Online Bible

- Advertisements -


Daaniʼel 11 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Waa'een Mootummoota Gara Mirgaa Fi Gara Bitaa Daani'elitti Himamuu Isaa

1 Inni anatti dubbachaa ture sun itti dabalee,<<Daariyos namni Medoon mo'ee waggaa tokkoffaa isaa keessa, ani ergamaa isa guddaa sanaaf gaachana ta'ee, jabaadhee isa bira dhaabadheen ture.

2 Ammas wanta dhugaa sitti himuuf nan jedha. Kunoo, si'achi iyyuu mootonni sadii biyya Faares keessaa in ka'u; inni afuraffaan immoo hundumaa caalaa sooressa guddaa in ta'a; sooruma isaatiin erga jabaate, waan hundumaa mootummaa Griikii irratti in kaasa*.

3 Kana booddees mootiin jabaan lola jaallatu tokko in ka'a, mootummaa guddaa irratti in mo'a, waanuma jaallates in hojjeta*.

4 Akkuma inni ka'ee beekametti mootummaan isaa gargar in caba, golee arfanittis gargar in hirama; sanyii isaattis hin darbu, sanyiin mootummaa guddaa inni irratti mo'ees deebi'ee hin argamu; mootummaan isaa isa harkaa baafamee sanyii isaatiif utuu hin ta'in, warra kan biraatti in kennama*.

5 <<Mootiin biyya gara mirgaa in jabaata; garuu gurguddoota loltuu isaa keessaa inni tokko isa caalaa in jabaata, in mo'as, mootummaan isaas mootummaa guddaa in ta'a.

6 Waggaa muraasa booddee mootiin biyya gara mirgaa, mootii biyya gara bitaa wajjin walitti in hidhatu; walii-galtee isaanii jabeessuudhaaf intalli mootii biyya gara mirgaa, gara mootii biyya gara bitaa in dhaqxi; garuu waa gochuuf humni ishee hin jabaatu, mootichis jabaatee waa gochuu hin danda'u; isheen, warri ishee geessanis, mucaan ishee, inni jabeessee ishee gargaarus yeroo sanatti dabarfamanii in kennamu*.

7 Hidda sanyii ishee keessaa kan ba'u tokko iddoo abbaa isaatii in ka'a; inni yommus loltuu isaa wajjin lolatti in ba'a, masaraa mootii biyya gara bitaa in lixa, warra achi keessaa irratti in ka'a, humnas isaanitti in argisiisa.

8 Waaqayyolii tolfamoo isaanii bifa fakkeenyaa isaan baqsanii tolchan, qodaa isaanii warra gati-jabeeyyii meetiidhaa fi warqee irraa hojjetamanii wajjin booji'ee biyya Gibxiitti in geessa; waggaa muraasaaf mootii biyya gara bitaa loluu in dhiisa.

9 Mootiin biyya gara bitaas, mootummaa mootii biyya gara mirgaatti in lixa, ba'ees gara biyya isaatti in deebi'a.

10 <<Yeroo sanatti ilmaan mootii biyya gara bitaa lolaaf in qophaa'u, loltuu sonaan baay'ee walitti in qabatu; isaan keessaa inni tokko ba'ee, loltoota isaa akkuma bishaanii isaan irra in dhangalaasa; si'a lammaffaa deebi'u immoo hamma masaraa mootichaatti darbee in lola.

11 Kana irratti mootiin biyya gara mirgaa aaree boba'ee, mootii biyya gara bitaa sana loluudhaaf in ba'a; mootichi biyya gara bitaas loltoota isaa warra sonaan baay'ee isatti in kaasa; garuu loltuun baay'een sun harka warra loluu dhaqaniitti in kennamu.

12 Loltoota baay'ee kana booji'uu isaatiifis garaa isaatti ol of in qaba; loltoota kumaatama baay'ee in kukuffisa, garuu akka jabaatetti hin hafu.

13 Ammas mootiin biyya gara bitaa, loltoota warra duraa caalaa baay'atan in qopheessa; waggaa muraasa booddees humna lolaa guddaa, mi'a lolaa baay'ees fudhatee in dhufa.

14 <<Yeroo sanatti namoonni baay'een mootii biyya gara mirgaa irratti in ka'u; namoota kee keessaa iyyuu warri humnaan nama irratti ka'an wanta mul'ataan himame dhugaa gochuudhaaf in ka'u, garuu in kufu.

15 Mootiin biyya gara bitaas in dhufa, mandara masaraa qabus in marsa, koobii itti tuuluudhaanis in qabata; humni biyya gara mirgaas isa dura hin dhaabatu, loltoonni warri fo'aman iyyuu isa dura dhaabachuudhaaf humna hin qaban.

16 Inni itti dhufu sun akka isatti tolu in hojjeta, namni ittiin qabuudhaaf isa dura dhaabatus hin jiru; inni biyya Waaqayyo ulfinaan guute keessa iyyuu in ejjeta, harki isaas garuma adeemutti in balleessa*.

17 Inni humnaan guutummaa mootummaa biyya gara mirgaa waliin ga'uudhaaf fuula isaa itti in qajeelfata; inni mootichaa wajjin waliif in gala, dubartoota keessaas intala tokko in kennaaf; innis mootummicha ittiin balleessuudhaaf ture; garuu kun wal hin qabanne, hin taaneefis*.

18 <<Kana booddees fuula isaa gara biyya daarii galaanaa jiraniitti in deebifata, baay'ee isaaniis in qabata; ajajjuun waraanaa tokkos tuttuqee obsa nama dhowwuu isaa kana gab in godha; wanta inni ittiin nama tuttuqus mataa isaatti in deebisa.

19 Mootichi biyya gara bitaa sun gara masaraa biyya isaatiitti fuula in deebifata, garuu gufuun isa in argata in kufa, deebi'ees hin argamu.

20 Iddoo isaa immoo mootiin tokko in ka'a; innis nama ulfina mootummaa isaatiin giddisiisee gibira fuudhu biyya keessa in adeemsisa; mootichi guyyaa muraasa keessatti in balleeffama, garuu aariidhaan yookiis lola keessatti miti>> jedhe.


Waa'ee Mootii Biyya Gara Bitaa Isa Haxxee Dhaga'uu Isaa

21 Inni anatti dubbachaa ture sun itti fufee,<<Iddoo mootichaa namni tuffatamaan tokko in ka'a; ulfinni mootummaa isaaf hin kennamu; utuu namoonni of irraa bu'anii jiraatanii dhufee, afaan toluudhaan mootummaa in fudhata*.

22 Loltuu warra akkuma bishaanii lafa irra dhangala'an of duraa in haxaa'a; isaan, luba isa kakuu qulqullaa'aa eegus in balleessa*.

23 Erga yeroo isaan isaa wajjin walii galanii jalqabee, gowwoomsaadhaan in hojjeta; inni ol in ka'a, namoota muraasaa wajjinis humna in argata.

24 Utuu namoonni of irraa bu'anii jiraatanii, inni gara kutaa biyyaa isa lafti isaa coomaa ta'etti in lixa; wanta abboonni isaa yookiis abaabiliin isaa takkaa hin hojjetin in hojjeta; inni wanta saame, wanta booji'e, mi'a garaa garaas namoota isaatti in bittimsa; inni masaraa jiran irratti mala in qopheessa; kana gochuun isaa garuu yeroodhumaaf ta'a.

25 <<Inni humna isaa, onnee isaas in kaasa, loltuu baay'ees mootii biyya gara mirgaa sana irratti in baasa; mootiin biyya gara mirgaa immoo loltuu sonaan baay'eedhaa fi jabaa lolaaf qopheessee in kaasa; garuu waan isaan isa irratti malaniif jabaatee dhaabachuu hin danda'u.

26 Warri isaa wajjin nyaata ba'eessa nyaatan iyyuu isa in balleessu; loltuun isaa in haxaa'amu, baay'een isaaniis waraanamanii in kukkufu.

27 Mootonni lamaan garaa isaaniitti hamaa in yaadu, wal bira taa'anii soba walitti in dubbatu; dhumni waan tokkoo yeroo muramaa waan qabuuf, isaan kana keessaa bu'aa hin argatan.

28 Mootiin biyya gara bitaa mi'a baay'ee fudhatee biyya isaatti in deebi'a; inni garaa isaatti kakuu isa qulqullaa'aadhaan waan mormuuf, akkuma garaa isaatti yaade kanas erga godhee booddee, biyya isaatti in deebi'a.

29 <<Mootichi yeroo ofii isaatii muretti deebi'ee biyya gara mirgaa sanatti in dhufa; alana garuu akka isa yeroo duraa hin ta'uuf.

30 Markaboonni Kiitiim biyya qarqara galaana isa gidduudhaa isatti in dhufu, yeroo sanatti inni daboomee of irra in deebi'a; kakuu isa qulqullaa'aatti aarii in ba'a; deebi'ees warra kakuu qulqullaa'aa sana irraa gara galan yaadaan in qaba.

31 Loltoonni isa biraa dhufanii dhaabatan immoo mana qulqullummaa, masaraa naannoo isaas in xureessu; aarsaan walitti fufee aarfamus akka balleeffamu in godhu; wanta jibbisiisaa nama rifachiisu sana achi in kaa'u*.

32 Inni afaan toluudhaan warra kakuu qulqullaa'aa irratti waan hamaa hojjetan gowwoomsee, jireenya xuraa'aa akka jiraatan in godha; warri Waaqayyo isaanii beekan garuu ittuma jabaatanii, wanta ta'u in hojjetu.

33 Ogeessonni saba keessatti argaman namoota baay'ee in hubachiisu; haa ta'u iyyuu malee, guyyaa muraasaaf billaadhaan, arraba ibiddaatiin, booji'amuudhaan, saamamuudhaanis gad in qabamu*.

34 Isaan kufaatii isaanii keessatti xinnoo yaadaan in gargaaramu; garuu namoonni baay'een afaaniif isaanitti in dabalamu;

35 warra ogeessota keessaa kaan kufaatii isaaniitiin qoramanii calalamanii in qulleeffamu; dhumni wanta kanaas yeroo muramaa qaba, hamma sanatti immoo in tura.

36 <<Mootiin biyya gara bitaa sun akkuma isatti tole in hojjeta; waaqayyolii hundumaa gara irraatti ol of in qaba, of in gurguddisa; Waaqayyo isa waaqayyolii hundumaa gara irraa jiru irrattis arrabsoo sodaachisaa in dubbata; hamma dheekkamsichi guutummaatti raawwatamutti, wanti inni hojjetu wal in qixxaataaf; Waaqayyo biraa kan murame immoo hojii irra in oola*.

37 Inni waaqayyolii abboonni isaa waaqeffatan, Waaqayyo tolfamaa isa dubartoonni jaallatanis yaadatti hin fudhatu; inni hunduma isaanii gara irraatti waan of gurguddisuuf, tokko isaanii waaqayyummaatti hin fudhatu*.

38 Qooda isaan kanaa Waaqayyo tolfamaa <<Isa masaraa eega>> jedhamuuf ulfina in kenna; inni warqee, meetii, dhagaa gati-jabeessa, kennaa gati-qabeessas ulfina Waaqayyoo isa abboonni isaa hin beekiniif in kenna.

39 Namoonni Waaqayyo ormaa sana duukaa bu'an, masaraawwan akka eegan in godha; warra isa beekanii fudhataniif ulfina in baay'isaaf, namoota baay'ee akka seerratan in godha, isaan gonfuudhaafis lafa in hiraaf.

40 <<Bara gara dhumaatti mootiin biyya gara mirgaa isa biyya gara bitaatti in bu'a; mootiin biyya gara bitaa immoo konkolaattota, abboota fardeenii, markaboota baay'ees didichiisee akka qilleensaa isa irra in ba'a; inni biyya garaa garaatti lixee, keessas darbee loltuu isaa akkuma bishaanii isaan irra in dhangalaasa.

41 Biyya Waaqayyo ulfinaan guutetti in lixa, namoota ishee keessaas baay'een in kukkufu; garuu warri Edoom, warri Mo'aab, warra Amoon keessaas garri-caalu harka isaa jalaa in ba'u.

42 Inni biyya baay'ee harka isaa jala in bulcha, biyyi Gibxiis isa jalaa hin baatu.

43 Badhaadhummaa warqee fi meetii isa dhokataa, wanta gati-jabeessa biyya Gibxii hundumaas harka isaa jala in galfata; warri Liibiiyaa, warri Kuushis faana isaa duukaa in bu'u.

44 Oduun inni ba'a-biiftuutii fi gara bitaatii dhaga'u isa in naasisa; inni namoota baay'ee fixuudhaaf, lafa irraas balleessuudhaaf aarii guddaadhaan in ba'a.

45 Inni galaanaa fi tulluu isa qulqullaa'aa ulfina-qabeessa gidduu dunkaanota mootummaa isaa in dhaabbata; namni isa gargaaru tokko illee isa bira hin jiru, kanaanis jireenyi isaa in dhuma>> jedhe*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements