Efesoon 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooKaraa Hafuuraa Du'a Keessaa Gara Jireenyaatti Darbuu 1 Isin kanaan dura irra-daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin [karaa hafuuraa] duutanii turtan*. 2 Yeroo sanatti isin toora biyya lafa kanaa duukaa buutanii deddeebi'aa, aboo qilleensa keessa jiru irratti isa gooftummaa qabuuf abboomamaa turtan; hafuurichi hamaan amma namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa jira*. 3 Nus hundumti keenya hawwa foon keenyaa duukaa buunee, akka fedha namummaa keenyaa fi yaada keenyaatti warra akkasii gidduu jiraanneerra; kana irraa kan ka'es akkuma warra kaanii dhalootaan dheekkamsa Waaqayyoo jala gallee turre*. 4 Araarri Waaqayyoo garuu baay'ee waan ta'eef, jaalala isaa isa guddaa sanaan nu jaallate*. 5 Nuyi irra-daddarbaa keenyaan karaa hafuuraa du'oo taanee utuma jirruu, inni warra Kristosii wajjin jiraatan nu godhate; isin ayyaana Waaqayyootiin fayyifamtan*. 6 Karaa Kristos Yesus isumaa wajjin du'aa nu kaase, isumaa wajjin bantii waaqaa keessaa iddoo nuuf kenne, nu teessises*. 7 Inni arjummaa karaa Kristos Yesus nuuf godhe sanaan, bara dhufu hundumaattuu baay'ina ayyaana isaatii isa hammas hin jedhamne argisiisuudhaaf kana godhe*. 8 Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti*; 9 hojiidhaanis miti, namni tokko illee akka ittiin of hin janyetti*. 10 Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kristos Yesus uumamne*. Karaa Yesus Kristos Tokko Ta'uu 11 Isin warri saba Waaqayyoo hin ta'in, ?Warra dhagna qabatan? waan harkaan dhagna namaa irratti hojjetamuun warra of waaman biratti, ?Warra dhagna hin qabatin? jedhamtanii akka waamamaa turtan yaadadhaa*! 12 Yeroo sanatti isin Kristosii wajjin homaa walittii hin qabdan turtan; waldaa ijoollee Israa'elitti orma, kakuu abdii isaanii keessaa kan hin qabne, ofii abdii kan hin qabne, biyya lafaattis Waaqayyo malee akka turtan yaadadhaa*! 13 Amma garuu Kristos Yesusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan isin warri dur fagaattanii turtan dhiiga Kristosiin dhi'eeffamtaniittu*. 14 Kristos nagaa keenya; inni keenyan diinummaa isa gidduu ture diigee, warra Yihudoota hin ta'in Yihudootas, lamaanuu tokko godheera*. 15 Inni nagaa buusuudhaan qooda gosa lamaanii namummaa haaraa isatti argamu tokko akka uumuuf abboommotaa fi toora seera sanaa namoota irraa kaase*. 16 Fannoo irratti du'uudhaan gosa lamaanuu akka dhagna tokkotti, Waaqayyotti araarsuudhaaf, ofii isaatiin diinummaa balleesse*. 17 Inni dhufee isin warra fagoo turtanitti isaan warra dhi'oo turanittis misraachoo nagaa lallabe*. 18 Nuyi lamaanuu hafuuruma tokkoon karaa isaa akka itti abbaa bira geenyu qabna*. 19 Egaa isin si'achi warra Waaqayyoof qulqullaa'anii wajjin warra biyyaa, warra mana Waaqayyoo tis malee, orma, nama biyya diidaas miti*. 20 Isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniittu, Kristos Yesus immoo ofii isaatii dhagaa golee qajeelchuu dha*. 21 Guutummaan ijaarsa sanaa isumaan walitti qabamee, mana qulqullummaa Waaqayyoo ta'uudhaaf gooftaatti in guddata*. 22 Isinis immoo isumaan mana isa Waaqayyo hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii itti ijaaramuu keessan*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia