Faarfannaa 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooIsa Waaqayyo Dibee Moosise 1 Sabni biyya lafaa maaliif raafaman>> Namoonnis maaliif akkasumaan itti koratan*>> 2 Waaqayyoon, isa inni dibee moosiseenis mormuudhaaf, mootonni lafa irraa in ka'u, warri biyya seerratanis walii wajjin taa'anii in mari'atu*. 3 Isaan,<<Kottaa hidhaa isaanii of irraa in cabsinaa! Funyoo isaaniis of irraa in darbannaa!>> in jedhu*. 4 Inni bantiiwwan waaqaa gara irraa taa'u itti in kolfa, gooftichi isaanitti in ga'isa*. 5 Kana booddee gooftichi aarii isaatiin isaanitti in dubbata, dheekkamsa isaatiinis isaan in naasisa*; 6 itti fufees,<<Ani mootii isa kan kootii immoo Xiyoon tulluu koo isa qulqulluu irra teessiseera>> in jedha*. 7 Ani mootichi seerrata Waaqayyoo himuufan jira, inni anaan,<<Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche*; 8 ana kadhadhu, anis saba hundumaa kan kee akka godhattuuf, laftis hamma andaara isaatti qabeenya kee akka ta'uuf siif nan kenna*; 9 ati ulee sibiilaatiin isaan in cabsita, akka qodaa suphees isaan in hurreessita>> jedhe*. 10 Kanaaf isin mootota nana qalbii godhadhaa! Isin warri biyya lafaa seerratanis gorfamaa! 11 Sodaadhaan Waaqayyoof hojjedhaa! Rom'aanis miilla isaa dhungadhaa*! 12 Kanaa achi inni in dheekkama, isinis karaa kanatti baduu keessan; dheekkamsi isaa dafee in boba'ao! Warri isatti kooluu galan haa gammadan! |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia