Haagee 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooWaa'ee Ulfina Manicha Isa Haaraa Dubbachuu Isaa 1 Ji'a torbaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa digdamii tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo ammas karaa Haagee raajichaa dhufee, 2 <<Zarubaabel ilma She'altii'el isa Yihudaa bulchutti, Iyaasuu angafa lubaa ilma Yozaadaaqitti, saba warra hafanittis dubbadhu, gaaffii kanas isaan gaafadhu*! 3 Isaaniinis,<<Isin keessaa namni manni kun dur attam ulfina-qabeessa akka ture yaadatu jiraa>> Amma immoo inni maal fakkaata>> Inni akkuma waan hin jirree ti mitii ree?>> jedhi*! 4 Amma garuu yaa Zarubaabel, yaa Iyaasuu angafa lubaa ilma Yozaadaaq, jabaadhaa! Isin, sabni biyyicha keessa jirtan hundinuus ani isinii wajjinan jira, jabaadhaatii hojjedhaa! 5 Kakuun ani biyya Gibxii yommuun isin baasee,<<Hafuurri koo isin gidduu in jiraataatii isin hin sodaatinaa!>> jedhee isiniif kakadhe isa kana*. 6 <<Ani Waaqayyo gooftaan maccaa, ammas immoo yeroo gabaabaatti bantiiwwan waaqaa, lafa, galaana, lafa gogaas nan sochoosa*; 7 saba lafa irraa hundumaa nan sochoosa, badhaadhummaan saba lafa irraa hundinuu as in fidama; ani mana kana ulfinaan nan guuta; kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate*. 8 Meetichi kan koo ti, warqichis kan koo ti; kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate. 9 <<Ulfinni mana isa ammaa kanaa ulfina mana isa durii irra in caala; ani iddoo kanatti nagaa nan kenna>> jedha Waaqayyo gooftaan maccaa, jedhiitii itti himi!>> jedhe; kana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate*. Mana Qulqullummaa Deebisanii Ijaaruudhaan Eebbifamuu Isaanii 10 Daariyos mo'ee waggaa lammaffaatti, waggicha keessaa ji'a salgaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa digdamii afuraffaatti, dubbiin Waaqayyoo ammas gara Haagee raajichaa dhufee*, 11 <<Waaqayyo gooftaan maccaa,<<Mee wanta seerri jedhu luboota gaafadhaa! 12 Namni tokko foon addaan baafame fiixee uffata isaatiitti baatee utuu adeemuu, fiixeen uffatichaa buddeenichatti yookiis ittootti yoo bu'e yookiis daadhii waynii yookiis dhadhaa ejersaa yookiis waan nyaatamu tokko yoo tuqe, wanti sun kanaan qulqulluu in ta'aa ree?>> jedha>> jedhe. Luboonnis deebisanii<<Lakkii>> jedhan*. 13 Yommus Haageen,<<Namni reeffatti bu'e tokko, nyaata kana keessaa tokkotti yoo bu'e nyaatichi in xuraa'aa ree?>> jedhee in gaafate; luboonnis deebisanii,<<Eyyee, in xuraa'a!>> jedhan*. 14 Kana irratti Haageen,<<Sabni kun, namoonni kunis ana duratti akkasuma wanti isaan harka isaaniitiin hojjetan, wanti isaan iddoo sanatti dhi'eessanis akkasuma xuraa'aa dha; kana Waaqayyotu dubbate>> jedhe*. 15 Waaqayyo,<<Mana qulqullummaa dhagaadhaan ijaaruu utuu hin jalqabin waan ta'aa ture ba'eessa godhaatii yaadadhaa! 16 Yeroo sana namni,<<Guuboo digdama nan argadha>> jedhee gara tuullaa midhaanii dhaqu, guuboo kudhan duwwaa in argata; yommuu inni,<<Liitrii dhibba laman argadha>> jedhee gara qodaa waynii itti cuunfanii dhaqu, liitrii saddeettama duwwaa in argata; 17 ani Waaqayyo isinin, wanta isin itti dadhabdanii harka keessaniin hojjettan hundumaa gogiidhaan, waagiidhaan, cabbiidhaanis nan rukute; garuu isin amma illee gara kootti hin deebine. 18 Egaa guyyaa har'aatii jalqabee gara fuula duraatti ji'a salgaffaa, ji'icha keessaa guyyaa digdamii afuraffaa, guyyaa hundeen mana qulqullummaa itti kaa'ame kana garaatti qabadhaa! 19 Sanyiin gombisaa keessa hin jiru yoo ta'e iyyuu, mukti waynii, mukti harbuu, mukti rumaanii fi mukti ejersaa ija hin godhanne yoo ta'e iyyuu, ani har'aa jalqabee isin nan eebbisa>> jedha*. Zarubaabeliif Abdii Kennuu Isaa 20 Ammas dubbiin Waaqayyoo ji'icha keessaa guyyaa digdamii afuraffaatti si'a lammaffaa gara Haagee raajichaa dhufee, 21 <<Zarubaabel isa Yihudaa bulchutti dubbadhuutii, Waaqayyo,<<Ani Waaqayyo waaqaa fi lafa nan sochoosa*, 22 teessoo mootummootaa gara nan galcha, humna mootummoota saba lafa irraas nan balleessa, konkolaataa isaanii fi abboota fardeenii isaanii garan gaggalcha, fardeenii fi abboonni fardeenii adda addaan billaa walii walii isaaniitiin in dhumu*. 23 Guyyaa sanatti ani Waaqayyo gooftaan maccaa, si garbicha koo Zarubaabel ilma She'altii'el si fo'adhee akka amartii mallattoo kootii sin godhadha>> jedha>> jedhe; kana Waaqayyo gooftaatu dubbate*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia