Online Bible

- Advertisements -


Luqaas 24 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Yesus Du'aa Ka'uu Isaa
( Mat 28:1-10 ; Mar 16:1-8 ; Yoh 20:1-10 )

1 Guyyaa jalqaba torbaniitti, [gaafa Sanbata guddaa] obboroo, dubartoonni sun urgooftuu dibataa isa qopheessanii turan, fudhatanii gara awwaalichaa dhaqan*.

2 Dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turanis, gara galfamee argatan.

3 Awwaalicha keessa yommuu lixan garuu, reeffa gooftaa Yesus hin arganne.

4 Waa'ee kanaa waan jedhan wallaalanii utuu jiranii, kunoo dingata namoonni lama wayyaa caccalaqqisaa uffatanii isaan bukkee dhaabatan*.

5 Dubartoonni baay'ee sodaatanii lafa ilaalan; namoonni sun immoo, ?Isa jiraataa maaliif warra du'an keessa barbaaddu*?

6 Innoo as hin jiru, ka'eera; Galiilaa utuu jiruu waan inni isinitti himee ture yaadadhaa!

7 ?Ilmi namaa harka warra cubbamootaatti kennamuuf, fannifamuuf, guyyaa sadaffaattis du'aa ka'uuf jira? jedhe? ittiin jedhan*.

8 Yommus isaan dubbii isaa yaadatan*.

9 Iddoo awwaalichaatii yeroo deebi'an immoo, kana hundumaa ergamoota kudha tokkonuutti, warra kaan hundumaattis odeessan.

10 Warri kana walii wajjin ergamootatti odeessan immoo, Maariyaam ishee Magdalaa, Yo'anaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi dubartoota kan biraas turan*.

11 Garuu dubbiin kun kan hundee hin qabne isaanitti fakkaate, kanaafis dubbii isaanii hin amanne.

12 Haa ta'u iyyuu malee, Phexros ka'ee gara iddoo awwaalichaatti fiigee, gad jedhees awwaalicha keessatti kafana isaa duwwaa arge; kana booddee immoo wanta ta'e kana dinqifachaa gara manaatti deebi'e.


Waa'ee Warra Gara Emaahus Dhaqanii
( Mar 16:12-13 )

13 Gaafasuma isaan keessaa namoonni lama gara ganda, mandara Yerusaalem irraa akka kiilo metrii kudha tokkoo yookiis akka adeemsa sa'aatii lamaa fagaatu, maqaansaas Emaahus jedhamu tokko in dhaqu turan.

14 Jarri karaatti waa'ee waan gidduu sana ta'e hundumaa kaasanii, haasa'aa in adeemu turan.

15 Utuu isaan haasa'aa, irrattis dudubbachaa adeemanii, Yesus ofii isaa isaan bira ga'ee, isaanii wajjinis adeeme*.

16 Iji isaanii garuu, isa akka hin hubanneef ittifamee ture.

17 Yommus Yesus, ?Inni isin walii wajjin haasa'aa adeemtan kun, maalii?? jennaan, nyaara guuranii achuma dhaabatan*.

18 Isaan keessaa inni Qileyophaa jedhamu tokko deebisee, ?Warra Yerusaalem jiraatan keessaa waan gidduu kana mandaricha keessatti ta'e kan hin beekne, si'uma duwwaa dhaa?? jedhe.

19 Inni, ?Waan attamii ti?? isaaniin jennaan, isaan immoo, ?Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti raajii aango-qabeessa ture sana*,

20 akka luboonni warri angafoonni, warri biyya seerratanis duuni itti haa faradamuuf dabarsanii isa kennan, akka isa fannisanis.

21 Nuyi garuu kan Israa'elin furu isa, jennee abdannee turre; eyyee, kana hundumaa irratti iyyuu immoo kun erga ta'e har'a guyyaa sadaffaa isaa ti*.

22 Kana malees, warra gara keenyaa keessaa dubartoonni ganama obboroo iddoo awwaalichaa dhaqan tokko, akka abjuu nu godhan.

23 Isaan achii deebi'anii reeffa isaa awwaalicha keessaa akka dhaban, garuu ergamoonni Waaqayyoo itti mul'atanii, ?Yesus jiraataa dha? akka ittiin jedhan nutti himan*.

24 ?Warra nuu wajjin turan keessaas kaan gara awwaalichaa dhaqanii, akkuma dubartoonni sun jedhan ta'uu isaa baran, isa garuu hin argine? jedhanii itti himan*.

25 Inni immoo, ?Isin gowwoota attamii ti, waan raajonni jedhan hundumaas amanuudhaaf yaadni garaa keessanii attam daagii dha*.

26 Kristos kun kana hundumaa dhiphatee ulfina isaatti akka galu, barbaachisaa hin turree moo ree?? isaaniin jedhe*.

27 Innis macaafa Musee fi macaafota raajotaa hundumaa keessatti iddoo itti waa'ee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike*.

28 Gara ganda jarri lamaan itti adeemaa turanittis dhi'aannaan, Yesus akka waan darbee adeemuu fedhetti aggaame.

29 Isaan garuu, ?Nu bira turi, galgalaa'ee aduunis gad sokkiteetti? jedhanii jabeessanii isa kadhatan; kanaaf isaan bira turuudhaaf duukaa ol gale.

30 Jaraa wajjin nyaatatti yeroo dhi'aates, buddeenicha fuudhee, eebbisee, cabsees isaaniif kenne*.

31 Yommus iji isaanii ittifamee kan ture gad dhiifame, hubatanis, inni garuu isaan duraa miliqe*.

32 Isaan immoo, ?Yeroo inni karaatti nutti dubbachaa, macaafa keessatti kan caafames nuu ibsaa dhufe garaan keenya in raafame, mitii ree?? waliin jedhan.

33 Yeroodhuma sanattis ka'anii Yerusaalemitti deebi'an; achitti immoo bartoota kudha tokkon, warra isaan biraa wajjin walitti qabamanii, argan.

34 Warri walitti qabaman sun, ?Gooftichi dhuguma du'aa ka'eera, Simoonittis mul'ateera? in jedhu turan*.

35 Yommus jarreen lamaan waan karaatti ta'e hundumaa, yeroo inni buddeena cabsetti, attamitti akka isa baranis odeessan.


Yesus Bartoota Isaatti Mul'achuu Isaa
( Mat 28:16-20 ; Mar 16:14-18 ; Yoh 20:19-23 ; HoE 1:6-8 )

36 Jarreen lamaan kana utuu himaa jiranii, Yesus ofii isaa isaan gidduu dhaabatee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe*.

37 Isaan garuu ekeraa waan argan itti fakkaatee, na'anii sodaatan*.

38 Inni immoo, ?Maaliif yaadaan rakkattan? Mamnis maaliif garaa keessan keessaa ka'a?

39 Harka koo fi miilla koo ilaalaa, ana mataa koo ti'o; mee qaqqabaa na ilaalaa, ekeraan foonii fi lafee hin qabu, ani garuu akkan qabu in argitu*? jedhe.

40 Yeroo kana jedhettis harka isaa fi miilla isaa isaan argisiise.

41 Isaan gammaduudhaaf raajeffachuu irraa kan ka'e, amma iyyuu amanuu dadhabnaan, ?Waan nyaatamu tokko asii qabduu?? jedheen*.

42 Kana irratti isaan qurxummii waadamaa seeraa tokko kennaaniif*.

43 Inni fudhatee isaan fuul duratti nyaate*.

44 Kana booddees Yesus, ?Yommuun isinii wajjin ture waa'ee kootiif seera Musee, macaafa raajotaa fi, macaafa faarfannaa keessatti kan caafame hundinuu raawwatamuuf akka jiru, kan ani isinitti hime, kunoo isa kana? isaaniin jedhe*.

45 Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef.

46 ?Kristosichi dhiphachuuf, guyyaa sadaffaattis du'aa ka'uuf akka jiru*,

47 yaada garaa geddarachuunii fi dhiifamuun cubbuu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee saba lafa irraa hundumaatti akka lallabamuuf jiru, caafameera*.

48 Isinis dubbii kanaaf dhuga-baatuu dha*.

49 Kunoo, isa abbaan koo isin abdachiise isiniif nan erga, garuu akka nama uffannaa guutuu uffatutti waaqa irraa humna hamma argattanitti mandaricha keessa turaa? isaaniin jedhe*.


Yesus Gara Waaqa Keessaatti Ol Fudhatamuu Isaa
( Mar 16:19-20 ; HoE 1:9-11 )

50 Kana booddee Yesus mandaricha keessaa baasee, hamma Bitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lachuu ol fuudhees isaan eebbise.

51 Utuma isaan eebbisaa jiruus, isaan irraa gargar ba'ee, gara waaqa keessaatti ol fudhatame.

52 Isaanis sagadaniifii, gammachuu guddaadhaan gara Yerusaalemitti deebi'an*;

53 gaafa hundumaas mana qulqullummaa keessatti maqaa Waaqayyoo galateeffachaa turan.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements