Online Bible

- Advertisements -


Daaniʼel 7 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Daani'el Bineensa Afur Mul'ata Keessatti Arguu Isaa

1 Bara Belshaazaar mootii Baabilon waggaa duraa keessa, Daani'el siree isaa irra ciisee utuu jiruu abjuu arge, mul'annis mataa isaa keessa in dhufe; kana booddees abjuu sana caafee mataa mataa isaa himuutti ka'e.

2 Daani'el itti fufee,<<Kunoo! Qilleensonni bantii waaqaa jalaa golee arfanii qilleensa'anii galaana isa guddaa raasuu isaanii halkan mul'ataan nan arge*.

3 Bineensonni gurguddaan sanyii garaa garaa afur galaana keessaa ba'an.

4 Bineensi inni duraa leenca in fakkaata; akka joobiraas qoochoo qaba; utuu ani ilaaluus qoochoowwan isaa irraa buqqifaman; bineensichis lafaa ol kaafamee akka namaatti miilla lamaan in dhaabachiifame, qalbiin namaas in kennameef.

5 <<Kunoo, bineensi inni lammaffaan immoo amaaketa in fakkaata; inni immoo gara fuula isaa duraan ol ka'ee, lafee cinaachaa sadii ilkaaniin qabee afaan isaatti in baata ture;<<Ka'i, foon baay'ee nyaadhu!>> ittiin jedhame.

6 Kana booddees kunoo, bineensa biraa kan qeerransa fakkaatu nan arge; bineensichi dugda isaa irraa qoochoo isa akka kan allaattii afur, mataa afuris qaba ture; mootummaanis in kennameef.

7 Kana booddees kunoo, bineensa afuraffaa halkan mul'ataan nan arge; inni bineensa sodaachisaa, naasisaa, gar-malees jabaa ture; ilkaan sibiilaa gurguddaas qaba; bineensichi in nyaate, in caccabse, isa hafe immoo miilla isaatiin irra ejjete; inni bineensota isa dura turan irraa kan gargar ta'ee dha, gaanfa kudhanis qaba ture*.

8 Utuu ani gaanfota kana ilaalee yaaduu, kunoo gaanfi xinnaan kan biraa tokko isaan gidduudhaan quuqee ol ba'e; gaanfota warra duraa keessaa warri fuula isa xinnaa kanaa dura jiran sadan in buqqifaman; kunoo iji akka ija namaa gaanfa xinnaa kanatti ture; afaan dubbii gurguddisee dubbatus isatti ture>> jedhe*.


Ilma Namaa Kan Fakkaatu Tokko Mul'atatti Arguu Isaa

9 Itti fufees,<<Mul'ata ani arge keessatti teessonni kaa'amanii, inni bara baay'ee dheeraa jiraate tokko teessoo irra taa'e; uffanni isaa adii calaqqisaa dha, rifeensi mataa isaas akka jirbii hiddamaa in addaata; teessoon isaa akka arraba ibiddaa ti, miilli teessoo isaa inni geengoon akka ibbada boba'uu ti*;

10 yaa'aan ibiddaa isa duraa ba'ee in yaa'a; warri kuma kumaatamatti lakkaa'aman isaaf in hojjetu, warri millionii baay'eetti lakkaa'amanis isa dura in dhaabatu; abboonni firdii in taa'an, caaffatoonni duraan caafamanii jiranis in banaman*.

11 <<Utuu ani ilaaluu sababii dubbii gurguddatee afaan gaanfichatti jiruu irraa dhaga'amu sanaaf, bineensichi in ajjeefame; dhagni isaa babballeeffamee gubamuuf ibiddatti in kaa'ame.

12 Bineensonni warri hafan immoo mootummaan isaanii isaan irraa in fudhatame, ofii isaaniitii garuu yeroodhaaf, kutaa baraafis jiraachuun isaaniif in kenname*.

13 <<Kunoo, ilma namaa kan fakkaatu duumessoota waaqaatiin dhufuu isaa halkan mul'ataan nan arge; yommus inni gara isa bara baay'ee dheeraa jiraate sanaa dhaqee isa duratti in dhi'eeffame*.

14 Warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif, gooftummaan, ulfinni, mootummaan isaaf in kenname; gooftummaan isaa kan hin darbinee dha, inni gooftummaa bara baraa ti; mootummaan isaas isa balleeffamu miti>> jedhe*.


Daani'el Hiikaa Mul'atichaa Argachuu Isaa

15 Isan arge kana irratti ani Daani'el nan raafame, hafuurri koo ana keessatti in rakkate; mul'anni mataa koo keessa tures na wareerse.

16 Yommus ani warra achi dhaabatan keessaa isa tokkotti dhi'aadhee, waa'ee wanta kana hundumaa dhugaa isaa akka anatti himuuf isa nan kadhadhe; inni immoo hiikaa wanta kanaa anatti beeksise; dubbii isaa keessatti,

17 <<Bineensi gurguddaan arfan kun, mootota arfan ka'anii lafa kana irratti mo'anii dha.

18 Warri isa hundumaa gara irraa jiruu fi qulqullaa'an garuu mootummicha in fudhatu; mootummicha yeroo hundumaaf bara baraan in qabaatu>> jedhe*.

19 Ergasiis bineensi inni afuraffaan kun maalitti akka hiikamu dhugaa isaa baruu nan barbaade; bineensi kun warra kaan hundumaa irraa kan gargar ta'ee dha, guddaa sodaachisaa dha, ilkaan isaa sibiila, qeensi isaas sibiila diimaa dha; inni in nyaata, in caccabsa, isa hafes miilla isaatiin irra in ejjeta ture.

20 Akkasuma immoo waa'ee gaanfota kurnan mataa isaa irra jiranii, waa'ee isa booddeedhaan quuqee ba'ee, sadii of duraa kuffisee, dhugaa isaa baruu nan barbaade; gaanfi inni tokkichi sun ija, afaan dubbii gurguddisee dubbatus qaba ture, bifni isaas bifa gaanfota warra kaanii irra in caala ture.

21 Utuu ani ilaaluu gaanfi kun warra Waaqayyoof qulqullaa'anitti lola kaasee, humnas isaan irratti godhate*.

22 Inni bara baay'ee dheeraa jiraate sun yeroo dhufetti, warra isa hundumaa gara irraa jiruuf qulqullaa'anii fi firdiin in kenname; yeroon warri Waaqayyoof qulqullaa'an itti mootummicha qabaatan in ga'e.

23 Egaa inni anatti himu sun,<<Bineensi inni afuraffaan immoo, mootummaa isa afuraffaa ta'ee biyya lafaa irratti argamuuf jiruu dha; inni mootummoota hundumaa irraa kan gargar ta'ee dha, guutummaa lafaa in liqimsa, gad in dhidhiita in caccabsas.

24 Gaanfonni kurnan mootota kudhan warra mootummaa kana keessaa ka'uuf jiranii dha; mootota kana booddees isaan irraa garaa gara kan ta'e mootiin biraa tokko in ka'a, mootota sadii gad in deebisa*.

25 Isa hundumaa gara irraa jiru irratti in dubbata, ayyaana beekamaa, seera Waaqayyoos geddaruu in yaada; warra isa hundumaa gara irraa jiruuf qulqullaa'an in dadhabsiisa; isaanis bara tokkoof, bara lamaaf, bara walakkaadhaafis harka isaatti in kennamu*.

26 <<Haa ta'u iyyuu malee, abboonni firdii in taa'u, mootummaa isaa irraa in fudhatu; innis balleeffamee badduu in ba'a*.

27 Mootummaan, mo'uun, guddinni mootummoota guutummaa bantii waaqaa jala jiranii, saba warra isa hundumaa gara irraa jiruuf qulqullaa'aniif in kennama; mootummaan isa hundumaa gara irraa jiruu, mootummaa bara baraa ti; warri mo'an hundinuus isa in waaqessu, isaafis in abboomamu>> jedhe*.

28 Dubbiin kun kana irratti in dhume; yaadni koo ana Daani'elin baay'ee na raase, bifni koos in geddarame; dubbicha garuu yaadattan qabadhe*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements