Online Bible

- Advertisements -


አቦቲ ሙርቲ 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Ergamaan Waaqayyoo Saba Israa'elitti Dubbachuu Isaa

1 Ergamaan Waaqayyoo mandara Giilgalii gara Bokiimitti ol ba'ee, saba Israa'eliin,<<Ani biyya Gibxiitii isin baasee biyyan abboota keessaniif kennuudhaaf kakadhetti isin galcheera; ani,<<Kakuu isa ani isiniif gale raawwadhee hin cabsu*.

2 Isin immoo iddoo aarsaa isaanii diigaa malee, warra biyya kanaa wajjin kakuudhaan waliif hin galinaa!>> isiniin nan jedhe; isin garuu anaaf hin dhageenye; egaa isin maal gochuu keessan ree*>>

3 Amma ani, fuula keessan duraa ari'ee isaan hin baasu, isaan tuttuqanii nagaa isin in dhowwatu, waaqayyolii isaanii waaqessuudhaanis kiyyootti in galtu>> jedhe*.

4 Yeroo ergamaan Waaqayyoo Israa'eloota hundumaatti dubbii kana dubbatetti isaan sagalee isaanii ol kaasanii in boo'an.

5 Maqaa iddoo sanaas <<Bokiim>> jedhanii in moggaasan [<<Bokiim>> jechuun <<Iddoo warra boo'anii>> jechuu dha]; iddoodhuma kanattis Waaqayyoof qalma in dhi'eessan.


Du'uun Iyaasuu Saba Israa'elitti Hir'isuu Isaa

6 Iyaasuun saba Israa'el gara iddoo iddoo isaaniitti yeroo ergetti, namoonni adduma addaan lafa ga'aa isaanii qabachuudhaaf in dhaqan*.

7 Guutummaa bara Iyaasuu fi bara jaarsoliin warri isa booddee hafanii hojii guddaa Waaqayyo saba Israa'eliif godhe hundumaa argan jiraatanitti, sabni sun Waaqayyoof hojjechaa turan.

8 Iyaasuun ilmi Nun garbichi Waaqayyoo waggaa dhibbaa fi kudhan jiraatee in du'e.

9 Namoonnis Tiimnaat Heres lafa dhaala isaatii biyya gaaraa isa kan Efreem irraa isa tulluu Ga'aash irraa gara bitaatti argamu keessatti isa in awwaalan*.


Namoonni Israa'el Waaqayyoon Waaqeffachuu Dhiisuu Isaanii

10 Dhaloonni yommus turan hundinuu erga du'anii booddee, dhaloonni Waaqayyoon, gochaa inni saba Israa'eliif godhes hin beekne in ka'e.

11 Israa'eloonni Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjetan, Ba'aal waaqayyolii tolfamoos in waaqessan.

12 Waaqayyoon goofticha isa abboonni isaanii sagadaniif, isa biyya Gibxiitii isaan baase dhiisanii, saba naannoo isaanii jiran duukaa bu'anii waaqayyolii tolfamoo isaaniitiif in sagadan; kanaanis Waaqayyoon in dheekkamsiisan.

13 Waaqayyoon dhiisanii Ba'aalii fi Ashtaarot waaqayyittii tolfamtuu in waaqessan.

14 Kanaaf dheekkamsi Waaqayyoo Israa'el irratti boba'ee, warra isaan saamanitti dabarsee isaan kenne; harka diinota naannoo isaaniittis raawwatee waan isaan galcheef, sabni Israa'el diinota isaanii dura dhaabachuu hin dandeenye.

15 Waaqayyo akkuma kakuudhaan isaanitti dubbatee turetti, yeroo lolaaf ba'an hundumaatti waan hamaa isaanitti in fida ture; kanaafis yaadni isaanii guddaa in dhiphate*.

16 Yommus Waaqayyo, Israa'eloota harka saamtotaa jalaa akka baasaniif, abboota firdii isaaniif in kaase*.

17 Isaan garuu Waaqayyoof amanamuu dhiisanii, waaqayyolii biraaf of kennanii isaaniif sagadan malee, abboota firdii isaaniif iyyuu hin dhageenye; abboonni isaanii abboommii Waaqayyoo in eegu turan; isaan kun garuu akkas gochuu dhiisanii, dafanii karaa abboonni isaanii irra adeeman irraa in jal'atan.

18 Waaqayyo abbaa firdii yommuu isaaniif kaasu, bara jireenya abbaa firdii sanaa hundumaatti isaa wajjin ta'ee, Israa'eloota harka diinota isaanii keessaa in baasa ture; namoonni waan isaan rakkisanii cunqursaniif yeroo isaan aadanitti immoo Waaqayyo isaaniif in oo'e.

19 Akkuma abbaan firdii sun du'een garuu deebi'anii dhaloota isaan dura turan caalaa hammaatanii, waaqayyolii biraa duukaa bu'anii, isaaniif in hojjetu, in sagaduufis turan; hojii isaaniitii fi mata-jabina isaanii keessaas tokko illee hin dhiifne.

20 Kana irratti dheekkamsi Waaqayyoo saba Israa'el irratti in boba'e; Waaqayyo,<<Sabni kun kakuu koo isa ani akka eeganiif abboota isaanii abboome cabsaniiru, anaafis hin dhageenye.

21 Kanaafis saba warra yeroo Iyaasuun du'e achitti hafan sana, ani immoo fuula isaanii duraa ari'ee hin baasu.

22 Sabni Israa'el akkuma abboota isaanii karaa koo irra in adeemuu fi hin adeemanii isaanii saba achitti hafan sanaan qoree nan ilaala>> jedhe*.

23 Kanaaf Waaqayyo saba sana tokkichumaan ari'ee baasuu dhiisee, achumatti akka hafan godhe; harka Iyaasuuttis isaan hin kennine*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements