Online Bible

- Advertisements -


Amoos 7 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Firdii Israa'elin Eeggatu Mul'ataan Arguu Isaa

1 Wanta Waaqayyo gooftaan mul'ataan anatti argisiise isinitti himuufan jira. Kunoo! Marga isa duraa mootichaaf erga haamanii booddee, marga isa deebi'ee biqilutti gurmuu hawaannisaa yaase.

2 Hawaannisichi biqila lafaa nyaatee fixuuf jennaan, <<Yaa Waaqayyo gooftaa ko, Yaaqoob ilma xinnaa waan ta'eef, attamitti kana dura dhaabachuu danda'a ree>> Ati dhiisiif!>> nan jedhe*.

3 Yommus Waaqayyo isa itti fiduuf yaade in dhiise; gooftichi, <<Kun itti hin dhufin!>> jedhe*.

4 Wanta Waaqayyo gooftaan mul'ataan anatti argisiise dabalee isinitti nan hima; kunoo, Waaqayyo gooftaan firdii biyya sana irratti raawwachuudhaaf, ibidda irratti in waame; ibiddichis galaana guddaa isa lafa jalaa gubee fixee, lafa qotiisaas xaph gochuuf jedhe*.

5 Kana irratti,<<Yaa Waaqayyo gooftaa, Yaaqoob ilma xinnaa waan ta'eef, attamitti kana dura dhaabachuu danda'a ree>> Ati wanta kana irraa ittisi!>> nan jedhe.

6 Yommus Waaqayyo isa itti fiduuf yaade in dhiise; Waaqayyo gooftichi,<<Kunis immoo itti hin dhufin!>> jedhe.

7 Waaqayyo waan tokko immoo mul'ataan anatti argisiiseera; kunoo, gooftichi fo'aa tumbii isa ittiin masaraa qajeelchanii ijaaran harkatti qabatee, masaraa akkasitti ijaarame irra in dhaabata ture.

8 Inni,<<Yaa Amos, maal argita?>> naan jedhe; Kana irrattan,<<Tumbii nan arga>> jedhee deebiseef; gooftichi immoo,<<Ilaa, tumbii ittiin jal'inni saba koo Israa'el qoramee ilaalamu isaanitti nan qaba; ani deebi'ee irra isaaniif hin darbu*.

9 Iddoon ol jedhoon warri maatiin Yisihaq irratti sagadan hundinuu in onu; iddoo qulqullaa'oon warri kan Israa'el in diigamu; mana Yerobi'aam irrattis billaadhaan nan ka'a>> jedhe*.


Raajichi Ari'atamuu Isaa

10 Kana booddees Amaasiyaan lubni Bet'el, Yerobi'aam mootii Israa'elitti ergee, <<Amos namoota Israa'el gidduu dhaabatee sitti korateera; wanta inni dubbates lafti baachuu hin danda'u*.

11 Namichi,<<Yerobi'aam billaadhaan in du'a, namoonni Israa'elis biyya isaaniitii inuma baafamu, inuma booji'amus>> jedheera>> jedhe.

12 Amaasiyaan yommus Amosiin, <<Yaa namicha mul'ata argituu, asii adeemi, biyya Yihudaatti baqadhu! Achitti raajii dubbadhuu ittiin buddeena nyaadhu*!

13 Bet'el iddoo manni qulqullummaa inni mootichi keessatti sagadu, manni sabni mootummaa kanaa itti wal ga'us jiruu dha; asitti matumaa deebitee raajii hin dubbatin!>> jedhe*.

14 Ammas immoo deebisee Amaasiyaadhaan, <<Ani horii nan horsiisa, harbuus dhaabee nan guddisa malee, hojiin koo raajii dubbachuu miti, sanyiin koos raajii hin dubbanne*.

15 Waaqayyo garuu horii ani tiksu biraa na fudhatee, <<Dhaqii saba koo Israa'elitti raajii dubbadhu!>> naan jedhe.

16 Ati immoo,<<Israa'el irratti raajii hin dubbatin, mana Yisihaq irrattis hin lallabin!>> anaan jetteetta; egaa amma dubbii Waaqayyoo dhaggeeffadhu*!

17 Waaqayyo, <<Haati manaa kee mandara keessatti ejjituu in taati, ilmaan kee fi intaloonni kee billaadhaan in kufu, lafti kee funyoo safaraatiin in hirmama, atis ofii keetii biyya xuraa'aa keessatti in duuta; namoonni Israa'elis biyya isaaniitii inuma baafamu, inuma booji'amus>> siin jedha>> jedhe*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements