Online Bible

- Advertisements -


Amoos 9 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Firdiin Israa'elin Eeggatu Kan Hin Oolle Ta'uu Isaa

1 Ammas Waaqayyo gooftaan iddoo aarsaa gara irraa utuu dhaabatuu mul'ataan nan arge; inni,<<Manichi guutummaatti akka raafamutti mataa utubaa isaa rukuti! Mataa hunduma isaanii irrattis caccabsi! Warra kana irraa hafanis billaadhaan nan ajjeesa, isaan keessaa tokko illee danda'ee jalaa hin baqatu, tokkos illee jalaa hin ba'u*.

2 Isaan qotanii iddoo lafa jalaa yoo ga'an iyyuu, harki koo qabee achi keessaa ol isaan in baasa; bantii waaqaatti yoo ol ba'an iyyuu, achii gad isaan nan buusa*.

3 Gubbee tulluu Qarmelos irra yoo dhokatan iyyuu, achi irratti argee isaan nan qaba; ija koo duraa galaana gad fagoo keessa lafa bira ga'anii yoo miliqan iyyuu, achitti iyyuu bofni galaana keessaa akka isaan idduuf nan abbooma.

4 Booji'amanii diinota isaanii dura yoo oofaman iyyuu, achittis billaa isaanitti nan ajaja, innis isaan in ajjeesa; gaariidhaaf utuu hin ta'in, ija hamaadhaan isaan nan ilaala>> jedhe*.

5 Waaqayyo gooftaan maccaa harka isaatiin laficha in tuqa; lafichi in raafama, warri isa irra jiraatanis in boo'u; guutummaan biyyichaa akkuma laga Abbayyaa ol in ka'a, akka laga Abbayyaa isa Gibxi keessa yaa'uus gad in gala*.

6 Waaqayyo gooftaan mana isaa isa gara irraa, bantiiwwan waaqaa keessatti in ijaare; bantii waaqaa isa naannoos lafa gara irraa in dhaabe; inni bishaan galaanaa waamee, irra lafaatti lolaasus maqaan isaa Waaqayyoo dha*!

7 Waaqayyo,<<Yaa namoota Israa'el, isin anaaf akkuma ijoollee Kuush warra fagoo sanaa mitii ree>> Warra Israa'el biyya Gibxiitii akkuman ol baase, warra Filiisxiyaa biyya Kaftor keessaa, warra Aaramis biyya Qiir keessaa nan fide mitii ree?>> jedhee dubbateera*.

8 Kunoo! Waaqayyo gooftaan mootummaa biyya cubbamaa kana ija dheekkamsaatiin in ilaala; Waaqayyo,<<Ani lafa irraa isa nan balleessa; haa ta'u iyyuu malee, sanyii Yaaqoob guutummaatti hin balleessu*.

9 Kunoo, ani saba lafa irraa isinitti nan abbooma, akka nama midhaan gingilchuus, isin warra Israa'el akka gingilchan nan godha, kan hin barbaadamnes tokko illee gingilchaa keessa hin darbu.

10 Saba koo keessaa cubbamoonni warri, <<Wanti hamaan nutti hin dhi'aatu, nu hin qaqqabus>> jedhan hundinuu billaadhaan in du'u>> jedhee dubbateera*.


Israa'el Deebitee Dhaabamuuf Akka Jirtu

11 Ammas Waaqayyo, <<Gaaf tokko immoo manni Daawit inni jige ol ka'ee akka dhaabatu nan godha, keenyan mana isaa isa dhagaas nan deddeebisa, isa hurraa'es wal nan qabachiisa, akka isaa duriittis deebisee nan ijaara.

12 Isaan biyya Edoom keessaa warra hafan, saba lafa irraa keessaa warra kan koo ta'anii beekaman hundumaas haa qabatan!>> jedhee dubbateera; gooftichis kana in godha*.

13 Waaqayyo,<<Kunoo barri tokko in dhufa; bara sanas utuu namni sanyii facaasuu, booddee isaatiin immoo inni tokko haamaatti in ka'a; akkasumas utuu inni tokko ija waynii cuunfuu, inni kaan dhaabuuf lafa baqaqsuutti in ka'a; tulloonni, cuunfaa waynii isa haaraa in coccophsu, gaaronni hundinuus in fiilu*.

14 Saba koo Israa'elin gara gaariitti nan deebisa; isaan mandaroota diigaman deebisanii ijaaranii keessa jiraatu; iddoo dhaabaa waynii in qopheeffatu, daadhii waynichaas in dhugu, lafa muka ija kennu dhaabatan in qabaatu, ija isaas in nyaatu*.

15 Biyya isaanii irra isaan nan dhaaba, biyya ani isaaniif kenne keessaas deebi'anii hin buqqifaman>> jedhe*; inni kana dubbate immoo Waaqayyo gooftaa kee ti*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements