Amoos 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooFirdii Biyya Mo'aab Irratti Dhufuuf Jiru 1 Amos ammas,<<Waaqayyo akka jedhu! <<Warri biyya Mo'aab lafee mootii Edoom gubanii nooraa mana diban waan godhataniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu! 2 Kanaaf, ani biyya Mo'aab irratti ibidda nan erga; inni immoo mana jajjaboo mandara Keriyot in fixa; warri duulaa utuu wacanii, sagalee fiinoos dhageessisanii, namoonni Mo'aab goolii keessa in du'u. 3 Isa biyya seerratus ishee keessaa nan balleessa, gurguddoota ishee hundumaas isaa wajjin nan ajjeesa>> jedha Waaqayyo>> jedhe*. Firdii Biyya Yihudaa Irratti Dhufuuf Jiru 4 Waaqayyo akka jedhu!<<Warri biyya Yihudaa seera koo seera Waaqayyo isaanii tuffatanii seerrata koos eeguu didanii, waaqayyolii sobaa warra abboonni isaanii duukaa bu'aa turaniin waan wallaalchifamaniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu! 5 Kanaaf,<<Ani biyya Yihudaa irratti ibidda nan erga; inni immoo mana jajjaboo Yerusaalem in fixa>> jedha>> jedhe*. Firdii Irra-Daddarbaa Isaatiif Biyya Israa'el Irratti Dhufuuf Jiru 6 Waaqayyo akka jedhu! <<Warri Israa'el irra-daddarbaa isaanii keessa waan deddeebi'aniif, adabni akka irraa deebi'u ani hin godhu! Isaanoo nama qajeelaa meetiitti, nama dhabaa immoo gatii kophee baaqqee cimdii tokkoof jedhanii in gurguru*. 7 Isaanoo mataa warra dadhaboo awwaara keessatti lafatti dhidhiitan; warra gad qabamoos karaa irraa in daddarbatu; maqaa koo isa qulqulluu xureessuudhaaf, ilmis abbaanis dubartii ejjituu tokko bira in ga'u*. 8 Isaan iddoo aarsaa hundumaa bukkeetti immoo, uffata qabsiisaaf fuudhan irra in ciisu; daadhii waynii warra adabaman biraa dhufes, mana Waaqayyo isaanii keessatti in dhugu*. 9 <<Ani immoo,<<Amoorota warra akka birbirsaa dheeratan, warra akka muka hoomii jabaatan fuula isaanii duraa hundeedhaan buqqisee sanyii isaaniis lafa irraa balleesseen ture*. 10 Lafa warra Amoorotaa kan keessan akka godhattaniif, anatu biyya Gibxiitii ol isin baasee, lafa onaa keessa waggaa afurtama isin geggeesse*. 11 Ilmaan keessan keessaa raajota, dargaggoota keessan keessaas warra addaan baafamanii:- Naaziroota jedhamanii beekaman nan kaase; kun dhuguma akkas mitii ree, yaa warra Israa'el>> Kanas ana Waaqayyo keessantu isin gaafata*! 12 Isin garuu Naaziroota daadhii waynii akka dhugan in gootan; raajotaanis:- Raajii hin dubbatinaa! jettanii abboomtan*. 13 << <Ammas akkuma konkolaataan bissii midhaanii baatu wal rigee iyyu, kunoo, anis gidiraa jalaa akka iyyitan nan godha. 14 Namni fiigicha danda'u lafa itti baqatu hin qabu; jabinni nama jabaa in laafa; jagni lubbuu isaa hin oolfatu. 15 Inni iddaa qabu achi hin dhaabatu, inni fiigicha danda'us miilla isaatiin of hin baasu; abbaan fardaas lubbuu isaa hin oolfatu. 16 Guyyaa sanatti jagnoota keessaa inni laphee-jabeessi iyyuu harka qullaa in baqata>> jedhee dubbateera Waaqayyo>> jedhe*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia