Online Bible

- Advertisements -


Efesoon 4 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Tokkummaa Dhagnaa

1 Egaa ani waa'ee hojii gooftaatiif hidhamee kanan jiru, waamicha isa itti waamamtan sanaaf akka ta'utti akka jiraattan isin nan gorsa*.

2 Gad of deebisuu fi garraamummaa hundumaan, obsaanis walii wajjin jiraadhaa, jaalalaanis waliif danda'aa*!

3 Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhama'aa*!

4 Akkuma abdiin waamichaa inni isin itti waamamtan tokkicha ta'e, dhagni tokko, hafuurris tokko*;

5 gooftaan tokko, amantiin tokko, cuupphaan tokko*.

6 Waaqayyoo fi abbaan waan hundumaa tokkicha, inni waan hundumaa irra jira waan hundumaan in hojjeta, iddoo hundumaa jiras*.

7 Tokkon tokkon keenya garuu akka safara kennaa Kristositti ayyaana arganneerra*.

8 Kanaaf caaffanni qulqullaa'aan, ?Inni gara waaqaatti yeroo ol ba'e, boojuu booji'ee dhaqee, namootaafis kennaa kenne? in jedha*.

9 Amma, ?Ol ba'e? yommuu jedhu maal jechuu isaa ti? Dura biyya lafaa kana keessaa gara iddoo gadiitti gad bu'e jechuu dha*.

10 Isuma gad bu'e sanatu, waaqaa fi lafa ofii isaatiin guutuudhaaf bantiiwwan waaqaa hundumaa gara irraatti ol ba'e.

11 Isumatus namootaaf kennaa kenne; kennaan isaas kaan ergamoota, kaan waan Waaqayyo isaanitti mul'ise warra himan, kaan warra wangeela lallaban, kaan eegdota, kaanis barsiisota akka ta'aniif ture*.

12 Inni warra Waaqayyoof qulqullaa'an, hojii isa itti ergaman sanaaf qopheessuudhaaf, [waldaa isa] dhagna Kristos sanas cimsuudhaaf kana godhe*.

13 Kunis hamma hundumti keenya tokkummaa amantii, ilma Waaqayyoo beekuu namoota ga'an taanee, guddannees safara guutummaa Kristos bira hamma geenyutti ta'a*.

14 Egaa nuyi si'achi ijoollee dha'aan asii fi achi rukutu, warra qilleensa barsiisa namoota axaarotaatiin, haxxumaa isaanii isa gowwoomsaadhaan raawwatamuunis fudhataman hin taanu*.

15 Kanaa mannaa jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, kottaa karaa hundumaan gara isa mataa nuuf ta'ee, gara Kristositti in guddanna*!

16 Isa jalatti bu'aan dhagnaa hundinuu wal fudhatanii, buusaa adduma addaan argataniin walitti qabsiifamaniiru; yeroo bu'aan dhagnaa adduma addaan tooraan hojjetuttis, dhagnichi in guddata, jaalalaanis of in cimsa*.


Jireenya Haaraa Karaa Kristos Argamu Jiraachuu

17 Egaa si'achi akka warra saba Waaqayyoo hin ta'iniitti yaada waa'ee hin baafne duukaa buutanii akka hin jiraanne maqaa gooftaatiin cimsee isinan gorsa*.

18 Isaan sammuun isaanii dukkaneeffameera; sababii Waaqayyoon beekuu hin barbaanneef, sababii mata-jabina isaaniitiifis jireenya isa Waaqayyo kennu keessaa gad baafamaniiru*.

19 Isaan of qabuu dadhabanii jireenya gad-dhiisiitti of kennaniiru; wanta nama xureessu hundumaa in hojjetu, in ga'as hin jedhan*.

20 Isin garuu Kristosin akkasitti hin barre.

21 Silaa waa'ee isaa dhaga'uun keessan, akka dhugaa isa Yesus keessa jiruttis maqaa isaatiin barsiifamuun keessan hin oolle*!

22 Yaada namummaa moofaa isa dur itti jiraachaa turtan, isa kajeellaa nama gowwoomsuun manca'e of keessaa baasaa*!

23 Hafuura yaada garaa keessanii keessattis haareffamaa*!

24 Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffadhaa*!

25 Kanaafis namni adduma addaan soba of keessaa baasee, dhugaa namatti haa dubbatu! Nuyi bu'aa dhagna walii ti*.

26 Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin*!

27 Seexanaaf karaa hin kenninaa*!

28 Inni hatu deebi'ee hin hatin, warra dhaban gargaaruu akka danda'utti hojii waa'ee baasu harka isaatiin itti dadhabee haa hojjetu malee*.

29 Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhaga'uufis ayyaana kan kennu malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba'in*!

30 Hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa fayyinaatiif ittiin mallateeffamtan hin gaddisiisinaa*!

31 Hadhaa'umaan, dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isin irraa haa fagaatu*!

32 Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta'aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa*!

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements