Online Bible

- Advertisements -


Luqaas 7 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Yesus Naa'oo Angafa Dhibbaa Fayyisuu Isaa
( Mat 8:5-13 ; Yoh 4:43-54 )

1 Yesus waan dubbachuu fedhe hundumaa erga jara dhageessisee booddee, Qifirnaahomitti gale.

2 Naa'oon angafa dhibbaa tokko, kan inni baay'ee mararfatu, duraa dhukkubsatee du'atti dhi'aatee ture.

3 Angafichi waa'ee Yesus dhaga'ee, inni dhufee naa'oo isaa akka isaaf oolchuuf maanguddoota Yihudootaa itti ergate.

4 Kanaaf isaan gara Yesus dhufanii, jabeessanii isa kadhataniifii, ?Namni kun kana si irraa argachuun in ta'aaf.

5 Saba keenya in jaallata, mana sagadaas kan nuuf ijaare isa? jedhaniin*.

6 Yeroo sanatti Yesus ka'ee maanguddoota sanaa wajjin adeeme. Angafichi garuu Yesus mana isaatti yommuu dhi'aate dhaamsa akka itti himaniif firoota isaa itti ergee, ?Yaa gooftaa of hin dhamaasin, ati bantii mana koo jala lixuun anaaf hin ta'u.

7 Kanaafis ani ofii koo si bira dhufuun akka anaaf ta'utti of hin lakkoofne; achumaa dubbii tokkicha duwwaa dubbadhu, naa'oon koos in fayya.

8 Anis immoo of irraa nama na abboomu qaba, of jalaas loltuu qaba. Isa tokkoon dhaqi yoon jedhe in dhaqa, isa kaaniinis kottu yoon jedhe in dhufa; naa'oo kootiin kana raawwadhu yoon jedhe in raawwata? jedhe.

9 Yesus kana yommuu dhaga'e dinqifatee, namoota isa duukaa jiranitti gara galee, ?Ani Israa'el keessatti illee amantii guddaa akkasii gonkumaa hin argine? jedheen.

10 Warri ergamanis mana angafichaatti yommuu deebi'an naa'ichi fayyee eege.


Yesus Dargaggeessa Tokko Du'aa Kaasuu Isaa

11 Ergasiis Yesus gara mandara Naayin jedhamuu in dhaqe; bartoonni isaa fi namoonni danuun isaa wajjin dhaqan.

12 Inni balbala kellaa mandarichaatti yommuu dhi'aate, kunoo namoonni reeffa baatanii itti dhufan; inni du'e immoo haadha hiyyeessaa tokkoof ilma tokkicha ture. Namoonni baay'eenis mandaricha keessaa haadha isaa wajjin duukaa in bu'u turan*.

13 Gooftaan yommuu ishee arge oo'eefii, ?Hin boo'in!? jedheen*.

14 Itti hiiqee siricha harkaan qabnaan, warri baatan in dhaabatan; inni immoo, ?Dargaggeessa nana, siin nan jedha ka'i!? jedheen*.

15 Achumaan inni du'ee ture ol jedhee taa'ee, dubbachuus jalqabe; Yesus akkasitti haadha isaatiif isa deebise*.

16 Hundumti isaaniis na'anii, ?Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera; Waaqayyo saba isaa ilaaleera? jedhanii Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessan*.

17 Dubbiin kunis guutummaa biyya Yihudaa fi naannoo biyya sana hundaa ga'e.


Warra Yohannis Cuuphaa Biraa Ergaman
( Mat 11:2-19 )

18 Bartoonni Yohannis waan kana hundumaa isatti himan; kana irratti Yohannis bartoota isaa keessaa lama ofitti waamee,

19 gooftaatti isaan ergee, ?Si'i moo kan dhufuudhaaf jiru yookiis kan biraa eeggannu*?? jedhe.

20 Yommus warri ergaman gara Yesus dhufanii, ?Yohannis cuuphaan, ?Kan dhufuudhaaf jiru si'i moo yookiis kan biraa eeggannu?? jedhee gara keetti nu ergeera? jedhaniin.

21 Yeroodhuma sanatti Yesus namoota baay'ee dhukkuba isaaniittii dha'icha isaaniittii hafuurota hamaattiis fayyise; jaamota baay'eetiif agartuu isaanii bane.

22 Warra ergamaniinis, ?Deebi'aa, waan argitan waan dhageessanis Yohannisitti himaa! Kan jaaman in argu, kan hokkolan in adeemu, kan lamxaa'an in qullaa'u, kan duudan in dhaga'u, kan du'anis in ka'u, gadadamootaafis wangeelli in lallabama*.

23 Namni waa'ee kootiif abdii hin kutanne, gammachuu attamii qaba!? jedhe.

24 Ergamoonni Yohannis erga adeemanii booddee, inni waa'ee Yohannis cuuphaa namootatti dubbachuu jalqabee; ?Maal arguu gara lafa onaa dhaqxan? Jajjaba qilleensi raasuu?

25 Yookiis maal ilaaluudhaaf baatan? Nama uffata miidhagaadhaa fi dhagnatti tolu uffatee? Warri uffata mimmiidhagaa uffatanii fi qannootti jiraatanoo mana moototaa jiru.

26 Anatti himaa, maal ilaaluudhaaf baatan? Raajii dha moo? Eyyee, isiniinan jedha, raajii irra iyyuu kan caaluu dha*.

27 Caaffanni qulqullaa'aan waa'ee isa kanaatiif, ?Ilaa ergamaa koo karaa kee akka siif qopheessuuf si dura nan erga*? jedhee dubbateera.

28 ?Ani isinittan hima, nama ta'ee lafa irratti kan dhalate keessaa, Yohannis irra kan caalu hin jiru; garuu mootummaa Waaqayyootti inni hundumaa irra xinnaatu iyyuu isa irra in caala? jedhe.

29 Namoonni hundinuu kana yommuu dhaga'an, warri qaraxa fuudhan iyyuu Waaqayyoof dhugaa galchanii, cuupphaa Yohannisiin cuuphaman.

30 Fariisonnii fi barsiisonni seeraa garuu, Yohannis biraa cuupphaa argachuu diduudhaan waan Waaqayyo isaaniif yaade tuffatan*.

31 Yesus itti dabalee, ?Dhaloota si'anaa kana maalittan fakkeessa? Maal fakkaatus?

32 Isaan akka ijoollee lafa gabaa taa'anii, ?Faaggaa isiniif afuufnaan, sirbuu diddan; faaruu isin dhageessifnaan, boo'uu diddan? jedhanii walitti wacanii ti.

33 Yohannis cuuphaan yommuu dhufe, buddeena hin nyaatu daadhiis hin dhugu ture; isin immoo, ?Seexana qaba? jettan*.

34 Ilmi namaa yommuu dhufe, in nyaata in dhugas; isin immoo ?Ilaa nama albaadhessaa fi machaa'aa kana, hidhata warra qaraxxuutii fi warra akka seeraatti hin jiraannee ti? jettu*.

35 Haa ta'u iyyuu malee, ogummaan Waaqayyoo ijoollee ogummaa hundumaa biratti dhugaa argate? jedhe.


Baay'een Kan Dhiifameef Jaalala Guddaa Argisiisa

36 Fariisota keessaa tokko nyaataaf isa waamnaan, Yesus mana Fariisichaatti galee maaddiitti dhi'aate*.

37 Mandara sanas dubartiin cubbamtuun tokko turte; Yesus mana Fariisichaa maaddiitti dhi'aatee akka jiru yommuu dhageesse, urgooftuu dibataa shurrubbeetti fudhatee dhufte.

38 Achumaanis boo'aa gara miilla isaa jalaa dhaabatee, imimmaan isheetiin miilla isaa jiisaa, rifeensa mataa isheetiinis haxaa'uu jalqabde; kana booddees miilla isaa in dhungatti, urgooftuus in dibdi turte*.

39 Fariisichi isa waame sun kana yommuu arge, ?Namni kun dhugumaan raajii utuu ta'ee, isheen miilla isaa qaqqabdu kun dubartii attamii akka taate in beeka ture; isheenoo cubbamtuu dha? jedhee garaa isaatti yaade.

40 Yesus immoo deebiseefii, ?Yaa Simoon waanan sitti himu qaba? jennaan, inni immoo, ?Maal inni? Yaa barsiisaa? jedhe.

41 ?Namni tokko jara lama irraa horii qaba ture, isa duraa irra birrii dhibba shan, isa lammaffaa irra immoo birrii shantamatu ture.

42 Isaan lachuu waan baasaniif dhabnaan akkasumatti dhiiseef; jara lamaan sana keessaa kamtu abbaa horii kana caalaa jaallata?? jedhe.

43 Simoon yommus deebiseefii, ?Namicha isa birriin dhibbi shan dhiifameeftu caalaa jaallata anatti fakkaata? jedhe. Yesus immoo, ?Dhugaa dubbatte?;

44 gara dubartittiitti argisiise immoo Simooniin, ?Dubartii kana argitaa? Ani mana keen dhufe bishaan miillaa illee anaaf hin fichisiifne; isheen garuu, imimmaan isheetiin miilla koo jiiftee, rifeensa mataa isheetiinis haxoofte*.

45 Ati yommuu na simatte ana hin dhunganne, isheen garuu, erga asitti na argitee jalqabdee, miilla koo dhungachuu hin dhaabne*.

46 Ati mataa koo homaa hin dibne, isheen garuu, urgooftuu gati-jabeessa miilla koo dibde*.

47 Kanaafis sittan hima, jaalalli ishee inni guddaan kun, cubbuun ishee inni baay'een akka dhiifameef mul'isa; xinnoon kan dhiifamuuf garuu, jaalala xinnoo argisiisa? jedhe.

48 Yommusuma dubartittiidhaan, ?Cubbuun kee siif dhiifameera? jedhe.

49 Isaa wajjin maaddiitti dhi'aatanii kan turan guungumuu jalqabanii, ?Cubbuu namaa iyyuu kan dhiisuuf kun eenyu?? jedhan*.

50 Kana booddee Yesus dubartittiidhaan, ?Amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi!? jedhe*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements