Online Bible

- Advertisements -


2 ጢሞቴዎስ 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Hojiitti Akka Jabaatu Gorsuu Isaa

1 Ati immoo ilma ko! Ayyaana isa Kristos Yesus nuuf kennutti jabaadhu*!

2 Dhuga-baatota baay'ee duratti waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo warra kaan barsiisuufis ta'anitti hadaraa kenni*!

3 Akka loltuu Kristos Yesusitti dhiphina sana keessaa qooda qabaadhu*!

4 Namni loltuu ta'ee lolaa jiru, isa loltuu godhee isa qacarate sana gammachiisuudhaaf, bukkeedhaan waa argachuudhaaf hojii warra kaanitti lixuu in dhiisa*.

5 Namni dorgomeetti jiru akka seera isaatiitti yoo dorgome malee, gonfoo mo'ichaa hin argatu*.

6 Qottuun hojii isaatti dadhabu duraan dursee ija midhaan isaatii irraa nyaachuun in ta'aaf*.

7 Wanta ani dubbadhu kanas itti yaadi, gooftaan waan hundumaaf hubannaa siif in kenna*.

8 Yesus Kristosin isa warra du'an keessaa kaafame, isa sanyii Daawit keessaa dhalate, akka ani wangeela koo keessatti lallabetti yaadadhu*!

9 Sababii wangeela isa ani lallabe kanaaf, akkuma nama hamaa godheetti hidhamee dhiphachaan jira; dubbiin Waaqayyoo garuu hin hidhamu*.

10 Kanaafis, warri fo'aman fayyina isa karaa Kristos Yesus dhufu ulfina bara baraa wajjin akka argatanitti, isaaniif jedhee waan hundumaa obsaan nan baadha*.

11 Dubbichi amanamaa dha; innis, ?Kristosii wajjin duuneerra yoo ta'e, isaa wajjin immoo in jiraanna*;

12 obsaan yoo dandeenye, isaa wajjin immoo in moona; yoo nuyi isa ganne, innis immoo nu ganuuf jira*;

13 yoo nuyi amanamoo ta'uu dhabaanne, inni ofii isaa ganuu waan hin dandeenyeef, inni akkuma amanamaa ta'etti in hafa? in jedha*.


Hojjetaa Hojiin Isaa Fudhatamuuf Akka Inni Ta'uuf Gorsuu Isaa

14 Wal diduun namootaa warra dhaga'an diiga malee, waan tokkoof waa'ee akka hin baafne isaan yaadachiisi! Waaqayyo durattis isaanitti dhugaa ba'i*!

15 Ati akka hojjetaa qoramee fudhatamee, waan itti yeella'u hin qabneetti, akka nama dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjetuutti, Waaqayyo dura of dhaabachiisuudhaaf dhama'i*!

16 Dubbii midhaan hin qabne isa wanta qulqullaa'aadhaan mormu irraa fagaadhu! Inni ittuma caalchisee nama Waaqayyoo ta'uu irraa nama fageessa*.

17 Dubbiin akkasii akka madaa foon nyaatee bal'achaa adeemuu ti; Himnewosii fi Filexoos warra dubbii akkasii dubbatan keessa jiru*.

18 Isaan kun ?Du'aa ka'uun kanaan dura ta'eera? jechuudhaan dhugaa irraa kaataniiru; amantii warra kaaniis gara galchaniiru*.

19 Haa ta'u iyyuu malee, hundeen Waaqayyo kaa'e jabaatee in dhaabata. Mallattoo, ?Gooftichi warra kan isaatii in beeka? kana malees, ?Namni goofticha maqaa dha'atu jal'ina irraa haa deebi'u!? jedhus in qabaata*.

20 Mana guddaa tokko keessa qodaa warqee irraa yookiis meettii irraa tolfame duwwaa utuu hin ta'in, qodaan muka irraa yookiis suphee irraa tolfames jira; kaan qodaa hojii ulfinaa itti hojjetanii dha, kaan immoo qodaa hojii salphinaa itti hojjetanii dha*.

21 Ammas namni warra wanta salphinaa hojjetan irraa yoo of qulleesse, qodaa ulfinaa in ta'a; akkasittis qodaa addaan ba'ee, gooftaa isaatiif waa'ee baasu, hojii gaarii hundumaafis qophaa'aa in ta'a*.

22 Ati immoo kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu irraa baqadhu, warra garaa qullaa'aadhaan maqaa gooftaa waammatanii wajjin qajeelina, amantii, jaalala, nagaa duukaas bu'i*!

23 Qoccolloo akka kaasan waan beektuuf, morkii gowwummaa isa toora hin qabnettis hin lixin*!

24 Hojjetaan gooftichaa nama hundumaatti gaarummaa argisiisuun, namoota barsiisuu danda'uun, waan hamaa obsaan namaaf danda'uun isaaf in ta'a malee, nama qoccoluun isaaf hin ta'u*.

25 Inni warra ittiin morman hafuura gara-laafinaatiin gorsee gara gaariitti deebisuun in ta'aaf; isaan dhugaa beekuu bira ga'uudhaaf yaada garaa isaanii akka geddarataniif Waaqayyo karaa in kennaaf ta'a*.

26 Yoos isaan qalbii godhatanii, Seexana isa jaalala isaa akka godhaniif kiyyoo isaatti isaan galche harkaa in ba'u*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements