Online Bible

- Advertisements -


Daaniʼel 12 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Bara Gara Dhumaatti Wanta Ta'uuf Jiru

1 Yommus inni anatti dubbachaa ture,<<Yeroo sanatti Mikaa'el ergamaa inni guddichi ijoollee saba keef dhaabatu in ka'a; yeroon rakkinaas in ta'a; sanyiin rakkinichaas erga sabni jiraachuutti ka'ee jalqabee, hamma bara sanaatti argamee kan hin beekne in ta'a; sabni kee warri maqaan isaanii macaaficha keessatti caafame garuu adduma addaan isa jalaa in ba'u*.

2 Warra obbaafatanii garaa lafaa keessa rafan keessaas baay'een dammaqanii, kaan jireenya bara baraaf, kaanis yeelloo jibbisiisaa bara baraaf in ka'u*.

3 Warri ogummaadhaan nama geggeessan akka ifa bantii waaqaa, warri namoota baay'ee gara qajeelinaatti deebisanis akka urjootaa, yeroo hundumaaf bara baraan calaqqisuuf jiru*.

4 Ati garuu Daani'el, hamma bara isa dhumaa sanatti dubbicha cufii, macaafichattis mallattoo godhii kaa'i! Baay'een isa bira ga'uudhaaf in dhama'u, beekumsis baay'achuuf jira>> jedhe*.

5 Ani Daani'el ilaalee, ergamoota biraa lama immoo, inni tokko hidhii lagaa gamana, inni kaanis hidhii lagichaa gama keessa utuu dhaabatanii nan arge.

6 Tokkos isa uffata quncee talbaa uffatee, bishaan lagichaa gara irraa ture sanaan,<<Wanti dinqisiisaan kun dhumuun isaa hamma yoomiitti tura?>> jedhe*.

7 Namichi wayyaa quncee talbaa uffatee, bishaan lagichaa gara irraa ture sun, harka isaa mirgaa, harka isaa bitaas gara bantii waaqaatti ol kaasee, kun bara tokkoof, bara lamaaf, bara walakkaadhaafis turuuf akka jiru, inni humna saba qulqullaa'aa cabsu sun yeroo badduu ba'u, dubbiin kun hundinuu raawwatamuuf akka jiru, isa bara baraan jiraatu sanaan kakatee hime*.

8 Ani kana nan dhaga'e, garuu hin hubanne; kanaaf,<<Yaa gooftaa ko, dhumni wanta kanaa maali?>> nan jedheen.

9 Yommus inni deebisee,<<Dubbichi hamma bara isa dhumaa sanatti cufamee waan malatteeffameef, ati karaa kee dhaqi, yaa Daani'el!

10 Namoonni baay'een in qulleeffamu, in qoramu, in calalamus; warri jal'oonni garuu jal'ina isaanii ittuma in dabalu, warra jal'oota keessaa tokko illee kana hin hubatu; warri ogeeyyiin garuu hubachuuf jiru*.

11 Aarsaan walitti fufee aarfamu sun erga balleeffamee, wanti jibbisiisaan nama rifachiisu sunis erga achi kaa'amee jalqabee, guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi sagaltama in ta'a*;

12 namni hamma guyyaa kuma tokkoo fi dhibba sadii fi soddomii shaniitti turee, dhuma isaa bira ga'u haa gammadu!

13 Ati garuu hamma dhuma jireenya keetti dhaqi! In boqottas, guyyaa isa dhumaa sanattis kaatee in dhaabatta, ga'aa kees in argatta!>> jedhe*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements