Amoos 3 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooWarri Fo'aman Iyyuu Adabamuu Isaanii 1 Yommus raajichi, <<Yaa namoota Israa'el, dubbii Waaqayyoo isa inni isin irratti, guutummaa saba inni ofii isaatii biyya Gibxii baase irratti dubbate dhaggeeffadhaa*! 2 Innoo,<<Saba lafa irraa hundumaa keessaa ba'eessa godhee beekee isin duwwaa ofitti qabeera; kanaafis ani yakka keessan hundumaa isinitti nan ilaala>> jedheera>> jedhe*. Waaqayyo Hojii Isaa Karaa Raajotaa Mul'isuu Isaa 3 Namoonni lama walitti dhufanii utuu waliif hin galin walii wajjin dhimma tokkoof adeemuu ree>> 4 Leenci yoo waa qabachuuf utaale malee, caakkaa keessaa aadee of dhageessisaa ree>> Leenci saafelli yoo waa hin qabanne ta'e, mann'ee isaa keessaa sagalee isaa dhageessisaa ree>> 5 Allaattiin waan isheen barbaaddu kiyyoo keessa yoo jiraachuu dhabaate, isa keessa galtii ree>> Futtaasaan, wanti qabamu utuu itti hin bu'in lafaa futta'aa ree>> 6 Fiinoon lolaa mandara keessatti yeroo afuufamu namoonni hin wareeranii ree>> Utuu Waaqayyo biraa hin dhufin, wanti hamaan mandara tokko irra ga'aa ree*>> 7 Waaqayyo gooftaan murtoo isaa isa dhokatee jiru hojjetoota isaa warra raajotatti utuu hin mul'isin, tokko illee hojii irra hin oolchu. 8 Leenci in aada, egaa eenyu ree kan hin sodaanne>> Waaqayyo gooftaan in dubbachiisa, egaa eenyu ree raajii kan hin dubbanne*? Balleeffamuu Mandara Samaariyaa ( Amo 4:1-3 ; 6:1-7 ) 9 Mana jajjaboo mandara Ashdood keessa, mana jajjaboo biyya Gibxii keessas warra jiraataniin, <<Tulloota naannoo Samaariyaa gubbaatti walitti qabamaatii raafama gurguddaa namoota ishee gidduutti ta'uu fi cunqurfamuu ishee keessatti ta'u ilaalaa!>> jedhaatii dhageessisaa! 10 <<Isaan wanta qajeelaa akka itti hojjetan hin beekan; wanta humnaan nama irratti ka'anii saamanii argatan manneetii isaanii warra jajjaboo keessa tuullatan>> jedha Waaqayyo. 11 Sababii kanaaf Waaqayyo gooftaan, <<Diinni biyyicha in marsa, aangoo kees in cabsa; manneetiin kee warri jajjaboonnis in saamamu>> jedha. 12 Waaqayyo,<<Akkuma tiksituun horii leenci qabatu irraa kottee lama yookiis cittuu gurraa buufatee dhi'eessu, hafteen namoota Israa'el warra Samaariyaa keessa afata gaggaarii irratti aara-galfachuudhaan itti tolee jiraataniis akkasuma in ta'a>> jedha*. 13 Waaqayyo gooftaan maccaa akka jedhu! <<Dhaggeeffadhaa, sanyii Yaaqoobis gorsaa! 14 Guyyaa ani irra-daddarbaa Israa'el ilaalutti, iddoo aarsaa mandara Bet'el diiguudhaaf nan dhufa; gaanfonni iddoo aarsaas muramanii lafa in bu'u*. 15 Mana yeroo qorraa keessa taa'anii fi mana yeroo bonaa keessa taa'an nan jijjigsa, manneetiin ilka arbaatiin miidhagfamanis iddoodhaa in badu, manneetiin warri jajjaboonnis deebi'anii hin argaman>> jedha; Waaqayyo kana dubbateera*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia