Online Bible

- Advertisements -


Daaniʼel 10 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Mul'ata Daani'el Laga Xeegros Biratti Arge

1 Qiiros biyya Faaresitti mootii ta'ee waggaa sadaffaatti, dubbiin tokko Daani'el isa Belxishaazaar jedhamee moggaafametti mul'ifame; dubbichi dhugaa ture, waa'ee rakkina guddaa tures; inni dubbicha in hubate, mul'aticha keessas hubannaa in argate*.

2 Bara sana ani Daani'el torban sadiif gaddaan ture;

3 torban sadii hamma guututti, ani nyaata fo'amaa hin nyaanne; foon, daadhiin wayniis afaan koo bira hin geenye, dibatas hin dibanne.

4 Ji'a isa duraa guyyaa digdamii afuraffaatti ani laga Xeegros isa guddicha qarqara dhaabadheen ture;

5 yommus ani ol ilaalee, kunoo namicha uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, mudhii isaas hidhata warqee biyya Ufaaziin hidhate tokko nan arge*.

6 Inni dhagni isaa akka dhagaa gati-jabeessa bifa margaa, fuulli isaa akka balaqqeessa bakakkaa, iji isaa akka guca boba'uu, harki isaa fi miilli isaa akka sibiila diimaa kolla'amee in ibsa; sagaleen dubbii isaas akka tuuta huursuu ti.

7 Ana Daani'el kophaatu mul'aticha arge malee, namoonni anaa wajjin turan mul'aticha hin argine; garuu hollannaa guddaan isaan irra geenyaan baqatanii of dhoksan*.

8 Kanaaf ani kophaa koo hafeen mul'ata guddaa kana arge, jabinni tokko illees na keessatti hin hafne; bifni koo hamma iddoodhaa badutti in geddarame, humni tokkos anaaf hin hafne.

9 Yommus sagalee dubbii isaa nan dhaga'e; yeroon sagalee dubbii isaa dhaga'es ani hojjaa kootiin kufee, adda kootiin gad gombifamee, akka nama rafee of wallaalee nan ta'e*.

10 Kunoos harki tokko ol na qabee, ani hollachaa harkaan lafa qabadhee jilba kootiin akkan jilbeenfadhu godhe*.

11 Inni harkaan na qabe sun,<<Yaa Daani'el nama guddaa jaallatamaa, amma ani gara keetti waanan ergameef, dubbii isa ani sitti dubbadhu yaadaan qabi, iddoo jirtutti ol qajeelii dhaabadhu!>> naan jedhe; yeroo inni dubbii kana anatti dubbate immoo, ani hollachaa ol qajeelee nan dhaabadhe.

12 Kana booddee inni,<<Yaa Daani'el hin sodaatin! Guyyaa ati kana hubachuu irra, Waaqayyo durattis gad of deebisuu irra yaada kee keesse sanaa jalqabee, dubbiin kee dhaga'ameera, kanaaf ani waa'ee dubbii keetiif nan dhufe.

13 Ergamaan guddichi inni mootummaa Faaresiif dhaabatu, bultii digdamii tokkoof anaan mormuudhaaf in dhaabate; kana irratti Mikaa'el ergamoota gurguddoota warra duraa keessaa inni tokko, na gargaaruudhaaf in dhufe; anis mootota Faares biratti isa nan dhiise*;

14 mul'atichi guyyoota si'achi dhufuuf jiran waan ilaaluuf, guyyaa gara booddeetti saba keetti waan dhufuuf jiru si hubachiisuudhaaf nan dhufe>> naan jedhe.

15 Yeroo inni akkasitti dubbii kana anatti dubbatetti lafan ilaale, dubbachuus nan dadhabe;

16 warra ilmaan namootaa fakkaatan keessaa tokko immoo, kunoo hidhii koo in tuqe, yommus ani afaan koo saaqqadhee nan dubbadhe; isa na dura dhaabatu sanaanis,<<Yaa gooftaa ko, sababii mul'ata kanaaf waraansi anatti dhufe, humni koos tokko illee anaaf hin hafne*;

17 amma humni tokko illee ana keessatti hin hafne, hafuurris na keessaa yaa'ee dhumeera; egaa attamitti garbichi gooftaa koo, gooftaa koo wajjin dubbachuu danda'a ree?>> nan jedhe.

18 Ammas inni nama fakkaatu sun harka isaatiin na tuqee na jabeessee*,

19 <<Yaa nama guddaa jaallatamaa, hin sodaatin, nagaan siif haa ta'u! Jabaadhuu, humna argadhu!>> jedhe; yeroo inni anatti dubbatettis, ani nan jabaadhe; kanaaf ani,<<Ati na jabeessiteetta, yaa gooftaa ko, dubbadhu!>> nan jedheen*.

20 Inni immoo,<<Maaliif gara kee akkan dhufe ati beektaa>> Amma illee ergamaa guddaa isa biyya Faaresiif dhaabatu sanaa wajjin wal loluudhaaf achi nan deebi'a; isaa wajjin ergan fixee booddee immoo, ergamaan guddaan biyya Griikiif dhaabatu dhufuuf jira.

21 Kana hundumaa keessatti Mikaa'el ergamaa guddaa isa isiniif dhaabatu malee, tokko illee kan anaa wajjin jabaatee dhaabatu hin jiru! Haa ta'u iyyuu malee, ani wanta macaafa isa dhugaan keessatti argamutti caafame sitti nan hima>> jedhe.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements