Online Bible

- Advertisements -


Amoos 4 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Dubartoota Mandara Samaariyaa Irratti Dubbachuu Isaa

1 Isin yaa giiftolii, warra akka saawwan biyya Baashaan tulluu Samaariyaa irratti gabbattanii, warra dadhaboo immoo cunqursitanii, warra wanta barbaachisaa dhaban caccabsitanii, abboota manaa keessaniin <<Dhugaatii as fidaa, in dhugnaa!>> jettanii, dubbii kana dhaga'aa*!

2 Waaqayyo gooftaan qulqullummaa isaatiin kakatee, <<Kunoo! Guyyaan itti hokkoodhaan isin harkisanii, warra isin booddees hokkoo qurxummiitiin baasan in dhufa.

3 Adduma addaan qaawwa dallaa fuula keessan dura jiru keessa in baafamtu, gara tulluu Hermoonittis in daddarbatamtu>> in jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.


Warri Israa'el Cubbuu Irraa Deebi'uu Diduu Isaanii

4 <<Bet'el iddoo itti sagadan dhaqaa, irra-daddarbaa keessanis ittuma dabalaa! Giilgal iddoo sagadaa isa kaanittis irra-daddarbaa keessan ittuma baay'isaa! Borumtaa qalma aarsaa, guyyaa sadaffaattis kudhan keessaa tokko dhi'eessaa*!

5 Mee buddeena bukaa'aa irraa iyyuu aarsaa galataa dhi'eessaa, jaalala keessaniin aarsaa dhi'eessuu keessan mul'isaa beeksisaa! Akkas gochuu in jaallattu'o, yaa namoota Israa'el>> jedhee dubbateera Waaqayyo gooftaan*.

6 <<Mandara keessan hundumaa keessatti wanti afaanitti deebifattan akka hin argamne, iddoo jirtan hundumaattis buddeenni akka dhabamu anatu godhe; kanuma irratti iyyuu isin gara kootti hin deebine>> jedhee dubbateera Waaqayyo.

7 <<Midhaan sassaabuuf ji'i sadii hafee utuu jiruu, bokkaa isin nan dhowwadhe; mandara isa tokkotti bokkaan akka roobu, mandara isa kaanitti immoo akka hin roobne nan godhe; maasii isa tokkotti bokkaan in roobe, maasiin inni bokkaa dhabe immoo in goge.

8 Kanaaf namoonni mandara lama sadii, bishaan dhuguudhaaf gara mandara isa tokkootti tiratan; haa ta'u iyyuu malee dheebuu ba'uu hin dandeenye; kanuma irratti iyyuu isin gara kootti hin deebine>> jedhee dubbateera Waaqayyo*.

9 <<Waagiidhaa fi gogiidhaan isin nan rukute, lafa isin biqiltuu dhaabbattan, dhaabaa waynii keessanis nan gogse, harbuu keessanii fi ejersa keessan hawaannisatu nyaatee fixe; kanuma irratti iyyuu isin gara kootti hin deebine>> jedhee dubbateera Waaqayyo*.

10 <<Dha'icha sanyii isa biyya Gibxii keessatti ta'e isin irratti nan erge; dargaggoota keessan billaadhaan nan ajjeesise, fardeen keessanis nan boojisiise; raqni iddoo buufata keessaniis funyaan akka isin rukutu nan godhe; kanuma irratti iyyuu isin gara kootti hin deebine>> jedhee dubbateera Waaqayyo*.

11 <<Ani Waaqayyo, Sodoomii fi Gomoraa akkuman barbadeesse, isin keessaas akkasuma nan barbadeesse; isin akka mukukkula ibidda boba'aa jiru keessaa butamee taatan; kanuma irratti iyyuu isin gara kootti hin deebine>> jedhee dubbateera Waaqayyo*.

12 <<Kanaafis ani kana si irratti nan raawwadha, yaa Israa'el! Ani kana si irratti waanan raawwadhuuf, ati immoo achuma dhaabadhuu Waaqayyo kee eegi, yaa Israa'el!>> jedha gooftichi.

13 Kunoo! Inni tulloota tolche, inni qilleensa uume, inni wanta yaada isaa keessa jiru namatti beeksisu, inni barii ganamaas dukkana godhu, inni lafa ol jedhaa gara irraa adeemu, maqaan isaa Waaqayyo gooftaa maccaa ti*!

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements