Online Bible

- Advertisements -


Efesoon 3 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Dhoksaa Waaqayyoo Warra Saba Waaqayyoo Hin Ta'initti Mul'isuu Isaa

1 Sababii kanaaf ani Phaawulos, isin warra saba Waaqayyoo hin ta'iniif jedhee waa'ee Kristos Yesusiif hidhameen jira*.

2 Waa'ee hojii ayyaana Waaqayyoo adeemsisuu isa isiniif jedhee anatti kenname dhageessaniittu ta'a*.

3 Akkuma ani dura as keessatti gabaabsee isiniif caafe Waaqayyo dhoksaa isaa mul'ata keessatti anatti argisiiseera*.

4 Kana dubbifachuudhaan dhoksaa Kristos hubachuu koo beekuu in dandeessu*.

5 Dhaloota darban keessatti dhoksaan kun ilmaan namaatti hin argisiifamne; amma garuu Waaqayyo hafuura isaatiin ergamoota qulqullootaa fi raajotatti mul'iseera*.

6 Dhoksaan kunis warri saba Waaqayyoo hin ta'in wangeelatti amanuudhaan wanta Yihudoonni argatan akka argatan, isaanii wajjin bu'aa dhagna tokkoo akka ta'an, abdii isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus kenne keessaas akka hirmaatan gochuuf kan qophaa'e ture*.

7 Akka kennaa ayyaana Waaqayyootti ani wangeela kanaaf hojjetaa ta'eera, kunis gochaa humna isaatii ti*.

8 Ani warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaa irra nan xinnaadha; haa ta'u iyyuu malee, badhaadhummaa Kristos isa bira ga'uun hin danda'amne, saba Waaqayyoo warra hin ta'initti misraachoo akkan lallabuuf ayyaanni kun anaaf kennameera*.

9 Kanaanis akeeki dhokataan kun maal akka ta'e namoota hundumaaf ibsuun anaaf kennameera; akeeki dhokataan kun bara durii durii jalqabee yaada Waaqayyoo yaada isa hundumaa uume keessa dhokfamee ture*.

10 Ogummaan Waaqayyoo inni dachaa baay'ee qabu bara si'anaa karaa waldaa kristiiyaanaa warra bantii waaqaa keessaa gooftummaa qabanii fi warra aboo qabu jedhamanitti iyyuu akka beeksifamuuf kun ta'e*.

11 Waaqayyo akka bara durii karaa Kristos Yesus gooftaa keenyaa yaadee qopheessetti akeeka isaa fiixaan baaseera*.

12 Nuyi Kristositti amanuudhaan karaa isaa amanannee dhi'aachuudhaaf ija jabina qabna*.

13 Egaa rakkinni koo isiniif ulfina waan ta'eef, isa ani isiniif rakkachaa jiruuf akka abdii hin kutanneef isinan kadhadha*.


Jaalala Kristos Beekuu

14 Egaa waa'ee kanaaf jilbeenfadhee abbaa nan kadhadha.

15 Sanyiin waaqa keessa jiraatuuf sanyiin lafa irra jiraatu hundinuu isumaan in waamama.

16 Waa'ee namummaa keessan isa keessaaf immoo, abbaan akka badhaadhummaa ulfina isaatiitti karaa hafuura isaatii humnaan guutamuu akka isiniif kennuuf nan kadhadha*.

17 Kristos amantiidhaan garaa keessan keessa akka buufatuuf, jaalalattis hiddaa fi hundee akka godhattaniif kadhata koo ti*.

18 Warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaa wajjin dhoksaan ogummaa isaa hammam akka bal'atu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatu, hammam akka gad fagaatus hubachuu akka dandeessaniif,

19 jaalala Kristos isa safara beekumsa namaa bira darbus beektanii, guutummaa Waaqayyoo bira hamma geessanitti akka guutamtaniif nan kadhadha*.

20 Inni humna isaa isa nu keessatti hojjetuun wanta nuyi kadhannuuf wanta nuyi yaaduu dandeenyu hundumaa irra safara malee caalchisee gochuu in danda'a*.

21 Kanaaf, karaa Kristos Yesus waldaa kristiiyaanaa keessatti dhaloota hundumaa biratti bara baraan isaaf hooqubaan haa ta'u! Ameen*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements