Daaniʼel 5 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooBelshaazaar Nyaachisa Irra Utuu Jiruu Caaffata Keenyan Irratti Arguu Isaa 1 Belshaazaar mootichi gurguddoota biyyaa kuma tokkoof nyaachisa guddaa godhe; inni warra kuma sana dura taa'ee daadhii waynii in dhuga ture. 2 Belshaazaar daadhicha waynii dhugee erga itti ho'ee, qodaa warqee fi meetii isa abbaan isaa Nebukadnezaar mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa baasee ture akka fidaniif in abboome; kunis mootichi ofii isaa, gurguddoonni isaa, dubartoonni isaa, saajjatoonni isaas qodaa sanatti akka dhuganiif ture*. 3 Yommus warri abboomaman qodaa warqee fi meetii warra Yerusaalem mana qulqullummaa isa kan Waaqayyoo keessaa baafaman sana in fidan; mootichi, gurguddoonni isaa, dubartoonni isaa, saajjatoonni isaas itti in dhugan. 4 Isaan daadhii waynii in dhugu, waaqayyolii warra warqee irraa, meetii irraa, sibiila diimaa irraa, sibiila irraa, muka irraa, dhagaa irraas tolfaman in jajatu turan*. 5 Si'uma sana qubni harka namaa as ba'ee, fuullee baattuu ibsaatiin keenyan mana mootii isa mucuceeffamee addeeffame sana irratti wanta tokko caafe; yommus mootichi dugda harka caafe sanaa in arge. 6 Mootichis bifni isaa geddaramee, yaadni isaas in raafame; harki isaa fi miilli isaa in bushaa'e, jilbi isaas wal-rukute. 7 Kana irratti mootichi<<Beekaa>> warra jedhaman, Kaldoota keessaa warra dubbii dhokataa hiikuutti beekaman, warra urjii ilaalanii namaaf himanis akka ol galchaniif humnaan iyye; beektota Baabiloniinis,<<Nama caaffata kana dubbisee hiikaa isaa anatti himutti uffanni bildiimaan itti in uffifama; diraan warqees morma isaatti in kaa'ama; mootummaa koo keessattis iddoo isa sadaffaa qabatee in mo'a>> jedhe. 8 Yommus beektonni mootichaa hundinuu ol lixan; garuu caaffaticha dubbisuu, hiikaa isaas mootichatti beeksisuu hin dandeenye*. 9 Belshaazaar mootichis guddisee nagaa dhabee, bifni isaa geddaramee, gurguddoonni isaas waan jedhan in wallaalan. 10 Haati mootichaa sagalee mootichaa fi sagalee gurguddoota isaa dhageesse; iddoo jarri taa'anii dhuganitti ol lixxee, isheen,<<Bara baraan jiraadhu, yaa mootii! Yaadni kee hin raafamin, bifni kees hin geddaramin! 11 Namni hafuurri waaqayyolii qulqullootaa keessa jiru tokko mootummaa kee keessa jira; bara abbaa kee keessa wanti isatti ibsu, hubannaan, ogummaan inni akka ogummaa waaqayyoliis isa keessa ture; abbaan kee Nebukadnezaar mootichis warra ayyaana hedan,<<Beekaa>> warra jedhaman, Kaldoota keessaa warra dubbii dhokataa hiikuutti beekaman, warra urjii ilaalanii namaaf himan gara irraa isa kaa'e; kanas kan godhe abbaadhuma kee ti, yaa mootii*! 12 Maqaan namicha kanaa Daani'el ture, mootichi garuu<<Belxishaazaar>> jedhamee akka waamamu godhe; namichi abjuu hiikuuf, dubbii isa dhokataa mul'isuuf, wanta nama rakkisus hiikuudhaaf hafuura isa hundumaa irra caalu, beekumsa, hubannaas qaba; Daani'el kun kana dubbisee hiikaa isaa himuu waan danda'uuf, inni haa waamamu!>> jette*. Daani'el Hiikaa Caaffatichaa Himuu Isaa 13 Kana irratti Daani'elin mooticha duratti in dhi'eessan; mootichi immoo Daani'eliin,<<Yaa Daani'el, ati edaa warra Yihudaa warra abbaan koo mootichi biyya Yihudaatii booji'ee as fide keessaa tokko! 14 Hafuurri waaqayyolii qulqullootaa si keessa akka jiru, wanta sitti ibsu, hubannaa, ogummaa isa hundumaa irra caalus akka ati qabdu dhaga'eera. 15 Ammas beektonni,<<Beekaa>> warri jedhamanis caaffata kana dubbisanii hiikaa isaa akka anatti beeksisaniif fuula koo duratti ol galfamanii turan; garuu hiikaa dubbichaa anatti himuu hin dandeenye. 16 Ati garuu hiikaa kennuu, wanta nama rakkisus hiikuu akka dandeessu ani dhaga'eera; amma caaffaticha dubbisuu hiikaa isaas anatti beeksisuu yoo dandeesse, uffanni bildiimaan sitti in uffifama, diranni warqees morma keetti in kaa'ama, mootummaa koo keessatti immoo iddoo isa sadaffaa qabattee in moota>> jedhe. 17 Yommus Daani'el deebisee mootichuma duratti,<<Kennaan kee siif haa hafu, gonfaa kees kan biraatiif kenni! Caaffaticha garuu si mootichaaf nan dubbisa, hiikaa isaas sitti nan beeksisa. 18 Waaqayyo inni hundumaa gara irraa jiru abbaa kee Nebukadnezaariif mootummaa, ulfina, guddina, surraas kennee ture, yaa mootii*! 19 Guddina Waaqayyo isaaf kenne irraa kan ka'es, sabni, gosi, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuus isa in sodaatu, fuula isaa durattis in rom'u turan; inni akkuma jaallatetti nama in ajjeesa, akkuma jaallatetti nama in baraara, akkuma jaallatetti nama ol in kaasa, akkuma jaallatetti gad isa in deebisa ture. 20 Yommuu inni garaa isaatti ol of qabee, yaada isaattis waan guddaa of se'ee, lafa jiru wallaalettis, teessoo mootummaa isaa irraa buufamee ulfinni isaas irraa fuudhame; 21 inni namoota gidduudhaa in baafame, sammuun isaa akka sammuu bineensaa in ta'e, iddoon jireenya isaas harroota diidaa wajjin in ta'e, akkuma sangaa marga in nyaate, dhagni isaa fixeensa waaqaraatiin in tortore; Waaqayyo inni hundumaa gara irraa jiru mootummaa namootaa irratti akka mo'u, abbaa ofii isaatii jaallateef akka isa kennus hamma inni beekutti wanti kun isa irra ture*. 22 <<Atis Belshaazaar ilmi isaa kana hundumaa utuma beektuu, garaa keetti gad of hin deebifne; 23 ati gooftaa bantii waaqaa irratti kaatee ol of qabdee, qodaa mana Waaqayyoo keessaa baafaman siif in dhi'eessan; ati qodaa sanatti in dhugde, gurguddoonni kee, dubartoonni kee, saajjatoonni kees akka itti dhugan goote; ati waaqayyolii meetii irraa, warqee irraa, sibiila diimaa irraa, sibiila irraa, muka irraa, dhagaa irraas tolfaman, warra arguu, dhaga'uu, beekuus hin dandeenye jajatte malee, Waaqayyo isa lubbuun kee, adeemsi kee hundinuus harka galuuf ulfina hin kennine. 24 Kanaaf harkichi isa biraa ergamee, caaffanni kunis caafame. 25 Caaffanni caafames,<<Mene, mene, teqel, u-faarsiin>> kan jedhu ture. 26 Hiikaan dubbii kanaas,<<Mene, mene?, jechuun <<Lakkaa'e, lakkaa'e>> jechuu dha; kanaaf Waaqayyo bara mootummaa keetii lakkaa'ee, mootummaan kee akka dhumu godheera. 27 <<Teqel>> jechuun <<Miijane>> jechuu dha; kanaaf miijana irra kaa'amtee, hir'uu taatee argamte. 28 <<Feres>> jechuun <<Gargar cabe>> jechuu dha; kanaaf mootummaan kee gargar cabee, warra Medoonii fi Faaresiif kenname>> jedhe. 29 Yommus Belshaazaar uffata bildiimaa Daani'elitti akka uffisan, dirata warqees morma isaatti akka kaa'an abboome; mootummicha keessattis iddoo isa sadaffaa qabatee mo'uu isaa akka labsan in godhe*. 30 Belshaazaar mootiin warra Kaldootaa garuu halkanuma sana in ajjeefame. 31 Daariyos namni biyya Medoon immoo mootummicha fudhate; innis nama waggaa jaatamii lamaa ture*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia