Amoos 5 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooYaada Garaa Akka Geddarataniif Waamuu Isaa 1 Yaa warra biyya Israa'el, dubbii ani boo'aa isin irratti dubbachuuf ka'u kana dhaggeeffadhaa*! 2 Israa'el isheen akka durbaa lafa dhoofteetti, deebitees hin kaatu; biyya ofii ishee keessatti kuftee ciifti, kan ishee kaasus hin jiru. 3 Waaqayyo gooftaanoo, <<Biyya Israa'el keessaa mandarri tokko nama kuma, duulatti yoo baase, isaan keessaa namni dhibbi in hafaaf; mandarri tokko immoo nama dhibba tokko duulatti yoo baase, namni kudhan in hafaaf>> jedheera*. 4 Waaqayyo, warra biyya Israa'eliin, <<Ana barbaaddadhaa, jiraadhaas*! 5 Iddoo sagadaaf beekaman Bet'elin hin barbaadinaa! Giilgalin hin dhaqinaa! Bersheebaattis hin ce'inaa! Warri Giilgal boojuutti in galu, Bet'el gad deebitee wanta waa'ee hin baafne in taati>> jedha*. 6 Egaa Waaqayyoon barbaaddadhaa, jiraadhaas! Kanaa'achi inni akka ibiddaatti mana Yoseef irra in bu'a, xaph in godhas; Bet'el irraa kan dhaamsus hin argamu. 7 Isin warra dhugaa namaa dubbii hadhaa'aatti geddartanii, qajeelinas lafatti gattaniif wayyoo*! 8 Inni urjoota <<Torbii>> jedhaman, urjoota <<Sadee>> jedhamanis uume, inni dukkana ifa ganamaatti diddiiru, guyyaas dukkaneessee halkan godhu, inni bishaan galaanaa waamee, irra lafaatti lolaasus, maqaan isaa Waaqayyoo dha*! 9 Inni isa jabaa irratti badiisa in bobeessa, masaraattis balleeffamuu in fida. 10 Isin isa wal ga'ii karra dallaa keessatti dhugaadhaaf falmuu in jibbitu, nama dubbii hir'ina hin qabne dubbatus in ciiggaatu*. 11 Isin nama dadhabaa dhidhiittanii bulchitanii, midhaan isaas karaa malee waan irraa fudhattaniif, dhagaa soofamaadhaan mana in ijaarrattu, garuu keessa hin jiraattan; iddoo dhaabaa waynii ija namaa harkisus in qopheeffattu, garuu daadhii waynichaa hin dhugdan! 12 Isin warri nama qajeelaa cunqursitanii gabbarsuus fudhattanii, nama dhabes firdii akka hin arganne gootan, irra-daddarbaan keessan attam akka baay'atu, cubbuun keessanis attam akka guddatu ani beeka*! 13 Kanaafis kun yeroo hamaa waan ta'eef, namni hubataan yeroo akkasiitti calluma in jedha. 14 Isin akka jiraattanitti wanta gaarii barbaadaa malee, wanta hamaa gochuu hin barbaadinaa! Yoos akkuma isin jettan in ta'a; Waaqayyo gooftaan maccaas dhuguma isinii wajjin in jiraata*. 15 Wanta hamaa jibbaa, wanta gaariis jaalladhaa! Wal ga'ii karra dallaa keessatti dhugaan jabaatee akka dhaabatu godhaa! Yommus Waaqayyo gooftaan maccaa, sanyii Yoseef keessaa warra hafanitti araara in argisiisa ta'a*. 16 Amma garuu Waaqayyo gooftaan maccaa gooftichi, <<Wal ga'ii karaa hundumaa irratti in boo'u, karaa jiru hundumaa irrattis, wayyoo! wayyoo! in jedhu; warra qotiisa qotan gaddaaf, boossiftuus boo'ichaaf in waamu. 17 Iddoo dhaabaa waynii hundumaatti iyyuu boo'ichi in ta'a; ani isin adabuudhaaf isin gidduu waanan darbuuf kun hundinuu isinitti in dhufa>> jedhe; inni kana dubbate Waaqayyoo dha*. Gar-Malee Amanachuu Israa'el 18 Isin warra guyyaa Waaqayyoo hawwaan eeggattaniif wayyoo! Guyyaan Waaqayyoo maal isiniif godha>> Inni isiniif dukkanaa'aa dha malee ifaa miti! 19 Akka nama leenca jalaa utuu baqatuu amaaketi itti dhufutti, isa jalaa ba'ees manatti galee keenyan yommuu qabatu bofni harka isaa iddu in taatu. 20 Guyyaan Waaqayyoo sun ifaa utuu hin ta'in dukkanaa'aa dha mitii ree>> Innoo duumessaa'aa dha aduus hin qabu*. 21 Waaqayyo, <<Ani ayyaana ayyaaneffachuu keessan nan jibbe, waa'ee isaas nan dhiise, wal ga'iin keessanis anatti in ajaa'e. 22 Qalma gubamuu fi kennaa midhaanii anaaf yoo dhi'eessitan iyyuu ani itti hin gammadu; horii coccoomoo qalma galataaf dhi'eessitanis ani hin ilaalu. 23 Iyya faarfannaa keessanii ana irraa fageessaa! Sagalee maseenqoo keessaniis ani dhaga'uu hin barbaadu. 24 Qooda kanaa bulchi qajeelaan akka bishaaniitti, qajeelummaanis akka laga yeroo hundumaa yaa'uutti haa burqu*! 25 <<Yaa warra Israa'el, yeroo lafa onaa keessa waggaa afurtama turtan, qalma, kennaas anaaf dhi'eessitaniittu moo ree*>> 26 Ammas isin waaqayyolii tolfamoo keessan <<Saakuut>> isa akka mootiitti fudhattan, <<Kiiyoon>> isa bifa urjii laattaniifii itti sagaddan ol fudhattanii in baadhattu. 27 Kanaaf ani biyyaa isin baasee mandara Damaasqoo garasitti boojuutti isin nan dabarsa>> jedhee dubbateera; inni immoo maqaan isaa Waaqayyo gooftaa maccaa ti*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia