Luqaas 4 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooQoramuu Yesus ( Mat 4:1-11 ; Mar 1:12-13 ) 1 Yesus hafuura qulqulluudhaan erga guutamee booddee Yordaanosii deebi'ee, hafuuruma sanaan lafa onaa keessa guyyaa afurtama geggeeffame, 2 Seexanaanis qoramaa ture. Guyyaa sana hundaa homaa iyyuu hin nyaanne; dhuma guyyoota sanaattis in beela'e*. 3 Seexanichi yommus Yesusiin, ?Dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagaa kanaan buddeena ta'i jedhiitii abboomi!? jedhe. 4 Yesus immoo deebiseefii, ?Caaffata qulqullaa'aa keessatti, ?Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu? kan jedhu caafameera? jedhe*. 5 Seexanichi itti aansee iddoo ol jedhaatti isa geessee, hamma liphsuu ijaatti mootummoota biyya lafaa guutummaatti isatti argisiise. 6 Achumaan immoo, ?Kana hundumaa irratti aboo siif nan kenna, ulfina isaaniis siif nan dabala, isaan kun hundinuu anatti dabarfamaniiru; anis immoo abbaa ani jaalladheef nan kenna*. 7 Kanaafis jilbeenfattee yoo anaaf sagadde hundinuu kan kee in ta'a? jedheen. 8 Yesus immoo deebisee, ? ?Waaqayyo gooftaa keetiif jilbeenfattee sagadi, isa duwwaafis hojjedhu!? kan jedhu caafameera? jedheen*. 9 Seexanichi ammoo Yerusaalemitti isa geessee, fittee guutuu mana qulqullummaa irra isa dhaabachiisee, ?Dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate as irraa gad of darbadhu! 10 ?Dhimmanii akka si eeganiif ergamoota isaa siif in abbooma*, 11 isaanis miilli kee dhagaatti akka hin buunetti harka isaanii irratti si baatu? kan jedhu caafameera? jedheen*. 12 Yesus yommus, ? ?Waaqayyoon gooftaa kee gar-malee hin eeggatin? jedhameera? jedhee deebiseef*. 13 Seexanichi immoo Yesusin karaa garaa garaatiin erga qoree, hamma yerootti isa biraa sokke*. Yesus Galiilaatti Hojii Isaa Jalqabuu Isaa ( Mat 4:12-17 ; Mar 1:14-15 ) 14 Kana booddee Yesus humna hafuura qulqulluutiin gara Galiilaatti deebi'e. Oduun isaas biyya naannoo sana jiru hundumaatti odeeffame. 15 Innis manneen sagadaa isaaniitti in barsiisa, hundinuus isa in jaja ture. Yesus Naazireetitti Tuffatamuu Isaa ( Mat 13:53-58 ; Mar 6:1-6 ) 16 Naazireet, lafa itti guddate dhufee, guyyaa Sanbataattis akkuma amala isaa mana sagadaa isaanii dhaqee, macaafa dubbisuudhaafis ka'e. 17 Macaafa raajicha Isaayaas itti kenninaan, maraa macaafichaa diigee kutaa dubbiin kanatti fufee jiru itti caafame argatee dubbises. 18 Inni, ?Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera; warra booji'amanitti akka gad dhiifaman labsuudhaaf; warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuudhaaf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf; 19 waggaa ayyaana jaalala gooftaa labsuudhaaf na ergeera*? kan jedhu ture. 20 Macaafichas maree, isa mana sagadaa sana keessa ergamutti kennee taa'e; warri mana sagadaa sana keessa turan hundinuus ija isaanii isa irratti irraanfatan. 21 Yommus Yesus, ?Kunoo, dubbiin macaafaa kun akkuma dhageessanitti har'a raawwatame? isaaniin jechuu jalqabe. 22 Kana irratti hundinuu dhugaa galchaniifii, dubbii gaarii afaan isaa keessaa ba'utti dinqifachaa, ?Kun ilma Yoseef miti moo?? jedhanii gaafatan*. 23 Inni immoo, ?Yaa abbaa qorichaa, ofii kee fayyisi, dura si irratti ilaalla, jettanii anatti mammaaktanii, akka isa Qifirnaahomitti hojjechuu kee dhageenye, akkasuma biyya abbaa keettis hojjedhu naan jechuun keessan hin oolu? ittiin jedhe*. 24 Itti dabales immoo, ?Raajiin tokko illee biyya abbaa isaatti akka hin fudhatamne dhuguman isinitti hima*. 25 Bara Eliyaas raajichaatti yommuu waggaa sadii fi ji'a ja'a bokkaan bade, biyya sana hundumaattis beelli guddaan ta'e, haadhotiin hiyyeessaa baay'een Israa'el keessa akka turan dhugaa dha*. 26 Garuu Eliyaas gara haadha hiyyeessaa mandara Saraaphtaa, kutaa biyya Sidoon keessa jiraatutti malee, warra kaan keessaa gara tokkotti illee hin ergamne*. 27 Akkasumas bara Elsaai raajichaatti Israa'el keessa dhukkuba lamxii kan qaban namoota baay'eetu ture; garuu Na'amaan namicha Soriyaa sana duwwaa malee, warra kaan keessaa tokko illee hin qulloofne? jedhe*. 28 Mana sagadaa keessa kan turan hundinuu kana dubbachuu isaa yommuu dhaga'an, baay'ee isatti aaran. 29 Kanaafis ka'anii Yesusin daddarbachaa, gara gubbee gaara mandarri isaanii irratti ijaarametti ol isa baasan; kana gochuun isaaniis fittee sana irraa ha'anii, gad isa darbachuudhaaf ture*. 30 Inni garuu isaanuma gidduu darbee karaa isaa irra bu'e*. Yesus Qifirnaahomitti Hafuura Hamaa Ifachuu Isaa ( Mar 1:21-28 ) 31 Ergasii Yesus biyya Galiilaa keessaa, gara mandara Qifirnaahom jedhamu tokkootti gad bu'ee, guyyaa Sanbataatti immoo namoota in barsiisa ture*. 32 Waan inni dubbate aboodhaan waan tureef, barsiisa isaatiin garaan isaanii in rukutame*. 33 Kunoo namni hafuura hamaadhaan qabame tokko mana sagadaa sana keessa ture; inni sagalee guddaadhaan caraanee, 34 ?Ayee, yaa Yesus nama Naazireet, dhimma keenya keessa maaltu si buuse? Silaa nu balleessuu yaaddee dhuftee? Anoo eenyu akka ati taate si beeka, yaa qulqulluu Waaqayyoo? jedhe*. 35 Yesus immoo, ?Gab jedhi, keessaas ba'i!? jedhe hafuuricha hamaa ifate. Yommus hafuurri hamaan sun namoota gidduutti namicha kuffisee, waan tokkoon illee utuu isa hin miidhin keessaa ba'e. 36 Kana irratti isaan hundinuu na'anii dinqifatanii, ?Maal dubbiin akkasii? Hafuurota hamootas aboodhaa fi humnaan abbooma; isaanis in ba'u? waliin jedhan. 37 Oduun isaas naanna'aa sana iddoo jiru hundumaatti dhaga'ame. Yesus Dhukkubsatoota Baay'ee Fayyisuu Isaa ( Mat 8:14-17 ; Mar 1:29-34 ) 38 Yesus mana sagadaatii ba'ee, mana Simoonitti ol gale; amaatiin Simoon dhukkuba dhagna-gubaa jabaadhaan qabamtee waan ciiftuuf, akka ishee fayyisuuf itti himaniif. 39 Kanaaf itti dhi'aatee siree ishee bukkee dhaabatee, dhukkuba dhagna-gubaa sana ifate. Dhukkubichis ishee dhiise; isheen immoo yommusuma kaatee isaan keessumsiifte. 40 Aduun yommuu lixe, dhukkubsatoota dhukkuba garaa garaatiin rakkachaa turan kan manaa qaban hundinuu, gara isaatti fidan; inni yeroo sana harka isaa tokkon tokkon isaanii irra kaa'ee isaan in fayyise. 41 Yommus hafuuronni hamoonni Kristos akka inni ta'e beeku waan turaniif, iyyanii, ?Ati ilma Waaqayyoo ti? isaan jechaa, namoota baay'ee keessaa in ba'u turan; inni garuu isaan in ifata, kana dubbachuus isaan in dhowwa ture*. Yesus Manneen Sagadaa Keessatti Lallabuu Isaa ( Mar 1:35-39 ) 42 Yommuu bari'es achii adeemee gara iddoo namni hin jirree dhaqe; tuuti jaraa garuu isa in barbaadu turan. Yeroo isa argatan immoo, deebi'ee isaan dhiisee akka hin adeemne gochuudhaaf yaalaa turan. 43 Inni garuu, ?Misraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame? isaaniin jedhe*. 44 Akkasitti manneen sagadaa warra Yihudootaatti lallabaa ture*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia