Daaniʼel 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooAbjuu Nebukadnezaar 1 Bara mootummaa Nebukadnezaar waggaa lammaffaatti, mootichi ofii isaatii abjuu abju'ate; kana irratti yaadni isaa baay'ee waan raafameef, hirribni isa irraa in bade. 2 Mootichi kana booddee warri ayyaana hedan,<<Beekaa>> warri jedhaman, warri qoricha namatti godhan akkasumas Kaldoota keessaa warri dubbii dhokataa hiikuutti beekaman waamamanii abjuu isaa akka itti himan in abboome; warri waamaman ol galanii mooticha dura yommuu ijaajjan, 3 mootichi,<<Ani abjuu tokko nan abju'adhe, abjuu sana beekuudhaaf yaadni koo baay'ee in raafame>> jedheen*. 4 Yommus Kaldoota keessaa warri dubbii dhokataa hiikuutti beekaman afaan Aaramiitiin, mootichaan,<<Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! Abjuu kee nu garboota keetti himi, nuyi immoo hiikaa isaa sitti in beeksifnaa!>> jedhan. 5 Mootichi immoo deebisee warra dubbii dhokataa hiikuutti beekaman kanaan,<<Ana biraa dubbiin isaa citeera, isin abjichaa fi hiikaa isaa yoo anatti beeksisuu dhabaattan, harki keessanii fi miilli keessan akka isin irraa ciramu, manni keessan immoo diigamee tuullaa kosii ta'ee akka hafu nan godha. 6 Abjichaa fi hiikaa isaa yoo anatti beeksiftan garuu, kennaa, gonfaa, ulfinas na biraa in argattu; kanaaf abjichaa fi hiikaa isaa anatti beeksisaa!>> jedhe. 7 Isaan immoo lammaffaa deebisanii,<<Mootichi abjuu isaa garboota isaatti haa himu, nuyi immoo hiikaa isaa isatti in beeksifnaa!>> jedhan. 8 Mootichi deebisee,<<Dubbichi ana biraa akka cite argitanii, yeroo argachuudhaaf akka isin yaaltan ani hubadhee bira ga'eera. 9 Isin abjicha yoo anatti beeksisuu dhabaattan, firdii tokkicha duwwaatu isin eeggata; isin hamma yeroon geddaramutti dubbii sobaa fi manca'aa anatti dubbachuudhaaf walii galtaniittu; kanaaf hiikaa isaa anatti beeksisuu danda'uu keessan akkan barutti, amma abjicha anatti himaa!>> jedhe. 10 Yommus Kaldoota keessaa warri dubbii dhokataa hiikuutti beekaman mootichaaf deebisanii,<<Biyya lafaa kana keessaa namni wanta mootichi barbaade beeksisuu danda'u tokko illee hin jiru; kanaan duras mootiin guddaan, namni biyya seerrates dubbii akkasii warra ayyaana hedan,<<Beekaa>> warra jedhaman, Kaldoota keessaa warra dubbii dhokataa hiikuutti beekamanis kan gaafate hin turre. 11 Dubbiin mootichi gaafate rakkisaa dha, waaqayyolii warra iddoon jireenya isaanii warra foon uffate keessa hin ta'in malee, namni tokko illee kana mootichatti beeksisuu hin danda'u>> jedhan. 12 Kana irratti mootichi baay'ee aaree boba'ee, beektonni biyya Baabilon hundinuu akka balleeffaman ajaje. 13 Yommus warri beektonni akka ajjeefamaniif abboommiin baanaan, Daani'elii fi hiriyoota isaas ajjeesuudhaaf in barbaadan. Waaqayyo Hiikaa Abjichaa Daani'elitti Mul'isuu Isaa 14 Yeroo Ariiyok angafni eegdota mootichaa, beektota biyya Baabilon ajjeesuuf ba'etti, Daani'el dubbii isaa akeekkatee gargar baasuudhaan itti dhi'aatee, 15 Ariiyok ajajaa isa kan mootichaatiin,<<Abboommiin mootichaa maaliif akkas jabaate?>> jedhe; yommus Ariiyok dubbicha Daani'elitti beeksise. 16 Kana irratti Daani'el gara mootichaatti ol galee, deebi'ee hiikaa abjuu isaa mootichatti akka himuuf yeroo akka inni isaaf kennuuf in kadhate. 17 Kana booddee Daani'el mana isaatti galee dubbicha hiriyoota isaa Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariyaatti beeksise. 18 Yommus inni waa'ee dhoksaa dubbii kanaaf, Daani'elii fi hiriyoonni isaa beektota Baabilon warra kaanii wajjin akka hin balleeffamnetti araara Waaqayyo isa waaqa irraa akka kadhataniif itti hime. 19 Ergasii dubbiin dhokataan sun mul'ata halkaniitti Daani'elitti in mul'ifame; yommus Daani'el maqaa Waaqayyo isa waaqa irraa in eebbise; 20 Daani'el, <<Ogummaanii fi aangoon kan isaa waan ta'eef, maqaan Waaqayyoo baraa hamma bara baraatti eebbifamaa haa ta'u! 21 Inni yeroo, kutaa baraas in geddara, mootota mootummaa irraa in buusa, isaan in moosisas; warra ogeessotaaf iyyuu ogummaa, warra beektotaafis hubatanii beekuu isatu kenne*. 22 Dubbii gad fagoodhaa fi dhokataa in mul'isa, wanta dukkana keessa jiru in beeka, ifnis isa bira in jiraata. 23 Yaa Waaqayyo isa kan abboota kootii, ogummaa fi jabina waan anaaf laatteef, wanta nuyi si kadhannes waan nutti beeksifteef, ati waan mootichi beekuuf rakkate anatti waan beeksifteef, ani sin galateeffadha, sin jajadhas!>> jedhe. Daani'el Abjicha Mootiitti Himee Hiikuu Isaa 24 Ergasii Daani'el Ariiyok isa mootichi beektota Baabilon akka balleessuuf ajaje biratti ol galee, itti dhi'aatees,<<Beektota Baabilon hin balleessin, gara mootichaatti ol na galchi, ani immoo hiikaa abjuu isaa mootichatti nan hima!>> jedheen. 25 Yommus Ariiyok dafee Daani'elin mooticha biratti ol galchee,<<Ani warra biyya Yihudaatii booji'aman keessaa, nama mootichatti hiikaa abjuu isaa beeksisu tokko argadheera>> jedheen. 26 Kana irratti mootichi, Daani'el isa maqaan isaa <<Belxishaazaar>> ta'e sanaan,<<Ati abjuu ani arge hiikaa isaas anatti beeksisuu in dandeessaa?>> jedhe. 27 Daani'el immoo deebisee,<<Dhoksaa mootichi gaafate kana, ogeessonni,<<Beekaa>> warri jedhaman, warri ayyaana hedan, warri urjii ilaalanii namaaf himanis danda'anii mootiitti hin beeksisan; 28 garuu inni wanta dhokatanii jiran mul'isu tokko bantii waaqaa keessa jira, inni immoo Waaqayyoo dha; inni wanta bara booddeetti ta'uuf jiru Nebukadnezaar mootichatti beeksiseera; abjuun kee, mul'anni ati siree kee irra ciiftee mataa kee keessa naanna'aa tures isaan kam akka ta'an sitti nan hima*. 29 <<Yaa mootii, ati siree kee irra utuu ciiftuu waa'ee wanta kana booddee ta'uuf jiru yaadni sitti in dhufe, ati immoo itti in yaadde; inni wanta dhokatanii jiran mul'isus, wanta ta'uuf jiru sitti in beeksise. 30 Anatti immoo sababii ani nama jiru hundumaa caalaatti ogummaa qabaadheef miti, garuu hiikaan abjichaa si mootichatti akka beeksifamuuf, yaada isa ati garaa keetti itti rakkatte sana akka hubattuuf dhoksaan kun anatti mul'ifame*. 31 <<Yaa mootii, ati abjuudhaan fakkeenya bifa nama guddaa tokkoo argite; fakkeenyi bifichaa ol dheeraa, baay'ee calaqqisaa, ilaaluun isaas sodaachisaa ture; 32 mataan fakkeenyichaa warqee ba'eessa isaa irraa, qomni isaa fi harki isaa lamaan meetii irraa, garaan isaa fi mudhiin isaa sibiila diimaa irraa, 33 gudeedni isaa sibiila irraa, jilbii isaatii gad gar-tokko sibiila irraa gar kaan immoo suphee irraa kan hojjetame ture. 34 Utuma ati ilaaltuu, dhagaan utuu harki namaa itti hin bu'in fottoqee dhufee, jilba fakkeenyichaa gad isa sibiilaa fi suphee sana rukute caccabse. 35 Achumaan sibiilichi, suphichi, sibiilichi diimtichi, meetichi, warqichis caccabee hurraa'ee, akka habaqii bonaa isa lafa oobdii midhaanii ta'e; hurraan isaa tokko illee akka hin hafnettis qilleensi isa fudhatee sokke; dhagichi inni fakkeenyicha rukute garuu tulluu guddaa ta'ee biyya lafaa guute. 36 <<Egaa abjichi isa kana ture, amma immoo hiikaa isaa mootiitti in himna; 37 yaa mootii, ati mootota warra kaan irratti mootii dha, Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa, humna, jabina, ulfinas siif in kenne*; 38 inni ilmaan namootaa, horii qe'ee, bineensota caakkaa, simbirroota qilleensa keessa balali'anis lafuma jiranitti harka kee keessa galchee, ati hunduma isaanii akka seerrattu godheera; egaa mataan fakkeenyichaa inni warqeen sun si*. 39 <<Si booddeedhaan mootummaan kan keetii gadii in ka'a, sadaffaan inni sibiila diimaatti fakkeeffame tokkos lafa hundumaa in seerrata. 40 Mootummaan afuraffaan tokkos inni akka sibiilaa jabaatu as in ba'a; akkuma sibiilli waan hundumaa caccabsee hurreessu, egaa akkuma sibiilli waan halle hunkuteessu, innis isaan kana hundumaa caccabsee in hunkuteessa. 41 <<Akkuma abjuu keetiin jilba fakkeenyichaa gadii fi qubbeetii miilla isaa gar-tokko sibiila, gar-tokko immoo dhoqqee suphee argites, mootummichi gargar hiramaa in ta'a; haa ta'u iyyuu malee, sibiilli suphee wajjin walitti makamuu isaa akkuma argite, jabeenyi sibiilaa muraasi keessa jira. 42 Akkuma qubbeetiin miillan isaa gar-tokko sibiila, gar-tokko immoo suphee ta'e, mootummichis gar-tokkoon isaa jabaa, gar-tokkoon isaas suphaa in ta'a. 43 Sibiila dhoqqee supheetiin makame akkuma argites, akkasuma isaanis fuudhaa fi heerumaan walitti in makamu; garuu akkuma sibiilli suphee wajjin walitti makame wal hin fudhanne, isaanis walii wajjin hin hafan*. 44 <<Bara mootota sanaatti Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebi'ee matumaa hin badne, isa mo'ichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; inni mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata*. 45 Kun akkuma isa ati dhagaan utuu harki namaa itti hin bu'in tulluu irraa fottoqee dhufe, sibiilicha, sibiilicha diimaa, suphee, meetii, warqichas caccabsee hurreessuu isaa abjuudhaan argitee ti; Waaqayyo inni guddaan waan kana booddee ta'uuf jiru si mootichatti beeksiseera; abjichi dhugaa dha, hiikaan isaas amanamaa dha>> jedhe. Mootichi Waaqayyo Gooftaa Beekuu Isaa Daani'elinis Gonfuu Isaa 46 Yommus Nebukadnezaar mootichi adda isaatiin gad gombifamee Daani'eliif sagade; ka'ees aarsaanii fi ixaanni akka isaaf dhi'eeffamuuf in abboome*; 47 mootichis Daani'eliin,<<Erga ati dhoksaa kana mul'isuu dandeesse,<<Waaqayyo keessan dhuguma waaqayyolii irratti Waaqayyoo dha, mootota irrattis gooftaa dha, wanta dhokataa hundumaas isa mul'isuu dha?>> jedhe*. 48 Kana booddee mootichi Daani'elin nama guddaa godhee, kennaa gurguddaa baay'ees in kenneef; kutaa biyyaa isa Baabilon jedhamuu irratti bulchaa biyyaa isa godhe, beektota Baabilon hundumaa gara irraas isa in kaa'e*. 49 Daani'el immoo mooticha gaafatee, Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo hojii kutaa biyyaa isa Baabilon sana geggeessuu irra isaan dhaabachiise; ofii isaatii garuu hojii biyya bulchuu adeemsisuudhaaf mana mootichaa keessatti hafe*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia