Online Bible

- Advertisements -


2 ተሰሎኒቄ 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Dhufa Gooftaa Dura Inni Hamaan Sun Bakkeetti Ba'uu Isaa

1 Ammas obboloota ko, waa'ee dhufa gooftaa keenyaa Yesus Kristosii fi waa'ee isaa wajjin walitti sassaabamuu keenyaa akka beektaniif waanan isin kadhadhu qaba*.

2 ?Guyyaan gooftaa ammuma iyyuu dhufeera? kan jedhu, wanta Waaqayyo nutti mul'isee himu keessa, dubbiidhaan yookiis caaffataan akka waan nu biraa ba'eetti isa odeeffamuun yaadni keessan dafee hin raafamin, hin naasifaminaas*!

3 Waaqayyoon mormanii isa irratti ka'uun utuu hin dhufin, inni hamaan seera malee jiraatus ilmi badiisaa sun utuu bakkeetti hin baafamin, guyyaan sun hin dhufu; kanaaf namni tokko karaa kam illee isin hin walaalchisin*!

4 Inni bakkeetti baafamuuf jiru sun ol of qabuudhaan Waaqayyo kan jedhamuun, waanuma namni itti sagaduunis in morma; ofuma isaatii Waaqayyo ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa taa'umsa in dhaabata*.

5 Isa kana utuman isin bira jiruu akkan isinitti hime hin yaadattanii ree?

6 Yeroodhuma isaatti akka inni mul'atuuf amma wanti isa ittisu akka jiru in beektu.

7 Hamminni inni dhokataan sun kanumaan dura iyyuu hojii irra jira; garuu inni amma isa ittisu hamma karaa isaa duraa fuudhamutti hin mul'atu*.

8 Kana booddees inni seera malee jiraatu sun in mul'ata; Yesus gooftaan immoo hafuura afaan isaa keessaa ba'uun isa in ajjeesa; mul'inatti deebi'ee dhufuu isaatiinis isa in barbadeessa*.

9 Inni seera malee jiraatu kunis gochaa Seexanaatiin wanta hojii aangoo, milikkitootaa fi dinqii fakkaataniinis in dhufa*.

10 Warri baduuf jiran hundinuu immoo fayyuudhaaf dhugaa jaallatanii fudhachuu waan didaniif, gowwoomsaa hamminaa hundumaa isaan irratti in fida*.

11 Kanaafis Waaqayyo, wanta dhugaa hin ta'in akka amananiif gochaa nama wallaalchisu isaanitti in erga*.

12 Warra jal'inatti gammadanii dhugicha hin amanne hundumaatti akka faradamu in godha*.


Isin Fayyinaaf Fo'amtan Jechuu Isaa

13 Obboloota warra gooftaadhaan jaallatamtanii, hafuuraan qulqulleeffamuudhaan, dhugichattis amanuudhaan akka fayyitaniif Waaqayyo warra jalqabaa godhee waan isin fo'ateef, nuyi waa'ee keessaniif yeroo hundumaa Waaqayyoon galateeffachuun nuuf in ta'a*.

14 Ulfina gooftaa keenya Yesus Kristos isinis akka argattanitti inni karaa wangeela isa nuyi isiniif fidne kanatti isin waame*.

15 Egaa obboloota nana, barsiisa, dubbii afaaniitiin yookiis ergaa caaffataatiin, nu biraa isinitti darbetti qabamaatii jabaadhaa dhaabadhaa*!

16 Ammas gooftaan keenya Yesus Kristos Waaqayyo abbaan keenyas inni nu jaallate, ayyaana isaatiinis jajjabina bara baraa fi abdii gaarii nuuf kenne*.

17 Innumti garaa keessan haa jajjabeessu, hojii gaarii fi dubbii gaarii hundumaattis isin haa cimsu*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements