Daaniʼel 3 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooMootichi Bifa Fakkeenyaa Dhaabee Akka Itti Sagadaniif Abboomuu Isaa 1 Nebukadnezaar mootichi bifa fakkeenyaa hojjaa isaa dhundhuma jaatamaan, bal'ina isaa immoo dhundhuma ja'aan warqee irraa hojjechiisee, Baabilon kutaa biyyaa keessaa bakkee isa afaan isaaniitti<<Duraa>> jedhamu keessa dhaabe. 2 Nebukadnezaar mootichi nama ergee warra kutaa biyyaa bulchan, warra mataa kutaa hojii irra jiran, abboota biyyaa, warra gorsituu, warra horii baatan, abboota firdii, warra seera eegsisan, warra kutaa biyyaa keessatti aboo qaban hundumaa walitti waamsise; waamamuun isaaniis eebba bifa fakkeenya Nebukadnezaar mootichi dhaabe irratti akka argamaniif ture. 3 Kana irratti warri kutaa biyyaa bulchan, warri mataa kutaa hojii irra jiran, abboonni biyyaa, warri gorsituun, warri horii baatan, abboonni firdii, warri seera eegsisan, warri kutaa biyyaa keessatti aboo qaban hundinuu eebba bifa fakkeenya Nebukadnezaar mootichi dhaabe irratti argamuudhaaf walitti qabaman; isaan kun bifa fakkeenyaa isa Nebukadnezaar dhaabe dura in dhaabatan. 4 Inni labsii dhageessisus sagalee guddaadhaan itti lallabee,<<Yaa namoota, saba garaa garaa fi, gosa garaa garaa taatanii afaan garaa garaas dubbattan dhaga'aa! 5 Sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, ulullee, sagalee mi'a garaa garaas yeroo dhageessan bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame Nebukadnezaar mootichi dhaabeef gombifamaatii sagadaa! 6 Namni gombifamee hin saganne si'uma sana iddoo ibiddi itti bobba'u keessatti in darbatama>> jedhe*. 7 Kana irratti jarri hundinuu sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, sagalee mi'a garaa garaas akkuma dhaga'aniin, namoonni saba garaa garaa fi gosa garaa garaa keessaa dhufanii, afaan garaa garaa dubbatan bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame Nebukadnezaar mootichi dhaabeef gombifamanii sagadan. Namoonni Sadii Hammeeffamanii Mooticha Duratti Dhi'aachuu Isaanii 8 Yeroodhuma sana warri Kaldootaa tokko mootichatti dhi'aatanii Yihudoota tokko hamatan. 9 Nebukadnezaariinis,<<Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! 10 Yaa mootii! Ati<<Namni hundinuu sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, sagalee mi'a garaa garaas yommuu dhaga'u bifa fakkeenya warqee irraa hojjetameef gombifamee haa sagadu*! 11 Namni gombifamee hin saganne immoo iddoo ibiddi itti boba'u keessatti in darbatama>> jettee abboommii baafteetta. 12 Yihudoonni warri ati hojii kutaa biyya Baabilon sana geggeessuu irra isaan dhaabde tokko jiru; maqaan isaaniis Shaadraak, Meshaak, Abed-Neegoo dha; namoonni kun abboommii kee hin ulfeessan, yaa mootii! Isaan waaqayyolii kee hin waaqessan, bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame ati dhaabde sanaafis hin sagadan>> jedhan*. 13 Nebukadnezaaris kana irratti aaree dheekkamee, Shaadraakin, Meshaakin, Abed-Neegoos gara isaa akka fidan in abboome; isaanis jara kana mooticha duratti dhi'eessan. 14 Nebukadnezaaris,<<Yaa Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo! Isin dhuguma waaqayyolii koo hin waaqessitanii>> Bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame ani dhaabeefis hin sagaddanii>> 15 Egaa amma sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, ulullee, sagalee mi'a garaa garaas akkuma dhageessaniin, bifa fakkeenyaa ani hojjechiiseef gombifamtanii sagaduudhaaf qophaa'aa! Yoo sagaduu dhabaattan garuu, si'uma sana iddoo ibiddi itti bobba'u keessatti in darbatamtu; Waaqayyo inni harka koo isin oolchu kun eenyu?>> jedhe*. 16 Kana irratti Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoon mootichaaf deebisanii,<<Yaa Nebukadnezaar, waa'ee kanaaf nuyi deebii siif kennuu iyyuu nu hin barbaachisu. 17 Oolchuu yoo ta'e immoo, Waaqayyo keenya inni nuyi waaqessinu ibidda boba'aa keessaa nu oolchuu in danda'a, harka kee keessaas nu in oolcha, yaa mootii*! 18 Yoo kana fedhuu dhabaatte iyyuu, nuyi waaqayyolii kee akka hin waaqessine, bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame ati dhaabdeefis akka hin saganne beeki, yaa mootii!>> jedhan*. Namoonni Sadan Ibidda Boba'uutti Darbatamuu Isaanii 19 Yommus Nebukadnezaar gar-malee dheekkamee, fuulli isaas Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegootti in geddarame; humna ibiddichaa isa dur gubu caalaa dachaa torba akka gubsiisan in abboome; 20 loltuu isaa keessaa warri humna caalan immoo Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo hidhanii iddoo ibiddi itti boba'u keessatti akka darbatan inni in ajaje. 21 Achumaanis namoonni sadan akkuma uffatanii jiranitti wayyaa isaanii, fiddoo isaanii, marata isaanii wajjin hidhamanii iddoo ibiddi itti boba'u keessatti in darbataman. 22 Abboommiin mootichaa jabaa waan tureef, ibiddichis gar-malee waan gubeef, arrabni ibiddichaa warra Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo geessanii itti darbatan gubee in ajjeese. 23 Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoon sadanuun isaanii akkuma hidhamanii jiranitti ibidda boba'u sana keessatti in kufan. 24 Ergasii Nebukadnezaar mootichi na'ee waan dinqifateef, sardamaa lafaa ka'ee,<<Namoonni sadii hidhamanii ibidda keessatti akka darbataman goone mitii ree?>> jedhee gurguddoota mana mootummaa isaa in gaafate; isaan immoo deebisanii mootichaan,<<Kana dhuguma gooneerra, yaa mootii!>> jedhaniin. 25 Innis itti dabalee,<<Ani garuu kunoo namoonni afur hiikamanii, miidhamni tokko utuu isaan irra hin ga'in ibidda keessa asii fi achi adeemuu isaanii nan arga; bifni isa afuraffaa immoo bifa ilma waaqayyolii in fakkaata>> jedhe*. Namoota Sadan Ibidda Keessaa Waaqayyo Akka Oolche Arguu Isaa 26 Nebukadnezaar gara balbala iddoo ibiddi keessaa boba'uutti dhi'aatee,<<Shaadraak! Meshaak! Abed-Neegoo! Hojjetoota Waaqayyo isa hundumaa gara irraa jiruu, kottaa as ba'aa!>> jedhe; yommus Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoon ibiddicha keessaa gad in ba'an. 27 Warri kutaa biyyaa bulchan, warri mataa kutaa hojii irra jiran, abboonni biyyaa, gurguddoonni mana mootummaa isaa, walitti dacha'anii, ibiddichi dhagna namoota kanaa irratti humna akka hin godhatin in argan; rifeensi mataa isaanii iyyuu hin ciincofne, uffanni isaaniis bifa hin geddaranne, fooliin ibiddaas isaan irra hin turre*. 28 Kana irratti Nebukadnezaar,<<Waaqayyo inni kan Shaadraak, kan Meshaak, kan Abed-Neegoo ulfinaan haa jajamu! Inni ergamaa isaa ergee hojjetoota isaa kana oolcheera; hojjetoonni isaa kun isa waan amanataniif abboommii mootichaa homaatti hin lakkoofne; Waaqayyo isaanii malee waaqayyolii kan biraa akka hin waaqessine, isaaniif akka hin saganneefis dhagna isaanii gubamuutti dabarsanii kennan. 29 Ammas akka kanatti oolchuu kan danda'u Waaqayyo kan biraa waan hin jirreef, saba, gosa, afaan dubbatamu keessaa namni dubbii hin taane Waaqayyo isa kan Shaadraak, Meshaakii fi, Abed-Neegoo irratti dubbatu, harki isaa fi miilli isaa irraa ciramee, manni isaa diigamee tuullaa kosii ta'ee akka hafuuf, kunoo ani abboommii baaseera!>> jedhe*. 30 Mootichi kana booddee Shaadraak, Meshaak, Abed-Neegoodhaaf kutaa biyya Baabilonitti hojiin isaanii akka wal qixxaatuuf in godhe. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia