Luqaas 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooDhaloota Yesus ( Mat 1:18-25 ) 1 Yeroo sanatti mootummaa warra Roomaa keessa kan jiraatan hundinuu akka caafamaniif, Awugusxos mooticha biraa abboommiin ba'e. 2 Caafamuun namaa kun isa jalqabaa ture; innis bara Qereenewos Soriyaatti abbaa biyyaa turetti ta'e*. 3 Kanaaf namni hundinuu adduma addaan of caafsisuudhaaf gara mandara kutaa biyya itti dhalatee dhaqe. 4 Yoseef sanyii mooticha Daawit keessaa waan tureef, Galiilaadhaa mandara Naazireetii ba'ee, Yihudaa keessaa Betlihem mandara Daawit ga'e*. 5 Kaadhima isaa Maariyaamii wajjin caafamuudhaaf dhaqe; isheen immoo ulfa turte*. 6 Betlihem utuu jiraniis, yeroon Maariyaam itti deessu ga'e; 7 angafa ilma ishee deessee, lafa bultii kara-deemtuutii iddoo hin arganne waan turaniif, wayyaa itti martee, siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite. Tiksootaa Fi Ergamoota Waaqayyoo 8 Tiksoonni tokko immoo naanna'aa sanaa bakkeetti halkan darabee dammaqanii, hoolota isaanii in eegu turan. 9 Ergamaan Waaqayyoo dingata isaan dura dhaabatee, ifni surraa gooftichaas naannoo isaaniitti ibse; kana irratti isaan na'anii, guddaa sodaatan*. 10 Ergamichi garuu, ?Hin sodaatinaa! Kunoo ani misraachoo gammachuu guddaa isinittan hima'o, kunis saba hundumaaf kan ta'uu dha. 11 Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha*. 12 Milikkinni isaa immoo kana, mucaa wayyaan itti maramee siree horiin keessaa nyaatu irra ciisu in argitu? isaaniin jedhe. 13 Achumaanis kutata ergamoota Waaqayyoo keessaa baay'een ergamicha kanaa wajjin turan*. 14 Isaan immoo, ?Hooqubaan Waaqayyoof waaqa gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf, lafa irratti? jedhanii Waaqayyoon in faarfatu turan*. 15 Ergamoonni Waaqayyoo isaan biraa deebi'anii gara waaqaatti erga ol ba'anii tiksoonni, ?Kottaa Betlihem in dhaqna, dubbii achitti ta'e, Waaqayyo nutti beeksise kanas in ilaalla? waliin jedhan. 16 Ariifachaa yommuu dhaqan Maariyaamii fi Yoseefin, mucichas, siree horiin keessaa nyaatu irra ciisee argatan. 17 Tiksoonni sun mucicha yommuu argan, waan ergamoonni Waaqayyoo waa'ee isaaf isaanitti himan hundumaa mul'isan. 18 Warri dhaga'an hundinuu immoo waan tiksoonni isaanitti himanitti baay'ee dinqifatan. 19 Maariyaam garuu dubbii kana hundumaa garaatti qabattee, itti yaaddi turte*. 20 Tiksoonni sun, isa ergamoonni Waaqayyoo itti himan hundumaa dhaga'anii, akkuma itti dubbatametti ija isaaniitiin waan arganiif, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaa galateeffachaas gara iddoo isaaniitti deebi'an. Maqaa Moggaafamuu Yesus 21 Guyyaan saddeettaffaan erga darbee mucicha dhagna qabuun in ga'e; akkuma ergamaan Waaqayyoo utuu isheen hin ulfaa'in dura, haadha isaatti himee turetti maqaa isaa ?Yesus? jedhan*. Mana Qulqullummaatti Geeffamuu Yesus 22 Akka seera Museen abboometti yeroon qullaa'ummaa isaanii geenyaan, Waaqayyo gooftaa duratti isa dhi'eessuudhaaf, mucicha gara Yerusaalemitti fidan. 23 Seera gooftichaa keessatti, ?Dhiirri angafni karra saaqu hundinuu Waaqayyoof qulqullaa'ee addaan kan ba'ee dha? kan jedhu caafamee jira. 24 Kana malees immoo akka seera gooftichaatti aarsaadhaaf, ?Gugee horaa lama yookiis gugee sosookkee lama? dhi'eessuuf, isa fidan*. 25 Bara sanatti namni maqaan isaa Simi'oon jedhamu tokko Yerusaalem ture; namni kun abboommii Waaqayyoo kan eege, Waaqayyoon sodaachaa kan jiraate, fayyina isa Israa'eliif dhufu kan eeggatu ture; hafuurri qulqulluunis isa irra boqotee ture. 26 Kanaan duras fayyisaa gooftichaa isa abdachiifame utuu hin argin akka hin duune hafuura qulqulluudhaan isatti mul'ifamee ture. 27 Amma immoo hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee mana qulqullummaatti ol gale; Maariyaamii fi Yoseef akka seeraatti isaaf raawwachuudhaaf mucicha Yesusin mana qulqullummaatti ol galchan. 28 Yommus Simi'oon mucicha fuudhee, kaasuutti baatee Waaqayyoon galateeffatee, 29 ?Egaa, yaa gooftaa, akkuma dubbattee turte garbicha kee nagaadhaan jireenya kanattii hiiki*! 30 Fayyisuu kee ija kootiin argeera*; 31 sabni hundinuu akka arguuf kan qopheessite, 32 innis ifa; warra saba Waaqayyoo hin ta'initti akka mul'atuuf, saba kee Israa'eliifis ulfina akka ta'uuf? jedhe*. 33 Abbaan mucichaa fi haati isaas waan Simi'oon waa'ee mucichaaf dubbate hundumaa in raajeffatan. 34 Simi'oon yommus isaan eebbisee, Maariyaam haadha mucichaatiin immoo, ?Kunoo, mucaan kun dhaabatee jira. Saba Israa'el keessaa baay'een isatti gufatanii in kufu, baay'een immoo isaan in ka'u; akkasumas namoonni baay'een milikkita dhaabatee jiru kanaan mormanii, irratti in dubbatu*. 35 Yaadni inni dhokataan garaa namoota baay'ee keessaa bakkeetti ba'ee akka mul'atuuf; si immoo gaddi akka billaa qaramaa onnee kee si waraana? jedhe. 36 Raajittiin Haannaa jedhamtu tokko, intala Faanu'el, gosa Aseer keessaa turte; isheen lafa guurteetti; durbummaa ishee booddee waggaa torba duwwaa abbaa manaa ishee wajjin jiraatte. 37 Abbaan manaa ishee irraa duunaan, hamma yeroo barri ishee waggaa saddeettamii afur guute sanatti haadha hiyyeessaa taatee jiraatte; yeroo yerootti soomaa, halkanii fi guyyaa kadhachaa, mana qulqullummaa keessaa utuu hin dhabamin Waaqayyoof sagadaa in hojjetti turte*. 38 Yeroo kanatti dhi'aatee, Waaqayyoon galateeffachaa warra furii Yerusaalem eeggatan hundumaatti waa'ee mucichaa dubbatte. Naazireetitti Deebi'uu Isaanii 39 Yoseefii fi Maariyaam akka seera gooftaatti waan hojjetamu hundumaa erga raawwatanii, gara biyya Galiilaa gara mandara isaanii Naazireetitti deebi'an*. 40 Mucichi immoo guddachaa, jabaachaa, ogummaadhaanis guutaa adeeme; ayyaanni Waaqayyoos isa irra ture*. Mucichi Yesus Mana Qulqullummaa Keessatti 41 Abbaanii fi haati mucichaa wagguma waggaan ayyaana Faasiikaa ayyaanessuudhaaf gara Yerusaalem in dhaqu turan*. 42 Mucichi waggaa kudha lama yeroo guutetti, akkuma amala isaanii ayyaanichaaf ol ba'an. 43 Ayyaanichi erga darbee gara mana isaaniitti yommuu deebi'anitti, mucichi Yesus Yerusaalemitti hafe; abbaan isaa fi haati isaa garuu akka inni biraa hafe hin beekne. 44 Miiltoo wajjin waan jiru se'anii adeemsa guyyaa tokkoo erga adeemanii, firoota isaanii bira warra ijaan beekan biras in iyyaafatan. 45 Dhabnaanis isa barbaaduuf Yerusaalemitti deebi'an. 46 Guyyaa sadii booddee immoo mucicha mana qulqullummaa keessa, barsiisota gidduu taa'ee isaan utuu dhaggeeffatuu gaaffiis utuu isaan gaafatuu, argatan. 47 Warri isa dhaggeeffatan hundinuu immoo hubannaa isaa fi deebii deddeebisuu isaatiif in dinqifatan*. 48 Abbaan isaa fi haati isaa achitti yommuu isa argan in rifatan; haati isaa yommus, ?Yaa ilma ko, maaliif akkana nu goote? Kunoo abbaan kee anis baay'ee yaaddofne si barbaadaa turre? jetteen. 49 Mucichi immoo deebisee, ?Maali, attamitti na barbaaddan? Mana abbaa koo keessatti argamuun akka ana irra jiru hin beektan turtanii?? isaaniin jedhe*. 50 Isaan garuu maal jechuu isaa akka ture hin hubanne. 51 Kana booddee mucichi abbaa isaa fi haadha isaa wajjin Naazireetitti deebi'ee, isaaniif abboomamaas jiraate; haati isaa garuu dubbii kana hundumaa garaatti in qabatti turte*. 52 Yesus immoo Waaqayyoof namoota irraa ayyaana argachaa, namummaadhaaf ogummaatti in guddata ture*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia