni hamoonni keessaa ba'an, ?Sii wajjinan adeema? jedhee isa kadhatee ture; Yesus garuu, of biraa isa deebisee,

39 ?Mana keetti deebi'i waan Waaqayyo siif godhes himi!? ittiin jedhe. Namichi yommus Yesus biraa deebi'ee, guutummaa mandarichaa keessa naanna'ee waan inni godheef dhugaa ba'e*.


Intala Yaayirosii Fi Dubartii Ishee Uffata Yesus Tuqxe
( Mat 9:18-26 ; Mar 5:21-43 )

40 Yeroo Yesus bishaan ciisaa gamatti deebi'etti, tuuti jaraa isa siman; hundumti isaanii isa egaa turani'o.

41 Keessumaa immoo, geggeessituun mana sagadaa tokko, Yaayiros kan jedhamu dhufee, miilla Yesus jalatti kufee, gara mana isaatii akka dhaquuf kadhate.

42 Intalli tokkittiin inni qabu, waggaa kudha lama kan geesse, duraa du'uuf jetti turte*. Yommuu Yesus dhaquudhaaf karaa irra bu'ettis, namoonni isatti tuuta'anii hafuura kutu turan.

43 Kana gidduus dubartiin tokko turte. Isheen waggaa kudha lamaaf dhiigni ishee dhaabachuu diduudhaan rakkachaa turte, ogeessota qorichaa biras dhaquudhaan horii ishee hundumaa fixe; haa ta'u iyyuu malee, namni tokko ishee fayyisuu hin dandeenye.

44 Isheen kun dugda isaa duubaan dhuftee andaara uffata Yesus tuqxe; achumaanis lolaan dhiiga ishee dhaabate.

45 Yesus immoo, ?Eenyutu na tuqe?? jedhee gaafate. Adduma addaan ana miti jennaan, Phexros, ?Yaa barsiisaa, sabni kunoo si marsee jira, si cunqursas? jedheen.

46 Yesus garuu, ?Lakkii, namni na tuqe jira, humni fayyisu akka na biraa ba'e anatti dhaga'ameera? jedhe*.

47 Yommus dubartittiin akka dhokachuu hin dandeenye hubattee, rom'aa dhuftee miilla Yesus jalatti lafa dhoofte; achumaanis jarreen sana hundumaa duratti, maaliif akka isa tuqxe, battaluma sanattis akka fayyite dhugaa baate.

48 Yommus Yesus, ?Yaa intala ko, amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi!? isheedhaan jedhe*.

49 Utuu inni kana dubbachaa jiruu immoo namni geggeessituu mana sagadaa sanaa tokko, ergaa himuu dhufee, Yaayirosiin, ?Intalli kee duuteetti si'achi barsiisicha hin dhamaasin!? jedhe.

50 Yesus garuu kana dhaga'ee Yaayirosiin, ?Hin sodaatin, amani duwwaa! Isheenis in fayyiti? jedheen.

51 Manicha bira yommuu ga'e Phexros, Yohannis, Yaaqoob akkasumas abbaa mucaatii fi haadha ishee malee, namni kan biraa isaa wajjin akka ol lixu hin barbaanne*.

52 Achiis hundinuu mucattiidhaaf in boo'u, in wawwaatus turan. Yesus immoo, ?Hin boo'inaa! Intalattiin hin duune, rafuutti jirti malee? jedhe*.

53 Isaan hundumti isaanii garuu intalattiin akka duute beeku waan turaniif, itti kolfan.

54 Haa ta'u iyyuu malee, Yesus harka ishee qabee, ?Intalo, ka'i!? jedhee waame*.

55 Yommus lubbuun ishee keessa deebitee, achumaanis kaate; inni immoo waan nyaatu akka kennaniif abboome.

56 Abbaan isheetii fi haati ishee gammadanii of wallaalan; Yesus garuu, waan ta'e eenyutti illee akka hin himne isaan dhowwe*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements