Efesoon 5 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooIfa Keessa Jiraachuu 1 Akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa*! 2 Kristos akkuma nu jaallate, isinis immoo jaalalatti jiraadhaa! Inni aarsaa fooliin isaa tolu, qalma Waaqayyoof dhi'aatus godhee nuuf jedhee dabarsee of kenneera*. 3 Akka warra Waaqayyoof qulqullaa'aniitti jiraadhaa malee, halalummaan, xuraa'ummaan hundinuu, sassatis isin gidduutti hin dhaga'amin iyyuu*. 4 Dubbii galateeffachiisu malee, dubbiin gurratti hin tolle, dubbiin midhaan hin qabne, qoosaan hin taanes hin dubbatamin*! 5 Namni halaleen yookiis xuraa'aan yookiis sassataan mootummaa Kristosii fi mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye beekaa! Namni sassataan waaqayyolii tolfaman waaqessuu isaa ti*. 6 Sababii wanta kana hundumaatiif dheekkamsi Waaqayyoo warra isaaf hin abboomamne irratti in dhufa; homtinuu dubbii hundee hin qabneen isin hin gowwoomsin*! 7 Hidhata namoota akkasii kana hin ta'inaa*! 8 Isin dur dukkanaa'oo turtan, amma garuu karaa gooftaa iftaniittu; egaa akka ijoollee ifaatti jiraadhaa*! 9 Wanti ifa keessaa ba'u, gaarummaa, qajeelummaa, dhugaa hundumaa keessatti in argama*. 10 Wanta gooftaatti tolu qoraa bira ga'aa*! 11 Hojii dukkanaa, isa wanti dhimma baasu keessaa hin baane, bakkeetti baasaa malee, ittii hin hirmatinaa*! 12 Namoonni hojii akkasii keessaa qaban jiru; waan isaan dhoksaatti hojjetan immoo dubbachuun iyyuu yeelloo dha. 13 Wanti ifichi bakkeetti baasu hundinuu mul'ataa in ta'a*; 14 wanti bakkeetti baafamu hundinuu ifaa dha. Kanaaf, ?Ati yaa isa raftuu, dammaqi! Warra du'an keessaa ka'i, Kristos siif in ibsa? jedhame*. 15 Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaaladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta'iniitti hin jiraatinaa*! 16 Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa*! 17 Kanaaf jaalalli gooftaa maal akka ta'e hubadhaa malee, wallaalota hin ta'inaa*! 18 Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa*! 19 Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis wal harkaa fuudhaa! Garaa keessan keessatti faarfachaa galata gooftaa dhageessisaa*! 20 Yeroo hundumaa waan hundumaafuu maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin Waaqayyo abbaadhaaf galata galchaa*! Haati Manaa Fi Abbaan Manaa Attamitti Akka Walii Wajjin Jiraatan Gorsuu Isaa 21 Kristosin safeeffachuudhaan waliif abboomamaa*! 22 Haati manaa akkuma gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa abboomamtu*! 23 Kristos mataa waldaa kristiiyaanaa akkuma ta'e, abbaan manaas mataa haadha manaa ti; Kristos fayyisaa waldaa kristiiyaanaa ti; waldaan immoo dhagna isaa ti*. 24 Waldaan kristiiyaanaa harka Kristos jala akkuma of galchitu, haati manaas waan hundumaatti harka abbaa manaa isheetii jala of haa galchitu. 25 Kristos akkuma waldaa kristiiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu*! 26 Waldaan kristiiyaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtu akka taatutti, Kristos karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiquudhaan ishee in qulleessa*. 27 Waldaas xurii fi dirmammuun, wanti kana fakkaatus utuu irratti hin argamin fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee, ulfinaan of dura ishee dhaabuuf jira*. 28 Akkasuma immoo abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta'aaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata. 29 Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku; Kristosis waldaadhaaf akkasuma godhe. 30 Nuyi bu'aa dhagna Kristos*. 31 Caaffanni qulqullaa'aan, ?Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u? in jedha*. 32 Dubbiin kun dhoksaa gad fagoo of keessaa qaba; inni waa'ee Kristosii fi waa'ee waldaa kristiiyaanaa in dubbata jechuu koo ti*. 33 Dubbiin kun isinis immoo in ilaala; tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu! |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia