Daaniʼel 8 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooKorbeessa Hoolaa Fi Korbeessa Reettii Mul'ata Keessatti Arguu Isaa 1 Belshaazaar mootummaa fudhatee waggaa sadaffaatti, ani Daani'el mul'ata nan arge, kunis isa si'a duraa anatti mul'ate sana booddee dha*. 2 Mul'aticha keessatti ani mandara Susaa, ishee kutaa biyya Elaam keessaa, dallaa dhagaatiin marfamtee keessa akkan ture nan arge; mul'aticha sana keessatti laga Ulaayi bukkee dhaabadhee akkan ture nan arge*. 3 Yommus ani ol jedhee ilaalee, kunoo, korbeessa hoolaa bishaanicha qarqara dhaabatu nan arge; hoolichi gaanfa lama qaba, gaanfi isaa dhedheeraa dha, inni tokko garuu isa kaan caalaa in dheerata; haa ta'u iyyuu malee, inni caalaa dheeratu isa booddee biqilee dha. 4 Anis korbeessichi gara lixa-biiftuutti, gara bitaatti, gara mirgaattis utuu ha'uu nan arge; horiin tokko illee isa dura dhaabachuu hin dandeenye, humna isaa jalaa baasuu kan danda'us hin jiru; inni akka isatti tole in hojjete; ofii isaas baay'ee of guddise*. 5 Utuun isa kanatti yaadaa jiruu, korbeessi reettii tokko gara lixa-biiftuutii irra lafaa kutee dhufe, miilli isaa garuu lafa hin ga'u ture; reettichi gaanfa tokkicha bakkeetti mul'atu ija isaa lamaan gidduudhaa qaba*. 6 Inni gara korbeessa hoolaa isa ani qarqara lagichaa dhaabate arge, isa gaanfa lama qabu sanaa dhaqee, aaree humnaan gara isaatti in fiige. 7 Gara korbeessa hoolichaatti dhi'aachuu isaa nan arge; isatti aaree boba'ee, rukutees gaanfa isaa lamaanuu in cabse; korbeessi hoolichaa garuu isa dura dhaabatee ittiin qabuudhaaf humna dhabe; korbeessi reettii sun korbeessa hoolichaa darbatee lafaan dha'ee, asii gad in dhidhiite, tokko illees hoolicha humna isaa jalaa baasuu hin dandeenye. 8 Yommus korbeessichi reettii sun hammana kan hin jedhamne of-guddise; yeroo inni baay'ee jabaatetti garuu gaanfi isaa inni guddichi in cabe; qooda isaas gaanfonni bakkeetti mul'atan afur gara golee waaqaa arfaniitti in ba'an*. 9 Warra arfan kana keessaa isa tokko irratti immoo gaanfi xinnaan tokko biqilee, dameen isaas gara mirgaatti, gara ba'a-biiftuutti, gara biyya isa Waaqayyo ulfinaan guuteettis hammana kan hin jedhamne in guddate*. 10 Hamma macca waaqaatti iyyuu baay'ee in guddate; macca urjootaa keessaas kaan gad darbatee lafatti isaan dhidhiite*. 11 Inni hamma isa macca waaqa irraa abboomuutti iyyuu of guddiseera; aarsaan walitti fufee isa abboomu sanaaf dhi'eeffamus duraa in fudhatame; lafti iddoo qulqullaa'aa isaas in gara galfame*. 12 Yommus macci sun itti in kenname, inni immoo irra-daddarbuudhaan aarsaa walitti fufee aarfamu irratti dalga hojjete, dhugaas lafatti gad in darbate; wanti inni hojjete immoo wal in qixxaateef. 13 Yommus inni qulqulluun tokko utuu dubbatuu nan dhaga'e; qulqulluun kan biraa tokkos isa dubbatu sanaan,<<Barri mul'ata kanaa, waa'een dhaabachuu aarsaa walitti fufee aarfamuu, waa'een irra-daddarbaa isa ciiggaasisaa, waa'een iddoon qulqullaa'aaniif macci sun dhidhiitamuutti kennamuu, hamma yoomiitti tura?>> jedhe. 14 Inni duraa deebisee isa gaaffii gaafate sanaan,<<Hamma ganamaa fi galgala kuma lamaa fi dhibba sadiitti in tura; kana booddee iddoon qulqullaa'aan sun qajeeltootti in deebifama>> jedhe*. Gabri'el Ergamaan Mul'aticha Hiikuu Isaa 15 Ani Daani'el mul'ata kana ergan argee booddee, hiikaa isaa hubachuu nan barbaade; kunoos nama kan fakkaatu tokko na dura dhaabate. 16 Achumaan immoo bishaan Ulaayi irraa waan akka sagalee namaa,<<Yaa Gabri'el, wanta inni mul'ataan arge kana namicha hubachiisi!>> jedhu nan dhaga'e*. 17 Kana irratti Gabri'el gara iddoo ani dhaabadhuu dhufe; yeroo inni dhufe immoo na'een adda kootiin gad gombifame; inni garuu,<<Yaa mucaa namaa, mul'atichi bara gara dhumaatiif ta'uu isaa hubadhu!>> naan jedhe*. 18 Yeroo inni anaa wajjin dubbachaa jirutti, ani fuula koo gara lafaatti gad gombiseen of wallaale; inni garuu harka isaatiin na qabee iddoo ani ture na dhaabachiisee, 19 <<Kun gara dhumaatti yeroo muramaa tokko kan ilaalu waan ta'eef, kunoo, yeroo dheekkamsichaa isa gara booddeetti wanta ta'uuf jiru sitti nan beeksisa! 20 Korbeessi hoolaa gaanfa lama qabu ati argite sun, mootota Medoonii fi Faares in argisiisa; 21 korbeessi reettii inni dabbasaa qabu sun immoo mootummaa Griikii argisiisa; gaanfi guddaan ija isaa lamaan gidduu tures mootii isaa isa jalqabaa ti. 22 Gaanfonni afur warri iddoo gaanfa isa cabe sanaa dhaabaman immoo, saba sana keessaa mootummoonni afur dhaabamuuf akka jiran in argisiisa; garuu humni isaanii akka kan isa tokkicha sanaa miti*. 23 <<Gara dhuma mootummaa isaan kanaatti, warri irra-daddarbituun safara irra-daddarbaa isaanii yeroo guuttatan, mootiin ija-hin fuuneen, dubbii qabsiisu tokko ka'uuf jira; 24 inni humna guddaa in argata, badiisa sodaachisaa in fida, wanti inni hojjetu wal in qixxaataaf, namoota jajjaboo saba warra qulqullaa'an sanaas in balleessa. 25 Haxxummaa isaatiin harka isaa jalatti gowwoomsaan akka wal-qixxaatuuf in godha; yaada ofii isaatiinis baay'ee of in guddisa; utuu nagaatti jiranii namoota baay'ee in balleessa; inni guddaa gurguddootaa irratti in ka'a, inni garuu harki namaa utuu itti hin bu'in in caba*. 26 Inni waa'ee ganamaa fi galgalaa mul'ata keessatti himame sun dhugaa dha; garuu guyyaa baay'ee waan turuuf, mul'aticha cufii kaa'i!>> naan jedhe*. 27 Kana irratti ani Daani'el bututee dhukkubsadhees guyyaa baay'ee nan ciise; kana booddee ka'een gara hojii mootichaatti ba'e; mul'aticha immoo ani waanuma isaa nan wallaale, hin hubannes. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia