Online Bible

- Advertisements -


Asteer 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Asteer Mootuu Ta'uu Ishee

1 Ahashweros mootichi aariin isaa erga irraa galee booddee, wanta Waashtiin goote, waa'ee isheetiifis abboommii dabarsuu isaa in yaadate.

2 Yommus gorsitoota mootichaa keessaa warri isatti dhi'aatan,<<Durboonni mimmiidhagoonni si mootichaaf haa barbaadaman!

3 Yaa mootii, hojjetoota kee keessaa namoota durboota mimmiidhagoo ilaalanii mana mootummaa mandara Susaan keessaatti, mana dubartootaatti walitti qaban guutummaa kutaa biyya mootummaa keetiitti fo'i! Durboonni kunis Hegaayi xu'aashicha isa dubartoota eegutti haa kennaman! Dibanni miidhagummaa isaaniitiif barbaachisus haa kennamuuf!

4 Durboota kana keessaa mootichatti kan toltu iddoo Waashtii mootuu haa taatu!>> jedhan; gorsi kun mooticha waan gammachiiseef, inni akkuma gorfametti in raawwate.

5 Bara sana gosa Benyaamiin keessaa Yihudiin tokko Mordekaayi kan jedhamu ilmi Yaa'iir, ilmi Shiim'aayi, ilmi Qiish mana mootummaa mandara Susaan keessa ture*.

6 Namni kun namoota warra Yikonyaa mootii Yihudaa wajjin, Nebukadnezaar mootii Baabiloniin Yerusaalemii booji'amanii fudhataman keessaa tokko ture*.

7 Mordekaayi, intala wasiila isaatii<<Haadasaa>> kan jedhamtu ishee<<Asteer>> jedhamtee beekamte sababii abbaan ishee fi haati ishee irraa du'aniif ofitti fuudhee akka dhala isaatiitti ishee in guddise; isheen durba dhaaba toltu, ija namaattis kan miidhagdu turte*.

8 Abboommiinii fi labsiin mootichaa yommuu dhaga'ame, durboota baay'ee, Asteerinis gara mana mootummaa isa mandara Susaan keessa jiruutti geessanii, eegumsa akka inni isaaniif godhuuf Hegaayi isa dubartoota eegutti in kennan.

9 Asteer fuula Hegaayi duratti in jaallatamtee, isa irraa simboo in argatte; innis dibata miidhagummaa isheetiif barbaachisuuf nyaata gaarii in kennisiiseef; kan isheedhaaf ergaman durboota foffo'amoo torba mana mootummaa keessaa addaan baaseefii, mana dubartootaa keessaa iddoo isa hundumaa irra caalutti durboota isheedhaaf ergaman kanaa wajjin ishee in dabarse.

10 Asteer sanyii ishee fi qomoo ishee akka hin mul'ifne Mordekaayi ishee dhowwe waan tureef, isheen sanyii ishee fi qomoo ishee hin mul'ifne.

11 Mordekaayi nagummaa Asteer yookiis waan ishee irra ga'u baruudhaaf guyyuma guyyaatti oobdii mana dubartootaa dura asii fi achi in deddeebi'a ture.

12 Akka seera dubartoota miidhagsuudhaaf ba'etti durboonni sun adduma addaan Ahashweros mooticha duratti dhi'aachuudhaaf ji'a ja'a dibata qumbiitiin, ji'a ja'a immoo urgooftuudhaa fi dibata garaa garaatiin walumatti ji'a kudha lamaaf qopheeffamuutu isaan irra ture.

13 Yeroon kennameef kun erga raawwatee, isheen darabee isheetiin fuula mootichaatti dhi'aattu, mana dubartootaa keessaa waanuma barbaaddu fudhattee gara mana mootichaa dhaquu in dandeessi.

14 Isheen galgala achi dhaqxee, borumtaa ganama deebitee gara kutaa mana dubartootaa isa lammaffaa in dhaqxi; achittis Sha'asgaaz xu'aashicha isa saajjatoota mootichaa eegu biratti in eegamti; mootichi isheetti gammadee addumaan yoo ishee waamuu dhabaate, gara isaatti hin deebitu.

15 Amma yeroon Asteer ishee Mordekaayi akka dhala isaatiitti guddifate fuula mootichaatti dhi'aattu in ga'e; Asteer kun intala Abiihaayil wasiila Mordekaayi; isheen wanta Hegaayi xu'aashichi eegduun dubartootaa <<Fudhadhu!>> jedhe irraa kan hafe waan tokko illee hin barbaanne; nama ishee arge hundumaas in naasifatti turte.

16 Ahashweros mo'ee waggaa torbaffaatti, waggichattiis ji'a kurnaffaa isa <<Xebet>> jedhamutti gara mana mootichaatti in geeffamte.

17 Mootichi dubartoota warra kaan caalaa Asteerin in jaallate; durboota sana hundumaa keessaa isheen fuula isaa duratti ayyaanaa fi simboo in argatte; kanaafis mootichi gonfoo mootummaa mataa ishee irra kaa'ee, iddoo Waashtii akka isheen mootittii taatu in godhe.

18 Yommus mootichi waa'ee Asteeriif jedhee, gurguddoota biyyaa isaa fi hojjetoota isaa hundumaaf nyaachisa guddaa in godhe; guutummaa kutaa biyya isaatii keessattis maarama labsee, akka arjummaa isaatiittis namootaaf kennaa in kenne.


Mordekaayi Wanta Mooticha Irratti Koratame Ifa Baasuu Isaa

19 Yeroo durboonni sun si'a lammaffaa walitti qabamanitti, Mordekaayiif immoo yaa'ii mana mootichaa keessatti iddoon kennamee ture.

20 Asteer akkuma yeroo Mordekaayi ishee guddisee isaaf abboomamaa turte, ammuma iyyuu yaada isaa duukaa bu'aa jirti; eessaa akka dhufte akka isheen hin mul'ifneef ishee dhowwe waan tureef, isheenis hamma har'aatti iyyuu qomoo ishee fi sanyii ishee hin mul'ifne.

21 Bara Mordekaayi yaa'ii mana mootichaa keessatti iddoo kennameef sana irra turetti, xu'aashota balbala mootichaa eegan keessaa lama Biigtaanii fi Teresh aaranii, Ahashweros mooticha ajjeesuudhaaf in koratan.

22 Mordekaayi garuu dubbii mooticha irratti koratame kana bira ga'ee Asteer mootittiitti in hime; isheen immoo Mordekaayi dubbii kana bira ga'uu isaa mul'iftee mootichatti in himte.

23 Dubbichi qoratamee dhugaa ta'uun isaa bira ga'amnaan jarri lachanuu mukatti in rarraafaman; kunis macaafa seenaan guyyaa guyyaa itti caafamu isa kan mootichaa keessatti caafameera*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements